Namtichi Aggituu Eda'oo Guddataa ajjeese hidhaan adabame, maatiin maal jedhu?

Madda suuraa, Reuters/Alamy
Namticha baqattuu Itoophiyaa biyya Xaaliyaanitti re'oota horsiisuun maqaa gaarii horatte - Aggituu Guddataa ajjeese, manni murtii biyyattii hidhaa ganna 20'n adabe.
Namni lammii Gaanaa maqaansaa miidiyaalee Xaaliyaan irratti Suleeyimaan Adaams jedhamuun dhahame kun, yakka kana raawwachuu erga amanee boodadha murteen kun kan irratti dabre.
Maatiin Aggituu murteen kun dhagahamuu hordofee yaada kennaniin ''murteen kun gahaa miti,'' jechuun akka itti hin gammadne BBCtti himan.
Namni ganna 33 Suleeyimaan Adaams, ajjeechaa dubartii kanaaf hidhaa ganna 15fi ji'a saddeet, akkasumas yakka gudeeddii irratti raawwateef ammoo hidhaa ganna afuriifi ji'a ja'aan adabameera.
Dubartiin milkaa'ina isheen hedduu jajamtuufi dhaabbata horsiisa re'ootaa La Capra Felice yookaan 'Re'ee Gammachuu' hundeessuun beekamte Aggituu Guddataa, Muddee 29, 2020 haala suukanneessaa taheen hojjetaa isheen qaxartee hojjechiistuun ajjeefamte.
Obboleettiin Aggituu Aaddee Hawwanii Eda'oo Guddataa adabbii hidhaa Wiixataa dhiyeenyaan maatii isaanii wajjiin hordofaa akka turan eeruun, ''Anaaf gahaa miti,'' jedhan.
''Adeemsi seeraa biyya keenyaafi kan isaanii adda adda. An ofiikootiin itti hin gammadne.
Isheen waan debitu miti, waanti ishee deebisu tokkollee hinjiru. Garuu sammuu keetiif nama ajjeeseef waggaa 20 jechuun, [gahaa] miti. An akkuma biyya keenyaa umrii guutuu adabama jedhee yaadeyyu.''
Isheen ni deebiti otoo hin ta'in nama biraatiif, lammii biraa achi jiraatuuf [barnoota akka tahuuf].''
Aggituu Guddataa eenyu?
Aggituu Guddataan dhalattee kan guddatte magaalaa Finfinnee keessattidha.
Akka gabaasa Rooyitarsitti, Aggituun bara 2010 magaalaa Finfinneetti 'saamicha lafaa' dhaabbilee idil - addunyaan taasifamu erga mormitee booda mootummaa baqachuun Itoophiyaati gara Xaaliyaanii baqatte.
Barnoota Sooshiyolojiin digirii kan qabdu Aggituun jireenya ishii Kaaba Xaaliyaani naannoo Tireentinoo garreen Valle dei Mocheni gochuun jiraataa turte. Bakki kuni Xaaliyaanii Jarmaniitti daangessa.
Lafi ummataa daggalatti akka hin jijjiiramne seera eeyyamu fayyadamuun gaara namni itti hin jiraannetti re'oota horsiisuu eegalte.
'Re'oota 15 horsiisuun eegale. Amma re'oota 180 qaba,' jechuun waggaa lama dura Rooyitarsiif dubbatte.

Madda suuraa, Getty Images
Hojii akka ishee gargaarus baqataa akka ishee mindeessite.
Halkan sa'aatii 5:00'tti ka'un re'oota elmuun ala hanga galgalaatti tiksuufi waan isaan barbaachisu guutuun hojii cimaadha. Kanuma keessa garuu milkaa'un ishee hawaasa keessa jiraattu biraa kabajaa horatte.
Aggituun annan re'eerraa areera tolchaa gurgurti. Dabalataan, areerarraa daabboollee tolchaa turte. Daldalli ishee maamiltoota horatee ture. Re'een isheen horsiistus gosa re'ee baduuf gahaniifi Pezzata Mochena jedhamanidha.
Hojiin ishee kunis baqattoota hawaasa waliin makuun jireenya fooyya'aa akka jiraachuu danda'an agarsiisee ture.

Seenaa Aggituu Afaan Ingiliiziin BBC Travel gubbaatti hojjetame hidhaa kana hordofuun dubbisuu dandeettu.













