Lammiilee Itoophiyaa dabalatee godaantoonni 1,200 odola Xaaliyaan qaqqaban

Godaantoota bidiruudhaan

Madda suuraa, Reuters

Motummaan Xaaliyaanii sa’aatii 24 darban keessatti qofa godaantonni ragaa seeraa hin qabannee 1,200 ta’an Xaaliyaan seenu ibse.

Godaantonni kunneenis Itoophiyaa dabalatee biyyoota Eshiyaa fi Afriikaa akkasumas baha jidduugalaa garaa garaa irraa kan babah yoo ta’an bidiruudhaan fe’amuun buufataalee Sisiilii qaqqabaniiru.

Godaantonni Sambataafi Dilbata gara Xaaliyan seenan kunneen Afrgaanistaan, Paakistaan, Sudaan, Itoophiyaa fi Somaaliyaa irra kan dhufan ta’usaanii namoonni hojii lubbuu baraarsaa irratti hirmaatan ibsan.

Aanga’oonni akka jedhanitti, qarqara galaanaa Kaalaabiriyaa qofaatti namoota 674 akka simataniifi, reeffi namoota shanii ammo bidiruu qurxummiin ittiin kiyyeeffamuufi namoonni haala keessatti baayyatanii turan keessatti fe’amee argachus himan.

Akkasumas godaantonni bidiruuwwan 15n fe’amanii gara sana dhaqan 522 Sambata darbe karaa buufata Laampeeduusaatiin qaqqabaniiru. Bidiruuwwan Liibiyaafi Tuniziyaa irraa ka’an kunneenis namoota gara Awuroppaa seenuu barbaadaniif bakka gahumsaa kan taasifatan buufata Laampeeduusaatti.

Miidiyaaleen Xaaliyaanii akka gabaasanitti, godaantonni jidduugala boqonnaa odoloota Siisiilii irratti argaman keessatti torbanoota darban keessa garmalee baayyataniiru.

Jidduugalichi keessummeessuu kan danda’u uummata 350 ol wayita ta'u ammatti namoota 1,184 keessummeessaa jira.

Egdoonni qarqara galaanaa fi dhaabbileen mootummaa hin taane godaantota dhibbaan lakkaa’aman waggaa waggaan lubbuu namootaa baraaru.

Galaanni Meeditiraaniyaan kunis godaansa seeraan alaatiif daandiiwwan baayyee balaafamoo ta’an keessaa tokko.

Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti Komishiin Olaanaa Godaantootaatti, bara 2021 keessa namoonni 3,200 ol galaana Meeditiraaniyaaniifi Atilaantiikii Lixaa keessatti du’aniiru ykn badaniiru jedhamuun galmaa’aniru.

Kanneen imala balaafamaa kana taasisan keessaa irra caalaan isaanii kanneen bidiruu yerootti fayyadamuun karaa seeraan alaatiin namoota daddabarsanitiin.

Kanaafu, bidiruuwwan kunneen osoo imalaa jiranuu wayita jidduutti yoo hojjachuu didaniitti namoonni seeraan ala namoota dadabarsaniif kunneenis godaantoota galaanarratti dhiisanii deemu.