Itoophiyaarraa dabalatee lakkoofsi godaantota biyya waraana kessa jirtu Yamanitti godaananii dabale

Madda suuraa, IOM
Godaantotni biyyoota Afrikaa kan lammiileen Itoophiyaa harka caalu qabatan biyya waggaa saddeettaffaaf waraana keessa jirtu Yamanitti godaanan dabaluu dhaabbatni godaantotaa idila addunyaa(IOM) beeksise.
Dhaabbatichi ibsa baaseen ji'oota jalqabaa shan bara 2022 keessa qofa Gaanfa Afrikaarraa godaantotni 27,800 ta'an gara Yaman imalaniiru jedheera.
Kunis lakkoofsa godaantota bara 2021 keessa waggaa guutuu gara Yaman godaananiin qixxeedha.
Bara darbe lakkoofsi godaantoa Gaanfa Afrikaa ulaa galaanaa isa imalli itti heddumata jedhamuun gara Yaman galanii 27,700 akka ture kan ibsu dhaabbatichi, lakkoofsi kun bara 2019 keessa 138,000 akka ture hima.
Lakkofsi kun bara 2020,2021 hira'tee kan ture sababoota dhorkaa imalaa Covid 19 walqabatuun akka ta'es himeera.
Amma lakkoofsi godaantotaa deebi'e dabalaa jiraachuun biyya waraana waliinii waggaa saddeettaffaa isaa qabate keessa jirtuuf yaadoodha jedha IOM. ''Waayee nageenyaafi fayyummaa namoota Yaman keessa qaxxaamuranii akkaan yaaddofneerra'' jedhan hoogganaan IOM damee Yaman Kiristaa Rootenistiyeener.
''Gareen keenya guyyaa guyyaan godaantota lola keessatti miidhamanifi kanneen imala isaaniirratti danqaman dubbisaa oolu'' jedhan.
Lakkoofsi godaantotaa bara kana dabaluu isaaf sababni adda addaa jiraatus, dhorkaan sochii COVID walqabatu laafuun, haalli qilleensaa gaariin jiraachuufi biyya godaantotni hedduun irraa dhufan, Itoophiyaa, waraanniifi hongeen mudachuun sababoota ijoodha jedha dhabbatichi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Godaantotni takkaa Yaman gahan biyyoota 'Gulf' birootti ce'anii hojii argachuuf bakka waraanni itti adeemu keessa qaxxaamuru. Kana keessa ammoo sarbama mirga namoomaa hamaa, hidhaa, humna saamamuufi humnaan bakka hin barbaannetti geeffamuun isaan mudata jedha IOM.
Dubartootni ammoo haleellaa saalaa fi saamicha humnaa namoota seeraan ala isaan daddabarsan irraa irratti raawwatamuu himatu.
Qaamoliin IOM waliin hojjetan Kaaba Yamanitti waggaa kan keessa daa'immaniifi dubartoota dabalatee godaantotni 1,000 ta'an miidhamuufi ajjeefamuu gabaasaniiru.
Magaalaa daangaa irra jirtu Sa'dah jedhamtutti hospitaala IOM deeggaru tokkotti ji'a ji'aan godaantotni dhibbaan lakkaawwaman madaa rasaasaan irra gahuuf waldhaansa argatu jedha ibsi dhaabbatichaa.
Naannoo M'rib kan adda waraanaa irraa km 25 fagaatee argamutti ammoo godaantotni 4,500 ta'an imala isaanii itti fufuu hin dandeenyes jedha.
Rootenistiyeener wanti godaantota kanaaf gochuu danda'an godaantota kana biyya irraa dhufanitti deebi'uu yoo fedhan haala mijeessuu ta'uu dubbatan.
Yamanif deeggarsi maallaqaa kennamu akkaan hir'isaa dhufus godaantota kanatti dugda hin laannu kan jedhan qondaali kun, deeggarsa maallaqaa guddaa akka fedhanis dubbataniiru.
IOM godaantota Itoophiyaa biyyatti deebisuuf maallaqa doolaara miiliyoona 7.5 akka barbaadu beeksiseera.
Hordoffii imala godaantotaa itti fufufis doolaara biiliyoona sagal akka barbaadu beeksiseera.












