Addunyaarra daandiiwwan godaantonni qaxxaamuran balaafamoo ta'an isaan kam?

Migrants and refugees sit on a rubber boat before to be rescued by the ship Topaz Responder run by Maltese NGO Moas and Italian Red Cross off the Libyan coast in the Mediterranean Sea, on November 3, 2016

Madda suuraa, Getty Images

Namoota daangaa idil-addunyaa biyyootaa qaxxaamuruuf yaalan irratti balaan suukanneessaa garagaraa lama garaagarummaa guyyootaa gidduutti qaqqabeera.

Torban tokkoon dura namoonni heddummatanii wayita daangaa biyya Ispeen Afrikaa Kaabaatti argamtu Melilla (Meeliyyaa) jedhamtutti Morokorraa galuuf wayita yaalanitti yoo xiqqaate namoonni 23 lubbuu dhabaniiru.

Guyyaa sadiin booda ammoo Ameerikaa magaalaa Saan Antoniyoo keessatti poolisiin yoo xiqqaate reeffa namoota 46 konkolaataa fee'umsaa dhaabbate keessaa argateera.

Addunyaarra daandiiwwan godaantonni irratti imalan isaan gurguddoo jedhaman irratti, imalli weerara Covid-19n danqamee ture amma deebiyee eegaleera.

Wayita weeraraa keessa biyyoonni hedduun daangaa isaanii cimsuun, uggura hedduu kaa'aniiru. Kunis duuti akka dabalu godha jechuun ogeeyyiin sodaa qaban ibsachaa jiru.

UNtti Dhaabbanni Godaansaa Idiladdunyaa (IOM) akka tilmaamutti erga 2014 as godaantonni 50,000 tahan, oggaa Ameerikaa yookaan Gamtaa Awurooppaa seenuuf yaalanitti du'aniiru yookaan dhabamaniiru.

Dhaabni kun lakkoofsi dhugaa namoota du'aniifi eessa buuteen dhabamee kanaa ol taha jedha.

Addunyaarra godaantotaaf daandiiwwan akkaan balaa qabu jedhaman isaan kami? Maaliif? Odeessa kanaan ilaalla.

Giddugala Meediteeraaniyaan

A boat full of migrants is seeing on the Mediterranean Sea

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka IOM jedhutti, kuni addunyaarra daandii godaantonni qaxxaamuran isa hamaadha. Erga 2014 as namoonni 19,500 Kaaba Afrikaa ka'uun wayita Galaana Meediteeraaniyaanii qaxxaamuruun Awurooppaa galuu yaalan lubbuu dhabaniiru.

Yeroo hedduu yaaliin qaxxaamuruu kan godhamu bidiruuwwan achumatti tolfamaniifi namoota hedduu rukkatan baatanidha. Waan akka gommaa yookaan afuffeerraa tolfameenis ni imalu - kunis imala kana balaafamaa taasisa.

Bidiruun yookaan yabaloonni kun yeroo hedduu namoota garee yakkaa keessa jiraniifi namoota daddabarsaniin oofamu.

Tuuniziyaa fi Liibiyaan biyyoota ijoo godaantonni irraa ka'anii qaxxaamuruuf yaalanidha. Tuuniziyaatti bakki owwaalchaa kanneen bishaan keessa dhidhimaniif qophaawe jira.

''Qabrii kanneen asitti ennaan ilaalu guddoon gadda,'' jetti godaantuun lammii Naayijeeriyaa Vikii.

Ejensiin Daangaa Awurooppaa eegu Frontex, erga 2015 jalqabee namoonni 300,000 tahan daandii kana qaxxaamuruuf wayita yaalan baraaramaniiru.

Daandiiwwan Afrikaa keessaa

Sahara dunes

Madda suuraa, Getty Images

Godaantota Afrikaa hedduuf abjuun Awurooppaa gahuu achuma Afriikaa keessaa eegala. Kanaanis yeroo hedduu biyyoota kaaba Afrikaatti argaman gahuuf Gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuruuf dirqamu.

Haalli qilleensaa gammoojjiin kun akkaan hamaadha. Akka tilmaama IOMtti 2014 hanga 2022 namoonni 5,400 tahan gammoojjii kana keessa lubbuun darbeera.

''Gammoojjii keessa namoonni ennaa du'an agarta. Gariin humna dhabu, kaan ammoo bishaan jalaa dhumatee achumatti du'u,'' jedha godaantota keessaa tokko kan tahe Abdullaah Ibraahim.

Naannoo kanatti rakkoon guddaan godaantotaa inni biraa gareewwan yakkaa gurmaa'nii socho'anidha.

Daangaa US-Meeksikoo

Migrants trying to cross into the US via Mexico

Madda suuraa, Getty Images

Daandiiwwan godaansaa aardiiwwan Ameerikaa lamaanii keessaa galmi hundasaanii US gahuu tahuu baatus, namoota hedduuf garuu galma isaaniiti.

Daangaan US fi Meeksikoo gidduu jiru danqaa isa guddaadha. Lafa gammoojii dabalatee teessumni naannichaatis haalaan rakkisaadha. Godaantonnis yeroo hedduu gara US galuuf kan yaalan gama laga Rio Grande jedhamuufi akkaan balaa qabuuni.

Daandii kanarratti bishaan keessatti dhidhimuun balaa isa ijoodha. IOM akka jedhutti 2014 jalqabee daandiin kun lubbuu 3,000 ol galaafateera.

Kanneen balaa uumamaa akkasii irraa baqatan ammoo, konkolaattoota keessatti dhokatanii seenuun balaa biraaf saaxilamu - carraan jara Saan Antooniyootti argamaniis mudate kanuma.

''Dhiyeenya kana godaansa gara US taasifameen du'a hedduutu galmaa'aa jira,'' jedhan dubbi-himtuun IOM Safa Msehli.

Mudde 2021 keessa Meeksikoo bakka Chiapas jedhamutti, konkolaataan fee'umsaa keessa turan walitti bu'uun godaantonni 56 lubbuu dhaban.

''IOM balaa godaantonni laatin Ameerikaa ka'anii US galuuf taasisan irratti ammas yaaddoo qabu ibsa,'' jedhan Msehli.

Daandii Eeshiyaa keessaa

Rohingya

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Godaansaa Idiladdunyaa (IOM) akka jedhutti 2020 keessa godaantota 10 keessaa 4 ol kanneen Eeshiyaa keessatti dhalatanidha. Ardiin kun daandii godaantonni qaxxaamuran ijoo hedduu qabdis jedha.

Akka dhaabbanni kun jedhutti, waggoota saddeet darbanitti kanneen 5,000tti siqan, ardii kanatti du'aniiru yookaan dhabamaniiru.

Kanneen du'an keessaa harki caalu godaantota Rohingyaa fi Baangilaadesh oggaa tahan, Bay of Bengal fi Galaana Andaman qaxxaamuruun gara biyyoota ollaatti kanneen baqachuuf yaalanidha. Gariin Awurooppaallee gahuu kan yaalan jiru.

Imalasaanii kanaan balaa hammaataatu isaan qunnama.

''Beeloofnee turre. Bishaan dhugaatiis hinturre. Nyaanni, ruuziinis hin turre. Bishaanirra ji'a tokkoof akkas ture,'' jedha baqataan Rohingyaa ganna 37 Muhaammad Iliyaas. Kana kan dubbate wayita humni galaanaa Indiyaa bidiruu hojiin ala taaterraa isaan baraarutti ture.

Akkuma godaantota daandiiwwan kaanitti fayyadamanii. godaantonni kunis kanneen namoota daddabarsaniif saaxilamu.

Ardii kana keessa karaan hamaan inni biroo daangaa Iraan fi Tarkii gidduutti argamudha. Keessumaa erga Taalibaan Hagayya bara dabree aangoo qabatee, lakkoofsi Afgaanota godaananii akkaan dabale.

Ejensii baqattootaa UN kan tahe (UNHCR), lammiileen Afgaanistaan miiliyoona lamaa ol tahan, Iraan fi biyyoota ollaa naannicha jiranitti baqattummaan galmaa'aniiru.