Warshaan qalma harree Asallaa dhuguma deebi'ee hojii jalqabee?

Haroota dheedaa jiran

Waggoota torbaan dura warshaan qalma harree biyyattiitti kan jalqabaa ta'e Magalaa Asallaatti banamee turus mormii hawaasa irraa dhihaateen osoo itti hin fufin cufame.

Biyyattiitti warshaan qalma Harree kan lammataa kan ta'es ammoo waggootaan dura Magaalaa Bishooftuutti banamee turus aadaa fi safuu hawaasaa wajjin hin deemu jechuun komii hawaasni naannoo kaasaniin innis cufamee ture.

Haa ta'uutii warshaan qalma Harree magaala Asallaa waggoota torbaan dura cufamee ture amma akka haaraatti hojii jalqabeera gabaasaaleen jedhan bahaa jiru.

Barruun 'Addis Fortune' akka gabaasetti warshaan kun deebi'ee erga banamee as baatilee shan keessatti harroota 6000 qaleera.

Baati darbe qofa foon harree doolaara 80,000 baasu gara gabaa Baha Eeshiyaatti erguus 'Addis Fortune' gabaaseera.

Dhaabbata nageenya harrootaa irratti hojjetu 'The Donkey Sanctuary' jedhamutti Daayireektara Itoophiyaa kan ta'an Dr. Booji'aa Hindhabuu, warshichi deebi'ee banamuu isaa jiraattota naannoo irraa oduu dhageenyus gaaffii kana Ministeera Qonnaa gaafannaan deebii 'Warshichi hin banamne' jedhu arganne jechuun BBC'tti himan.

Dhaabbanni 'The Donkey Sanctuary' warshicha kallattiidhaan hordofuu fi gaafachuuf aangoo waan hin qabneef jecha karaa Gaazexeessitoota naannicha jiranii fi hawaasa naannootiin dhimmicha qulqulleeffachaa jiraachuulleen himan.

Jiraataan magaalaa Asallaa maqaan isaa akka ibsamu hin barbaanne tokko ammoo, ''warshichi karaa dhoksaa ta'een qalma kana raawwachaa akka jiru hirriyaa kiyya warshicha keessa hojjeturraa mirkaneeffadheera'' jechuun BBC'tti dubbate.

Itti gaafatamtuun Waajjira Investimentii Magaalaa Asallaa Aadde Qamariyaa Saanoo ammo warshaan qalma harree Asallaa hojiitti deebi'uu isaatiif ragaan nuti beeknu hin jiru jedhan.

"Warshichi waggaa torba dura kan cufame. Nuti ammas taanaan warshichi akka cufametti beekna. Heeyyama warshaa kanaa kan kenname federaala irraayi. Ammas heeyyamni suni itti haafufuu fi haa dhaabbatuu isaanumaatu murteessa. Nuti garuu ragaa hanga ammaatiin warshichi akka hojiitti hin deebinetti beekna," jedhan.

Odeeffannoo warshaan kun dhoksaadhaan qalma Harree raawwachaa jira jedhu kanas qaaman bakka warshichaa deemuun hordoffii goonee ni qulqulleeffanna jedhan.

Harrootaafi faradoo bakka gabaatti
Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaatti harroonni geejjibaaf faayidaarra oolu

Akka ragaan dhaabbata 'The Donkey Sanctuary' irraa arganne ibsutti, Itoophiyaan harroota miiliyoona saddeetii hanga sagalii qabaachuun addunyaarraa sadarkaa tokkoffaa irratti argamti.

Chaayinaan waggootaan dura baay'ina harroota qabduun addunyyaarraa sadarkaa duraarra turtus qalmi harrootaa waan dabaleef biyyattiin baayyina harrootaa miiliyoona 11 ture amma gara miiliyoona sadi ta'utti akka gadi bu'elleen himan.

Itoophiyaan baay'ina harrootaatiin sadarkaa duraarratti argamuun ishee fedhii investaroota qalma harree irratti hojjetanii akka harkiselleen dubbatan.

Qalmi Harree maal miidha?

Biyya akka Itoophiyaa qonna irratti hundaa'anii fi adeemsa Omisha Qonnaa keessatti ammoo Harreen gahee guddaa baatu keessatti warshaaleen qalma harree banamuun dhiibbaa hawaasumaa jabaa fida jedhan Dr. Booji'aan.

"Warshaaleen akkanaa yeroodhaaf sharafa alaa fidee biyya kan tajaajilu fakkaatu. Garuu gadi fageenyan yoo ilaalamu uummanni keenya kotte duudaa irratti hirkatee jiraata. Geejjibni hedduun harreedhaan kan fe'amu. Gaafa Harreen qalmatti dhumaa deemu ba'aa baachuun kallattiidhaan dubartootatti darba," jedhan.

Warshaaleen qalmaa Harree irratti hojjetan gara biyyaatti yeroo dhufan 'harroota ofii keenyaan horsiifnee qalla' jedhanii kan dhufan ta'us qabatamaadhaan yeroo hojiirra oolchan garuu argamee hin beeku jedhan.

"Harroota ofii isaanii horsiisanii achumatti kan qalan osoo ta'ee gaariidha. Biyyoota biroo keessattis yoo ilaalle jalqaba yaada akkanaa dhiheessan. Qabatamaadhaan garuu hojiirra oolchanii hin beekan. Harrootuma hawaasaa dallaaladhaan bitanii qalu," jedhan.

Qalmi Harree aadaa fi safuu hawaasa biyya keenyaa waliin deemuu dhiisuu caalaa harroonni qonnaa fi qonnaan bulaa biraa bahanii gara qalamuutti gaafa galamu rakkoon hawaasa keenyarra gahu salphaa waan hin taaneef itti yaadamuu qaba jechuun dhaaman Dr. Booji'aan.