US'tti dubartiin ragaa sobaatin barnoota sadarkaa lammaffaa galmoofte hidhamte

Madda suuraa, Getty Images
US bulchiinsa Niiw Jeersii keessatti dubartiin ganna 29 barattuu mana baruumsa sadarkaa lammaffaa of fakkeessun galmoofte to'annoo jala oolfamte.
Dubbiin akkana! Dubartiin Hayeji'ong Shin jedhamtu waraqaa eenyummaa sobaa baafachuun Mana Baruumsa Sadarkaa Lammaffaa Niiw Brunswick jedhamutti erga galmooftee baruumsa eegaltee booda poolisiin to'ate.
Hojjattoonni mana baruumsichaa umurii ishee osoo hin barin dura Aadde Hayeji'ong Shin guyyoota afuriif daree keessatti argamuun baruunsa horfdofteerti.
Anaga'oonni mana baruumsichaa dhimmichaafi adeemsa ittiin isheen galmaa'uu dandeesse poolisiin qorataa jiraachuu himan.
Dubbichi ifa kan ta'e gaafa Kibxataa wal gahii irratti irratti daayireektarri mana baruumsichaa Aubireey Joonsan dubartiin Hayeji'ong Shin shamarree of fakkeessun umurii ishee sobdee galmaa'uu kan ifa godhe.
"Torbee darbe galmee sobaa gaafa ilaallu dubartiin guddoo taate tokko ragaa sobaa qabachuun mana baruumsaa keenyatti galmooftetti," jedhe Aubireey Joonsan.
Manni baruumsichaa umuriin dubartittii soba ta'uufi ragaa sobaa qabaachuu ishee erga mirkaneessee booda poolisii beeksise.
Waajjiri Poolisii Niiw Brunswick akka jedhetti, Aadde Hayeji'ong Shin dubartii guddoo taatee osoo jirtuu "waraqaa ragaa dhalootaa sobaa dhiyeessun shamarree of fakkeessitee barachuuf yaaluu isheetin" to'atamte.
Baratoonni ammoo dubartiin kun isaan wajjin baatee bashannanuu akka ergaa barreeffamaa fa'aa akka ergituuf dubbatan.
Namoonni umuriin isaanii malee ragaa sobaatin galmaa'anii barachuun kun kan jalqabaa miti.
Bifuma wal-fakkaatun, bara 1993 namni umuriin isaa 30 Biriyaan MakKinon jedhamu tokko mana baruumsa sadarkaa lammaffaa Gilaasgotti argamutti barataa ture.
Yeroo sana dargaggeessa waggaa 17 akka ta'eefi Kanaadaa irraa akka dhufe himachuun ragaa sobaatin galmaa'e.
Biriyaan ragaan inni dhiyeesse soba ta'uun kan barame erga Yuunivarsiitii seenee boodha.
Seenaan isaa namoota heddu ajaa'ibee dookumentiriin illee irratti hojjatamee ture.












