Hogganaan garee maafiyaa balaafamaa Mesiinaa Denaaroo attamiin qabame?

Hogganaa garee Maafiyaa balaafamaan Mesiinaa Denaaroo, magaalaa Xaaliyaanii Siisilii keessatti kilinika dhuunfaa tokko bahee osoo gara kaaffee tokkootti deemaa jiruu poolisoonni itti dhiyaachuun maqaa isaa gaafatan.
Innis hin sobne. Takka ol erga ilaaleen booad akkas jedhe. ‘’Eenyu akkan tahe isinis na beektu. Anis Maatiyuu Mesiinaa Denaarooti,’’ jedheen.
Hanga yeroo kanaatti poolisoonni dhuguma namni kun ‘’hogganaa Maafiyoota hundaa’’ tahuu isaa hin hubanne ture.
Isa qabuudhaafis poolisoonni waggoota 30’f adamsaa turan.
Maqaa Andiree Boonaafeed jedhuun kilinaka dhuunfaa tokkotti yaalamee bahaa ture.
Qorannoo waggaa dheeraaf gaggeeffame ilaaluuniifi suuraa kompiitera keessaa tokko daawwachuun dhugumayyuu namni waggaa dheeraaf barbaadaa turan sun isa kana tahuu amanan.
Yeroo hogganaa yakka qindaa’aa Koosaa Noostiraa turetti yakka balfaa bakka seeraan ala ta'etti gatuu, daddabarsa maallaqaafi daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuun himatamee ture.
Bara 2002tti ammoo ajjeechaawwan hedduun himatamee bakka inni hin jirretti murteen hidhaa irratti darbeera.
Namni kun hogganaa gosa Karloon kan tureefi barbaacha waggoota 23 booda bara 1993 to’annoo jala kan oole Tootoo Riinaadhaan qajeelfamaa fi gorfamaa akka ture amanama.
Meesinaa Deenaaroos baruma sana booda achi buuteen isaa dhabame.
Qorattoonni waggoota 30 darbaniif boca fuula isaafi sagalee xiqqoo waraabamte tokko irratti hundaa’uun isa barbaadaa turan.
Asitti argameera jechuun odeeffannoowwan bahaa turan Venezuweelaatii hanga Nezerlaandisitti dhagahamniiru.
Garuu inni magaaluma handhuura Paaleermoo taate Siisilii keessa ture.
Isa to’achuun waggoota dheeraa fudhateera.
Sababni isaa ammoo akkuma hoggantoota Maafiyaa kaanii neetwoorkii wal xaxaa taheen eegamaa waan turee fi akkasumas Siisilii keessatti hundee jabeeffachuun beekamtii guddaa waan qabuufi’’ jedhe Gaazexessaan Xaaliyaanii Andiree Purgaatoorii BBCtti akka himetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoonni baay’een to’atamuu isaaf sababa kan tahe eeruun hiriyoota isa irraa poolisiif waan kennameef jedhanii tilmaamu.
Isaan hogganaan isaanii kun kana booda waan heduu isaan fayyadu waan hin taaneef.
Waan hundaafuu hogganaan maafiyaa beekamaa waggoota dheeraaf barbaadamaa ture eeggannoo cimaan naaf godhama jechuun bilisaan daandii Paaleermoo irra deemaa ture.
Siisiliin magaalaa guddoo Koosaa Noostiraa [Maafiyaa] jedhamuun beekamti.
Garuu barbaacha waggoota 30 booda poolisiin akkamiin eeruu argachuu danda’e?
Ibsa miidiyaaf kennan irratti poolisiin eeruu argataniitu odeeffannoo jedhu dhara jedhe.
Tooftaa qorannoo durii fi ammayyaa walitti fiduun qorannoo gaggeessaniin bakka inni jiru akka adda baasan himan.
''Waggootaaf Meesinaan eessa akka jiru wantoota akeekan irratti hojjetamaa tureera, kunis neetwoorkii namoota isatti dhiyoo jiran kan hammatudha’’ jedhan Miijaa Giyaaluuz, Yuunvarsiitii LUISS Room jirutti ogeessa seeraa kan tahan.
Waggoota kurnan darban keessa namootni Denaaroof eegumsa godhu ykn garaaru jedhamuun shakkaman 100 ol to’annoo jala oolaniiru.
Qabeenyi isaa Paawondii 130 ol tahus jalaa uggurameera. Obbolaan isaas hidhamaniiru.
''Dhuma iratti kun neetwoorkii isaa dadhabsiisuun akka inni saaxilamu isa taasiseera,’’ jedhe Jeneraal Tiyoo Luuzii.
Yeroo kana manni firoota Meesinaa Deenaaroofaatti teeppiin hidhamuun waan isaan haasa’an hunduu ni dhaggeefatama ture.
Isaanis kana waan beekaniif waa’ee ‘’nama kaanserii dhukkubsatuu’’ fi ''tajaajila baqaqsanii yaaluu kaanserii’’ godhamuuf koodiidhaan odeessu turan.
Yeroo dheeraaf odeeffannoo Meesinaa Deenaaroo dhukkubsateera jedhu waan jiruuf haasaan firoota isaa kun eeruu guutuu kennuuf gahaa ture.
Odeeffannoo kanaa fi interneetii irratti ammoo namootni Deenaarootti dhiyaatan waa’ee kaanserii tiruu barbaachi [search]kan isaan godhan poolisiif odeeffannoo gahaa kenneera.
Poolisoonni qorannoo gaggeessan hogganaan Maafiyaa kun yaalii barbaada jechuun tilmamaniiru.

Madda suuraa, CARABINIERI HANDOUT
Kana booda odeeffannoo waa’ee namoota 1962 dhalachuun kaanseriin qabanii Lixa magaala Sisilii keessaa walitti qabuu jalqaban. Dhumarratti shakkamtoota kudhan adda baasan. Isaan keessaa namoota shan.
Maqaan tokko sammuutti isaan dhufe. Andiree Boonafeed, maqaa obboleessa hogganaa Maafiyaa du’eeruu Li’oonaardoo Boonaafeed.
Namni maqaa Kanaan waamamu bara 2020 fi 2021 yeroo lama Paaleermoo keessatti tajaajila baqaqsanii yaaluu argateera. Garuu bilbila isaa yoo ilaalamu magaalaa Siisilii irraa bakka fagoo akka tahe agarsiisa. Kun bakka inni itti tajaajilicha argate tahuu isaati. Garuu tajaajila yaalaa keemooteeraappiif beellamni yeroo qabamu poolisoonni beeku ture.
Carraan isaanii amma. Wiixata ganama poolisoonni hidhatan 100 tahan kilinika La Madalenaa marsan.
Meesinaa Denaaroo poolisoonni baay’een naannicha jiraachuu yoo hubatu gara kaaffee tokkootti gore.
Duubatti deebi’us poolisoonn hedduun karaa cufanii jiru. Innis hin baqanne. Dhimma yerooti malee akka qabamuun isaa hin oolle innis bareera.
Poolisoota keessaa tokko Koloneel Luusiyoo Arkiidiyaakoonoo jedhamu TGcom 24 kan jedhutti akka himetti Meesinaa Deenaaroo waggoota saddet adamsaa ture. Qaamaan yeroo isa argu ‘’miira addaa keessan gale’’ jedhe. Suuraa isaa irra dedebiin ilaalaa waan tureef isa tahuu baruu dubbate.
Hogganaa Maafiyaa- Suuta dubbachuun beekamuu xiyyaara humna waraanaan halkanuma sana gara mana hidhaa eegumsa guddaa qabuu L ‘Aquilla jedhamuutti fudhatame.
Erga qabamee odeeffannoon bakka jiraataa ture bahaa jira. Magaalaa Sisilii irraa Km116 fagaatee bakka hin eegamne Kaampoobelo di Maarziyoo jedhamtu jiraataa ture.
Bakka dhaloota isaa irraas Km 8 qofa fagaata. Ollaa isaa namni ture tokko TV Xaaliyaanii tokkotti yoo himu yeroo baay’ee wal arginee wal dubbisnee darbina jedhe.

Madda suuraa, Reuters
Bakka dhokatee jiraataa turee poolisiin homaameeshaa waraanaa hin argine. Garuu shittoo gati jabeessa, meeshaalee mana keessaa qaalii tahanii fi uffata diizaayinii adda addaan hojjetaman argamaniiru.
Yeroo to’annoo jala ooles sa’aatii harkaa Yuuroo 35,000 baasu kaawwatee ture.
Poolisiin ‘’nama balaafamaa’’ jedhamee isa eegamaa ture irra ‘’mishiroo jireenya qananii jiraatu fakkaata’’ jedhe.
Hogganaan Maafiyaa kun bakka inni jiru agarsiisuu waan danda’uuf interneetiis tahu teeknoloojii gara biraa fayyadamaa hin turre. Namoota isatti dhiyaatan yoo tahe malee.
Hojii isaa osoo hin jeeqamiin hojjechuuf jireenya teeknoloojii irraa fagaachuun isa dur durii filateera.
Haasaan isaa koodii adda addaa fi dubbii afaaniin qofadha jedhan ogeessi seeraa pirofeser Giyaazul.
Bara 2002 keessa bakka inni hin jirretti himatni irratti dhiyaatee hidhaan umurii guutuu irratti darbeera.
Yakkoota baay’ee hamoo tahanii fi Xaaliyaanii keessatti yaadatamanis hojjeteera. Isaan keessaa:
- Ajjeechaaabbaa langaa farra maafiyaa ta'an Giovanni Falcone fi Paolo Borsellino bara 1992tti raawwatame.
- Antooneelaa Bonaanoo, jaalallee Maafiyaa morkataa isaa ta'ee fi yeroo sanatti ulfa turte.
- 1993 haleellaa boombii Miilaan, Roomii fi Filooreensi keessaa namoota 10 galaafate.
- Ukkaamsaa fi ajjeechaa mucaa wagga 11 Guuseeppee di Maatiyuu, ilma Maafiyaa dhugaa baatuu mootummaa ta'ee. Mucaa kana erga ukkaamsanii wagga lamaaf kaa’uun erga ajjeesee booda reeffa isaa asiidiidhaan bulbulee balleesse. Maatiin arganii hin awwaalnne.
Kana booda Koosaa Noostiraa [Maafiyaa] hogganaa isaa kana malee akka duraatti jabaatee waan socho’u miti jedhan Yuunvarsiitii Essex keessaatti piroofesera qorannoo yakkaa kan tahan Aanaa Sergii.












