Aggituu Guddataa: Dubartii Itoophiyaa Xaaliyaanitti re'ee horsiisuun gurra horte hojjetaan ishee ajjeesu amane

Madda suuraa, Le Donne del Vino/Fb
Dubartiin Itoophiyaa waggaa kudhan dura gara Xaaliyaanitti baqachuun re'oota horsiisuun beekamtuu taate kaleessa galgala kutaa ciisichaa isheetti ajjeefamtee argamuu Imbaasiin Itoophiyaa achi jiru mirkaneesse.
Akka miidiyaaleen Xaaliyaanii gabaasanitti, namni ajjeechaa isheen shakkamee hojjetaa isheen qaxarteefi hojii ishee gargaarudha.
Imbaasii Itoophiyaatti hojjetaa dippilomasii ummataa kan ta'an Obbo Dassaalany Mokonniin BBC'tti akka dubbatanitti kaleessa ajjeechaan erga raawwate booda poolisiin qorannoo taasiseen baqataan Aggituutin mindeeffamee ture ajjeechaa raawwatu amaneera.
Imbaasiin Itoophiyaa magaalaa Room jiru du'a isheetin gadda itti dhagahame fuula fesbuukii isaarratti ibseera.
Ajjeechaan isheerratti raawwateen lammiileen Xaaliyaanii tiwiitara gubbaa gadda isaanii ibsaniiru. Qondaalli Itoophiyaas ajjeechaan isheerratti raawwate lammiilee Xaaliyaanii biratti naasuu uumu himan.
Keessumaa isheen baqattoota gargaaruun waan beekamtuuf baqattoota birattii gadda uumuu dubbataniiru.
Akkamiin ajjeefamte?
Akka poolisiin jedhetti Aggituun biyya Xaaliyaanii bulchiinsa Tirentiinoo mana jireenyaa ishee naannawa Firaansilongo jedhamu keessatti duute argamte.
Poolisiin Aggituu, dubartii umurii 42, kaleessa [Kibxata] galgala burruusaan mataa keessa rukutamtee ajjeefamu hin oolle jedhee shakkeera. Silaa guyyaa Jimaataa umriin ishii 43 guuta.
Aggituun Kaaba Xaaliyaaniitti hojii daldalaa ofi jechuunis horsiisa re'ootaa kan eegalte yoo ta'u kanaanis beekkamtii guddaa argatte. Ittin milkooftes.
Bakkeewwan biyyattii garaa garaa irraas dargaggoonni areera annan re'eerraa tolchitu baruuf dhufaa akka turan Deutsche Welle gabaaseera.
Yeroo garaa garaatti doorsisi sanyummaa isheerra gahuu dubbataa turte. ''Fokkistuu, gurraattii jedhanii na arrabsu. Bakki jiruus biyyakoo akka hin taane natti dubbatu,'' jechuun wantaa ishee mudatu ibsaa turte.
Doorsisa sanyuummaa yeroo ishee quunname dubbattetti pirezidantiin mana maree bulchiinsa isheen keessa jiraattu Ugoo Roosi mormanii bira dhaabatanii ture.
''Aggituun baqattuu taatee bulchiinsa keenya jala hojii horsiisa [re'ee] eegaluun ishee deeggarsa taasisuu Tirentinoo agarsiisa,'' jedhanii turan.
Haa ta'u malee, ajjeechaa isheerratti raawwatef hojjetaa isheetu shakkame.
Namni ajjeechaa isheen shakkame eenyu?
Waa'ee ajjeechaa Aggituurratti raawwate gaazexoonni Xaaliyaanii hedduu gabaasaniiru.
Guyyaa ajjeechaan irratti raawwate Aggituun mahaandisoota waliin lafa qonnaa ishee babal'isuuf beellama qabdi turte.
Beellamaarratti argamuu dhabuu isheerraa kan ka'e ollaa ishee keessaa tokko kan ta'an gara mana ishee deemanis kutaa ciisichaa ishee keessa kuftee akka ishee argan gaazexaan Corriere Della Sera gabaaseera.
Poolisiin ergasii ajjeechaa ishee qoratuu eegale.
Ajjeechaa isheetin shakkamee to'atamuun poolisiin kan qoratame baqataan lammii Gaanaa jecha poolisiif kenneen ajjeechaa raawwatuu isaa amanuu gaazexichi qondaaltota poolisii waabeffachuun gabaaseera.
Baqataan lammii Gaanaa kuni waggaa sadiif Aggituu biratti mindeeffamee dalaguu hime.
Akka sababaattis kanfaltii isaaf raawwattu dhabuu himuun isaa ibsameera. Sababni dabalataa biroo jiraachuun ammatti hin beekamne.
Aggituun eenyu?
Aggituu Guddataan dhalattee kan guddatte magaalaa Finfnnee keessattidha.
Akka gabaasa Rooyitarsitti, Aggituun bara 2010 magaalaa Finfinneetti 'saamicha lafaa' dhaabbilee idil - addunyaan taasifamu erga mormitee booda mootummaa baqachuun Itoophiyaati gara Xaaliyaanii baqatte.
Barnoota Sooshiyolojiin digirii kan qabdu Aggituun jireenya ishii Kaaba Xaaliyaani naannoo Tireentinoo garreen Valle dei Mocheni gochuun jiraataa turte. Bakki kuni Xaaliyaanii Jarmaniitti daangessa.
Lafi ummataa daggalatti akka hin jijjiiramne seera eeyyamu fayyadamuun gaara namni itti hin jiraannetti re'oota horsiisuu eegalte.
'Re'oota 15 horsiisuun eegale. Amma re'oota 180 qaba,' jechuun waggaa lama dura Rooyitarsiif dubbatte.

Madda suuraa, Getty Images
Hojii akka ishee gargaarus baqataa akka ishee mindeessite.
Halkan sa'aatii 5:00'tti ka'un re'oota elmuun ala hanga galgalaatti tiksuufi waan isaan barbaachisu guutuun hojii cimaadha. Kanuma keessa garuu milkaa'un ishee hawaasa keessa jiraattu biraa kabajaa horatte.
Aggituun annan re'eerraa areera tolchaa gurgurti. Dabalataan, areerarraa daabboollee tolchaa turte. Daldalli ishee maamiltoota horatee ture. Re'een isheen horsiistus gosa re'ee baduuf gahaniifi Pezzata Mochena jedhamanidha.
Hojiin ishee kunis baqattoota hawaasa waliin makuun jireenya fooyya'aa akka jiraachuu danda'an agarsiisee ture.
Imbaasiin Itoophiyaa ministeera dhimmi alaa Xaaliyaanii waliin ta'un ajjeechaan ishee qoratamee dafee ifa akka ta'uufi shakkamaan seeratti akka dhihaatu xiyyeeffannoon akka hojjetamu BBC'tti himaniiru.
UNHCR du'a isheen 'miidhamuu' ibse
Dhaabbanni baqattoota Biyyoota Gamtoomanii (UNHCR) du'a Aggituun 'miidhamu' ibseera.
Dhaabbatichi ibsa baasen hojiin ishee ''baqattoonni hawaasa isaan simateef hangam akka gumaatu danda'an kan agarsiisedha,'' jedheera.
Dhaabbatichi dabalees, isheen boqottuus ''Aggituun fakkeenya milkaa'inaa'' jedhamuun leellifamti, seenaan yaadatamtillee jechuun ibse.
Baqattoota jireenya isaanii tolfachuuf dhamahaniifis kaka'umsa jechuun hime.










