Barreeffama koodii hogganaa Maafiyaa Xaaliyaan to'achiise

Madda suuraa, CARABINIERI
Barreeffamn koodii icciitiitiin barreeffamuun miila teessoo keessa dhokfame ture hogganaa garee Maafiyaa Xaayilaan kan baayyee barbaadamaa ture, Maatiyoo Massinaa Dinaroo ta'chuuf akka dandeessise ibsame.
Poolisiin barreeffama kanas osoo Maatiyoon hin to'atiin baatii tokkoon dura Amajjii darbe mana obboleettii isaa Rosaliyaa jedhamtu, kan magaalaa guddoo Sisiilii Paalermoo jiraattu keessaa wayita sakkatta'aniitti kan argate.
Obboleettiin isaa Rosaliyaa Messinaa Dinaroo ammoo Jimaata darbe kana Siisiliitti hidhamte.
Obboleessi ishee Maatiyoo Massinaa Dinaroo nama ganna 60 yoo ta’u, waggoota soddaman darban poolisii jalaa miliqaaa kan ture yoo ta’u, deeggarsa maatiitiin murtoo haqaa akka hin arganne miliqaa ture.
Maatiyoo Massinaa Dinaroo hogganaa garee wanbadee/maafiyaa hamoo Kostaa Nostriraa jedhamamnii ta’uu shakkama.
Namni kun lubbuu namoota hedduu balleessuu isaatiif manaa murtiitti hin dhiyaatiin, bakka inni hin jirreetti bara 2002tti hidhaan umurii guutuu itti muramee ture.
Xumuraarratti poolisiin kilinika dhuunfaa magaalaa guddoo Siisilii Paalermootti argamu tokko keessatti isa qabe.

Madda suuraa, Reuters
Maatiyoo Massinaa Dinaroo waraqaa eenyummaa sobaatiin kilinika wal’aansa kaansarii itti argataa turetti Amajjii darbe to’atame.
Hogganaa garee wanbadee kanaa hidhuurratti loltoota 100 olitu hirmaate.
Obbolettiin isaa Rosaliyaa Messinaa Dinaroo dubartii ganna 67 yoo taatu, maqaa Roozittaa jedhuun beekamti.
Roozittaan Jimaata darbe Siisiliitti erga to’atamtee booda, miseensa garee Maafiyaa ta’uun himanni irratti dhiyaate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisiin Xaaliyaan taate obboleessi ishee akka qabamee hidhamuu taasise bal’inaan ifoomsera.
Barreefamni poolisiin ifoomse kun akka himutti, poolisiin yaadannoo miila teessoo aluuminiyeemii mana Rozaliyaa magaalaa Kastilvetirano jedhamutti argame.
Poolisiin barreeffamicha kan argate Mudde darbe otoo meeshaa ittin sagalee mana sana keessaa dubbatamu ittiin hordofanii miila teessoo keessa otoo kaa’anii barreeffama kana argatan.
Barreeffamni sun argamnaan qondaaltonni poolisii suuraa kaafatan.
Barreeffamni sun duraan jechoota hiika hin qabne, mallattoofi qubeewwan fakkaatu ture.
Yaadannichi garuu Pizzinoo- barreeffama waraqaa xiqqaaratti Maatiyoo Massinaa Dinaroon koodiin barreesse firoottan isaa wajjin haasa’u ture.
Xiinxalli dhimma kanarratti gaggeeffame akka agarsisuutti, namtichi dhibee kaansariin qabamee rakkaata ture.
Sana booda poolisoonni firroottaan Rozaliyaa keessaa namni kaansariin dararamaa jiru biroo akka hin jirree erga mirkaneesseen booda, Maatiyoo Massinaa Dinaroo irraatti fuulleeffate. Maatiyoo kaansariin nama dhibameerudha.
Abbaan murtii himata irratti dhiyaate kanarratti ‘’to’annoo seena-qabeessa yaaddoo dabaan olka’me fi Rozittaan dhoksite,’’ jedhera.
Rozittaan maatii ishee maafiyaa/garee wanbadee hamoo keessatti qooda guddaa gumaachuun shaakkamte.
Poolsiin akka jedhutti, Rozittaan koodii iccitii maqaa afaan Igliziitiin "Fragolone" ykn "big strawberry" jedhu qabuun waliiin haasa’aa turte.
Rozittaan garee waanbadee hamoo kana keessatti hirmaachuu, yakka raawwachuufi obboleessaa ishee hidhaarraa miliqsuu, akkasuma akka obboleessi ishee hoggaana garee wanbadee hamoo kanaa ta’ee ittifufu gargaaruufi miseensonni garee Maafiyaa kun akka obboleessa ishee waliin hariiroo qabaatan gargaaruun himatametti.












