Manni murtii UK imala gara Ruwaandaa godaantota jalqabaa hayyame

Godaantota dooniirraa baraaraman

Madda suuraa, PA Media

Manni Murtii olaanaa UK Kibxata dhuftu godaantota biyyattiirraa gara Ruwaandaatti xiyyaaraan dabarsuuf karooraa qabameef hayyama kenne.

Kanneen mirga godaantotaaf falman manni murtii adeemsa kana akka dhaabsisu duulaniis hin milkoofne.

Dhimmichi garuu ammas oliyyaannoon mana murtii olaanaatti Wiixata dhuftu ilaalamuufi.

Imaammata haaraa UK falmisiisaa ta'ee ragga'een godaantotni karaa seeraan alaa UK galan Ruwaandaatti geeffamaniit achii koolugaltummaaf iyyatu.

Balalii Kibxata dhufuu kanaan namootni 31 imala isa jalqabaati jedhame keessa akka jiran itti himameera.

Abbaan seeraa Jastiis Iswiift yaada ministirri dhimma biyya keessaa Priti Patel 'fedhii uummataa' jechuun imaammatni raawwachuuf dhiyeessan fudhatama kan qabu fudhatama qaba jedhan.

Paatel murtee abbaa seeraa jajanii mootummaan karoora isaa raawwachuu akka itti fufu yeroo himan, Ministirri Muummee Booris Joonsen ammoo murtee kanaan ''oduu gaarii'' jedhaniiru.

Haata'u malee kanneen murtee kana jijjiirsisuuf duulaa himata bananii turan nageenya ''godaantota humnaan deebifamaniin'' yaaddahuu fi oliyyannoo akka galfatan ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan UK karoorri kun godaantotni karaa Ingilish Chaanaal jedhamuun daangaa galaanaa ce'anii itti galuurraa hanqisa jedhee amana.

Ammaan duras godaantotni dachii ishee galan Ruwaandaa taa'anii dhimma isaanii akka hordofan gochuufi.

Bara kana qofa godaantotni 10,000 ta'an imala galaanaa hamaa ta'een gara UK galaniiru.

Dhimmi godaantota UK irraa Ruwaandaatti geeffamanii kan ilaalamu Ruwaandaadhaan yeroo ta'u, fudhatama argatee yoo jedhemmoo achuma Ruwaandaa hanga waggaa shaniitti barnootaafi deeggarsa biroo argachaa turu.

Warri iyyatni isaanii fudhatama hin arganne hiree lammattaa sagantaa godaansa biraa akka iyyatan ta'us biyya irraa dhufanitti deebifamuuf carraa bal'aatu jira.

Komishiniin Godaansaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tarkaanfii mootummaa UK godaantota Ruwaandaatti dabarsuu kana seeraan ala jechuun fudhatama dhabsiiseera.

Abbaan seeraa murtee kana dabarse godaantota kana Ruwaandaatti dabarsuun ''qabinsa hamaa ykn humnaan deebisuu'' ta'uu isaaf ragaan hin jiru mirga labsii Mirga Namoomaa UK jalatti labsames hin sarbu jedhe.