Gahee harree adeemsa jijjiirama seenaa dhala namaa keessatti

Harroota

Bara Impaayera Roomaa ba'aasaanii baachuurraa hanga daldala fageenya dheeraaf haala mijeessuutti ga'een harree waan salphaatti ilaalamu miti.

Bara sanarraa hanga har'aatti ga'een harroonni sochii dhala namaa keessatti ba'atan akkaan murteessaadha.

Kana cinaan ammoo biyyoota garii keessatti jecha harree jedhu akka arrabsootti fayyadamuutu jira.

Garuu Firaansi keessatti ganda magaalaa Paaris irraa gara bahaatti kiilomeetira 280 fagaattee argamtu keessatti dubbiin adda.

Ogeeyyiin arkiyooloojii harroonni akkaataa isaaniif maluun dinqisiifannaa argachaa akka hin jirre waan sakatta'anii argatan ibsaniiru.

Ganda kana keessatti gareen ogeeyyii kunneen gosoota harree bara durii kanneen qaamaan gurguddoo ta'an mul'isaniiru.

''Harronni kunneen qaamaan baayyee gurguddoo turan,'' jehde Daarektarri Giddugala -Anthropobiology and Genomics of Toulouse, jedhamuu Ludovic Orlando.

''Qacceen sanyii harroota Ardii Afrikaan hidhata qaban kunneen guddina qaamaan fardallee ni caalu turan,'' jedha qorataan kun.

Qorannoon garee Orlando kun hariiroo dhala namaa fi harroo bara durii irraa kaasee ture kan mul'isuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Orlando'n jedhutti sanyiin harroota ganda Firaansi kana keessatti wal horaa turanii seenti meetira 155 dheeratu.

Harroota bara kana addunyaarra jiran keessaa kan warra sanatti siqu qaccee sanyii harree Ameerikaa- Mammoth Jacks jedhaman qofa.

Harreen- American mammoth Jacks jedhamu korma yoo ta'u, hormaata qofaaf oola.

Harroonni Firaansi kunneen bara Impaayera Roomaa bakka isaaniif malu hin arganne jedha Orlando'n.

''Jaarraa 2ffaa fi 5ffaa keessa warri Roomaa harree kana kan isaan fayyadamaniif gaangee horsiisuuf ture. Gosti harree kun farda waliin quunnamtii saalaa erga raawwatee booda gaangeetu gidduudhaa argama. Gaangee ammoo meeshaa waraanaa itti fe'atu turan,'' jedhe Orlando'n.

''Harroonni Awurooppaa keessatti argaman kunneen harroora lixa Afrikaarraa dhufan waliin sanyiinsaanii walmakeera,'' jedhe.

Adeemsa jijjiirama seenaa dhala namaa keessatti ga'ee harreen ba'achaa turte qorachuuf gareen saayintistoota 49 ta'an laaboraatoorii 37 irraa walittii dhufuun qaccee sanyii harree durii 31 fi kan ammaa 207 addunyaa mara irraa walitti guuruun qorataniiru.

Qorannoon isaanii baayyinaa fi gosa harree irratti jijjiiramni mul'achaa jiraachuu agarsiise.

Harree durii suuraa dur kaafamerraa

Saayintistoonni kunneen akka jedhanitti harroonni manaa waggoota 7,000 dura harroota bosonaarraa Keeniyaa fi Baha Afrikaa keessatti tikfattootaan madaqfaman.

Harroonni amma addunyaarra jiran hundinuu harroota bara sana madaqfaman irraa kan argaman ta'uu qorattoonni kunneen ibsaniiru.

Qorannoon duraan ture ammoo harreen jalqaba Yaman keessatti madaqfamuu ibse.

Afrikaa keessatti harreen argamuun, bara magariisi Sahaaraa badeen walqabata.

Waggaa 8,200 dura bosonni Sahaaraa (yeroo ammaa gammoojjii akkaan ho'aa) dhabamuu rooba bosonaa fi babal'ifannaa lafa dheedumsaatiin baduu eegale.

Bara sana harreen madaqfamuun burjaajii fi sochii uummataa ture dandamachiisuu keessatti ga'ee olaanaa ba'ateera.

''Dhiibbaan jijjiirama qilleensaa namoonni akka harree madaqsan dirqamsiise. Haala qilleensaa hamaa fi teessumaa lafaa mijataa hin taane keessatti harreedhaan meeshaalee geejjibsiifataa turan,'' jedhe Orlando'n.

Akkaataa qorannoo saayintistootaatti harreen jalqaba Baha Afrikaatti madaqfamuun isa booda gara Sudaan fi Masriitti babal'atan.

Masriitti harreen waggaa 6,500 dura akka turte ragaan arkiyooloojii ni mul'isa.

Waggoota 2,500 darban keessatti sanyiin harree madaqfaman kunneenii gara biyyoota Awurooppaa fi Eeshiyaatti babal'atanii yeroo ammaa addunyaa walga'aniiru.

Ogeettiin arkiyooloojii Yuuniversitii Giraaz, Awustiraaliyaa keessaa hojjetu Laerke Racht, meeshaalee gurguddoo fageenya dheeraa geejjibsiisuuf dandeettii dhalli namaa horate keessatti ga'een harree olaanaadha jedhe.

''Bara qarooma durii laggeen Mesopotamia- Euphrates fi Tigris akkasumas kan Masrii- Naayil meeshaalee gurguddoo geejjibsiisuuf oolaa kan turan ta'us, geejjiba lafarraaf garuu harree qofatti dhimma ba'aa turan,'' jette.

Harree daandii qulqulleessuuf har'allee itti fayyadamu

Harroonni gatii guddaa waan qabaniif sirna barbaachisoo taʼan keessatti illee ni mulʼatu turan.

"Gibxii fi Mesopotaamiyaa keessatti harreen nama waliin, yeroo tokko tokko mootota ykn bulchitoota waliin illee awwaalamuu danda'u jedhamee fudhatama ture," jette Recth.

Qorannoon saayintistoota kunneenii akka ibsetti harroonni gosa bineensota madqafamanii kaan, keessatti fardeen, caalaa michuu dhala namaa turan.

''Fardeen ammayyaa har'aa kanneen waggaa 4,200 dura madaqfaman seenaa dhala namaa keessatti ga'ee olaanaa qabu. Kan harree garuu kana caala,'' jedhe Orlando'm.

Garuu faayidaan harroonni dhala namaaf kennanii fi bakki isaaniif kennamu waladda.

Dhalli namaa fardaa fi sareef bakka guddaa kenna. Guyyaa har'aa ifaajeen harree biyoota hedduu biratti akkuma gatii dhabee jiru, biyyoonni harreef gatii maluuf kennanis jiru.

Harroonni ba'aa eenyuyyuu hin baadhanne dhala namaaf baatu

"Harreen jireenya guyyaa guyyaa namoota miliyoonaan lakkaa'aman guutuu addunyaa keessatti bineensa akkaan barbaachistuudha," jedha Todd.

"Baayyinni harree waggaa waggaan %1 dabalaa jira. Biyyoota guddatan keessatti harree jireenya guyyaa guyyaa keessatti kan itti hin fayyadamne ta'us, biyyoota Arabaa dabalatee, hawaasa guddachaa jiran hedduu keessatti namoonni ammallee sochii namootaa fi meeshaaleedhaaf harree irratti hirkatu."

Bineensa ba'aa dhala namaa baattee yoonaan geesse gatiishee hubachuun dirqama jedhu saayintistoonni kunneen.

Keessattuu akkaataa harroonni itti madaqfamanii fi qaccee sanyii harroota durii adda baasanii hubachuun, fuulduratti gosa harrootaa filatamoo akka addunyaan qabaattuuf murteessaadha jedhan.