Dubartiin waggaa 20 oliif digrii sobaan ogummaa fayyaarra hojjetaa turte hidhamte

Madda suuraa, POLICE HANDOUT
Dubartiin waggaa 20 oliif digrii sobaan ogummaa fayyaan hojjetaa turte hidhaa buute
Dubartiin waraqaa ragaa digrii ogummaa wal’aansa fayyaa sammuun waggaa 20 oliif hojjette, hidhaa waggaa torbaan adabamteetti.
Zooliyaa Aleemii digriishee Yunivarsiitii Ooklaand kan Niiw Ziilaandiitti argamurraa akka argatteetti himuun, UK keessatti hojjechaa akka turte Manni Murtii Maanchastar Kiraawun odeeffachuu hime.
Dubartiin Aleemii jedhamtu kuni namoota dhukkuba sammuu qaban eeyyama isaanii malee qabdee uggurti ture.
Himannaa irratti dhiyaate 20, kan digrii sobaa dabalatee waakkattus, namoonni hawaasa keessaa walitti qabaman garuu balleessaa dha ittiin jedhaniiruunii.
Himannaa waliin dhahuu 13’n balleessaa dha yoo jedhamtu, sadii gowwomsaan qarshii argachuu, lama digrii sobaa akkasumas meeshaa sobaa fayyadamuun himannaa irratti dhiyaateen balleessaa tahuunshee mirkanaa'eera.
Abbaa seeraa Hilaarii Maanliin Gumii Waliigalaa Fayyaa waamuun waraqaa ragaa sobaan akkamiin bara 1995 doktarummaan akka galmeesseen gaafateera.
Alamiin bara 1990 keessa Niiw Ziilaanditti barnoota jalqabde hin xumurre ture. Tahus ogummaa xiin-sammuudhaan tajaajiluu dandeessee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1995tti waraqaa ragaafi xalayaa mirkanaa qubee dogoggorsuun hojjechiifatee ture.
Haa tahu malee ragaan dogoggoraa otoo jiruu Gumiin Fayyaa Waliigalaa hakiima jechuun ishee galmeessee ture.
Manni murtii Maanchastar kuni, ''shoora garaagaraa irratti walitti fufinsaan biyya waliin gahaa hojjechaa turte,'' jedhe.
Dubartiin kuni Tajaajila Fayyaa Biyyaalessa UK irraas hojii sobaan hojjechaa baateef mindaa paawundii miiliyoona 1.3'n tilmaamamu fudhateetti.
Bara 2018 Alemiin dhukkubsattuu ishee ganna 84f waraqaa ragaa dhaamsa du'a boodaa hojjechiisuun dhaaltuu qabeenyaa tahuuf yeroo yaaltu, gaazexeessaan qorannoo tokko dhugaa duuba jiru ifatti baase.
Achiin gaazexeessaa Fiil Koolmaan Yunivarsiitii Niiw Ziilanditti bilbiluun dhugaa jiru erga mirkaneesseen booda, poolisiin qorannoo jalqabe.
Abbaan alangee himannaan irratti dhiyaate Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa irraa namni amantee akka dhabuu akka gochuu maluufi dhukkubsattoonni hakiima ogummaa gahaa hin qabneen yaalamaa turan balaaf saaxilamaniiru jedha.
Himannaa dubartii kana irratti dhiyaateen booda Gumiin Fayyaa Waliigalaa, ''mirkana gahaa malee qacarrii raawwachuu isaaf dhiifama gaafatee, hakiimoota biyya alaa UK keessatti hojjetan qorachuu jalqabeera.















