Xaaliyaanitti dararaa sanyummaa gurraachota Afrikaa irra gahu

Alika Ogorchukwu

Madda suuraa, EPA

Ari'aam Taklee lammummaa Xaaliyaaniifi Ertiraa qabdi. Ogummaan ishee fiilmiifi poodkaastii hojjachuudha.

Dhiyeenya kana namni lammii Naayijeeriyaa Alika Ogorchukwu karaa irratti ajjeeffamuun isaa "ajjeechaa jibba sanyummaa" tin ala waan biraa akka hin taane Ari'am shakkii hin qabdu.

Gurraachi lammii Naayijeeriyaa kun karaa irratti wantoota garaa garaa gurguruun yoo jiraatu nama ganna 39 ti.

Magaala qarqara galaanaa Civitaanoovaa Marchee jedhamtu keessatti ajjeeffame.

Ajeechaa Aliikatiin wal qabatee gochichi jibba sanyummaa of keessaa hin qabu jedha poolisiin biyyattii garuu.

Aliikan yeroo ajjeefamu karaa irratti maarrabii harkaa gurgura tura. Guyyaa adii osoo namoonni arganii reebamee ajjeeffame. Yeroo reebamee ajjeefamu namni gidduu gales hin turre.

Ajeechaa kanaan kan shakkame namni adiin maqaan isaa Filiippoo Kilaawudiyo Guseeppee Ferlaazoo jedhamu to'annoo jala galee jira.

Qorataan poolisii akka jedhetti reebichi hamaan Alika Ogorchukwu irratti kan raawwate erga inni shakkamaa fi jaalallee isaatti waa gurguree booda "irra deddeebin" qarshii jijjiirraa akka kennuuf gaafachuu irraa kan ka'eedha.

Haata'u malee, akkaatan inni itti reebamee ajjeefame viidiyoo waraabame irraa akka mul'atutti Xaaliyaan keessa jibbi sanyummaa akkamii akka jiru agarsiisa.

Bara 2016 ttis namni lammii Naayijeeriyaa kan biraa Imaanu'el Chidi Namdi jedhamu qoccolloo sanyummaa haadha warraa isaa irra gahu ittisaa osoo jiruu Xaaliyaanii magaala Feermoo keessatti ajjeeffame.

Waggaa lama booda, dargaggeessi finxaalessi tokko godaantota Afrikaa jaha itti dhukaasanii ajjeesan.

Poolisiin yeroo isa to'atu, alaabaa Xaaliyaan maratee "Viva Italia", "hunda isaanii ajeesun" barbaada jedhee dhaadataa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannon Le Marche jedhamtu bara 2020 irraa kaasee paartii sanyummaa leellisu kan "Firateeli di'Italia" jedhamuun bulaa jirti.

Paarticha kan gaggeessu Jiiyorjiyaa Meloonii yoo taatu, filannoo jalqabaa ji'a Fulbaanaa dhufu gaggeeffamu yoo moote, dubartii jalqabaa ministeera muummee biyyattii taati.

Ari'aam Taklee akka jettutti, Xaaliyaan keessatti jibbi sanyummaa, dararaan poolisii, nama gargar baasanii qooduufi baaya'achuun paartilee farra baqattootaa ta'anii heddumataa dhufeera.

Haata'u garuu lammiilen Xaaliyaan hedduun isaanii rakkoon sanyummaa biyya isaanii keessa akka waan hin jirreetti yaadu jetti Ari'am. "Xaaliyaanii keessa sanyummaan akka jiru amanuu hin fedhan. Ameerikaa yookin UK tti sanyummaan irra hamaadha jedhu," jetti.

Waggoota dhiyoodhaa as Xaaliyaanin biyya baqattoonni akka malee itti heddummatan taatee jirti. Kanarraa kan ka'e biyyattiin baqattoota lammiilee ishee wajjin wal simsiistee keessummeessuu irratti rakkataa jirti.

Ari'am Taklee magaalaa Miilan keessatti dhalattee guddatte. Haati fi abbaan ishee Xaaliyaanii keessa waggaa 50 jiraataniiru. Garuu isheen har'a illee akka baqattuutti ilaalamti. Akka lammii Xaaliyaanii tokkootti akka ishee hin ilaalle dubbatti.

"Loqoda Miilanin dubbadha. Isaan garuu yeroo hunda eessaa akkan dhufe na gaafatu."

Hawaasa gurraacha hiriira irratti

Madda suuraa, Getty Images

Maatii baqataa irraa namni Xaaliyaanitti dhalate tokko lamuummaa argachuuf hanga waggaa 18 guututti eeguu qaba. Kuni ammoo lammii biyya sanaa ta'uun akka itti hin dhagahamne isaan taasisa.

Aleesiyaa Reeyinaa ammoo barattuu fi miseensa caasaa farra sanyummaati. Lammummaan ishee Xaaliyaanii ta'us gurraattii waan taatef akka yeroo heddu akka lammii Xaaliyaanitti ishee hin ilaalan.

Reeyinaan Roomaa keessatti kan dhalatte yoo taatu, abbaan ishee makaa sanyii Ameerikaa fi Afrikaati. Haati ishees makaa Afrikaa fi Peeruu qabdu.

Magaala xiqqoo Miilanitti dhiyootti argamtutti barataa guddatte, garuu baruumsa ishee UK tti barachuu filatte.

Akka Reeyinaan jettutti Xaaliyaanin dararaa sanyummaa qindaa'aa ta'e hambisuudhaf qophii miti.

Taatee dhiyeenya kana dubartii lammii Naayijeeriyaa irratti ta'e tokkos daraaraawwan sanyummaa biyyaattii keessaa tokko akka ta'etti kaasti.

Dunartiin gurraattin lammii Naayijeeriyaa magaala Kalabaariyaa keessatti meeshaa dhiquun jiraattu mindaa ishee waan gaafatteef reebamte.

"Mindaa ishee qofa gaafatte, garuu ni rukutamte," jetti.

Uba Kiristiinaa Ali Faarah dubartii Somaaliyaa irraa yoo taatu lammummaa Xaliyaanii qabdu. Barreessituu fi badhaasa illee kan fudhatteedha. Isheenis yaaduma Reeyinaa jetti deeggarti.

Akka isheen jettutti lammiilee Xaaliyaanii muraasatu seenaa sirna gita bittaa biyya isaanii beeka, kuni ammoo dhiibbaa lammiilee adii hin taane irratti qabu hin hubatan.

Xaaliyaanin bara bulchiinsa Beniitoo Musolonii Ertiraa, Somaaliyaa, Liibiyaa fa'aa bittee bulchaa turte.

Maatin Uba Kiritinaa Xaaliyaanii keessa waggaa 50 ol jiraataniiru, garuu: "Nuyi warra karaa sirna bittaa koloniitin Xaaliyaanii wajjin hidhata qabu akka lammii Xaaliyaanitti fudhachuu kan didan, warra bidiruudhan biyya garaa garaa irraa baqatanii dhufan akka ijoollee isaanitti akkamitti simat?" jetti.