Re'oonni Aagituu Eda'oo Guddataa maalitti jiru?

Madda suuraa, Agitu Idea Gudeta
Italii keessatti ittoo(cheese) aannan re'ee oomishuun kan beekamtu Aagituu Eda'oo Guddataa xumura ji'a Muddee bara 2020 ajjeefamuun ishee ta'ii namoota danuu gaddisiise ture.
Aagituun baqattootaaf nama falmituu fi fakkeenyummaa gaariin maqaan ishee eeramu turte.
Obboleettiin quxisuu Aagituu Aadde Hawwanii Eda'oo Guddataa himannaan nama ajjeechaa isheetiin shakkamee eessa akka qaqqabe sadarkaa maatiitti hordofaa jiraachuu BBCtti himan.
Aadde Hawwaniin ogeeyyii seeraa dhimma ajjeechaa Aagituu qulqulleessan sadii wajjin karaa toora intarneetii hordofaa jiraachuu dubbatu.
Ogeeyyiin seeraa kunneen qorannoon akka hin goolabamne nutti himani jedhan.
''Ogeeyyiin seera qorachaa jirraa nu eega jedhu, sadarkaa qoratanii irra gahan garuu nutti himaa hin jiran, tasgabba'aa nu eega jedhan'' jedhu.
Re'oota Aagituun badiirraa hambiste dabalatee qabeenyi isheen horatte kan biroon ammaaf mootummaa Itaalii harka jiraachuu dubbatu.
Poolisiin biyyattii baqataan lammii Gaanaa waggaa sadiif Aagituu biratti mindeeffamee dalagaa ture akka ishee ajjeese amanuu ibse.
Shakkamaan lammii Gaanaa sun jecha poolisiif kenneen ajjeesuu isaa amanuu gaazexaan biyyattii Koriiri Dilla Sera jedhamu poolisii waabeffachuun gabaasee ture.
Aadde Hawwaniin garuu namtichi ajjeechaa Aagituun shakkame to'atamuun ibsame ''ajjeeseera jennee hin yaadnu'' jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Aadde Hawwaniin ajjeefamuu Aagituun dura lammiin Italii ishee doorsise tokko kan ji'a sagaliif hidhamee gadhiifame akka jiru himanii, maatiin isa akka shakkan dubbatu.
''Ati gurraattidha asitti hojjachuu hin dandeessu jedhee doorsise, ji'a sagaliif hidhamee hidhaarraa bahe, nuti isa shakkina,'' jedhan.
Lammiin Italii sun hojjataa ishee ajjeesuun shakkame sanaan''maaliif hojjattaaf?''jedhee jeeqaa ture jedhan.
''Yeroo sanatti dhiisii biyya sanaa deemi, maatii kee Ameerikaa jiran bira deemuu siif wayya jennee gorsinee turre'' jedhan Aadde Hawwineen.
Aagituun garuu ''seerri biyya kanatti cimaadha hin yaadda'iinaa''jettee achitti hafuu kaasan.
Namtichi Aagituu ajjeesuu amane jedhame ''hojjataa ishee gaarii ta'uu dubbataa turte'' jedhan.
''Namni achi hin gahu, to'atameera amma murtiin kennamutti harka mootummaa jira jedhan obboleettiin Aagituu.
Aagituun re'ee kunuunsu akkamitti eegalte?
Aadde Hawwanii wajjin Aagituun ijoollummaatti Finfinneerra baadiyyaa warra akkawoosaanii ganna ganna dhaqu ture.
''Baadiyaatti horii waliin deemaa turre,'' jedhu.
Aagituun yeroo sanattis horii jaalatti jedhanii yaadatu.
Magaalaa Finfifineetti dhalattee kan guddatte Aagituun, Itaaliin gaaf baates re'oota kunuunsuutti ceete.

Madda suuraa, Ethiopian Embassy in Rome
Kaaba Italii naannoo Tireentinoo gaarreen Vaali di Mocheni jedhamanitti re'oota horsiisaa turte.
Aagituun re'oota baduuf qarree gahan baraaruun maddiitti ittoo ykn baaduu gurgurtuun beekamtii guddaa argatte turte.
Aagituun ajjeefamuu ishee hordofuun maatiin ishee kaayyoo ishee tursiisuuf maqaa isheetiin Faawudeeshinii hundeessan.
Faawundeeshiin Aagituu Eda'oo Guddataa dubartootaafi daa'imman gargaaruurratti fuulleeffata.
Dhaabbanni maqaa Aagituun hundaa'e kun ammatti hojii hin eegalle, fuulduratti hawwan baadiyyaa jiraatanif bishaan boollaa baasuu fi manneen barnootaa banuurratti hojjata jedhame abdatama.
Maatiin ishee kaayyoo Aagituu galmaan gahuuf kutannoo akka qaban dubbatu.
Namoota beekumsaa fi maallaqaan gargaaru barbaadan biroos akka simatan dubbatu obboleettiin Aagituu.
Aadde Hawwaniin Aagituu maaliin yaaadatu?
Aadde Hawwaniin waa'ee obboleettiisaanii imimmaaniin hudhamaa dubbatan.
Aagitu jabina ishee leellisu ittaansan.
''Hojiitti amantii, nan danda'a jetti."
Aagituun ittoo(cheese) aannan re'eerraa qopheessuu Firaansitti baratte.
''Ittoon ishee baay'ee beekame, ni jaalatu, kaaffee xiqqoos qabdi turte, hiriyootaaf namoota gurguddaatu dhaqa ture, Ittoos achitti gurgurti''jedhan.
Aagituun weerarri koronaavaayirasii wayita Italiitti hammaatee sanatti ni dhukkubsatti jedhanii maatiin yaadda'aa turan malee harka namatti lubbuu dhabdi jedhanii hin eegne ture.
''Aagituun ganama bariin otoo namni hirribaa hin ka'iin ittoo balbala maamiltoota ishee duratti buusaa turte, nama wajjin wal hin arginu jetti.''
Kana malees qonnaan bultoonni Itoophiyaa tiraaktara akka argatan gargaaruuf adeemsa eegalte qabdi turte akka maatiin ishee dubbatanitti.
Kana malees, ajjeefamuun dura mana turistoota simachuuf oolu Tirintiinootti ijaarsisuuf injinara beellamatee turte.
Aagituun ajjeefamuu ishee guyyaa tokko dura bilbilaan nagaa ta'ushee maatiitti himaa turte.
Namni ajjeechaa isheen shakkame eenyu?
Waa'ee ajjeechaa Aagituurratti raawwate gaazexoonni Xaaliyaanii hedduu gabaasaa turan.
Guyyaa ajjeechaan irratti raawwate Aagituun injinaroota waliin beellama qabdi turte.
Beellamaarratti argamuu dhabuu isheerraa kan ka'e ollaa ishee keessaa namni tokko gara mana ishee deemanii kutaa ciisichaa ishee keessatti kuftee akka argan gaazexaan 'Corriere Della Sera' gabaase.
Poolisiin ergasii ajjeechaa ishee qoratuu eegale.
Ajjeechaa isheetin shakkamee to'atamuudhaan kan qoratame baqataan lammii Gaanaa jecha poolisiif kenneen ajjeesuu amanuusaa gaazexichi qondaaltota poolisii waabeffachuun gabaasee ture.
Baqataan lammii Gaanaa kuni waggaa sadiif Aagituu biratti mindeeffamee dalaguu hime.
Akka sababaattis kaffaltii dhabuu jechuun isaa ibsameera.
Sababni dabalataa biroo jiraachuun hin beekamne.
Aagituun eenyu?
Aagituu Eda'oo Guddataan dhalattee kan guddatte magaalaa Finfinneetti.
Akka gabaasa Rooyitarsitti, Aagituun bara 2010 magaalaa Finfinneetti 'saamicha lafaa' erga mormitee booda mootummaa baqachuun gara Italii baqatte.
Barnoota Sooshiyolojiin digirii kan qabdu Aagituun jireenya ishii Kaaba Italii naannoo Tireentinoo garreen Vaali di Mochini gochuun jiraataa turte.
Bakki kuni Xaaliyaanii Jarmaniitti daangessa.
Lafi ummataa daggalatti akka hin jijjiiramne seera eeyyamu fayyadamuun gaara namni itti hin jiraannetti re'oota horsiisuu eegalte.
"Re'oota 15 horsiisuun eegale, amma re'oota 180 qaba," jechuun waggaa lama dura Rooyitarsitti dubbatte turte.
Halkan sa'aatii 5:00'tti ka'uun re'oota elmuun ala hanga galgalaatti tiksuufi waan isaan barbaachisu guutuun hojii cimaadha.
Kanuma keessa garuu milkaa'uu isheen hawaasa keessa jiraattu biraa kabajaa horatte.
Aagituun aannan re'eerraa ittoo ykn areera tolchaa gurgurti.
Daldalli ishee maamiltoota horatee ture.

Madda suuraa, Agitu Idea Gudeta/Facebook
Re'een isheen horsiistus gosa re'ee baduuf gahanii fi Pezzata Mochena jedhamanidha.
Hojiin ishee kunis baqattoota hawaasa waliin makuun jireenya fooyya'aa akka jiraachuu danda'an agarsiisee ture.
Imbaasiin Itoophiyaa ministeera dhimma alaa Italii waliin ta'uun ajjeechaan ishee qoratamee dafee ifa akka ta'uu fi shakkamaan seeratti akka dhihaatu xiyyeeffannoon akka hojjetamu BBC'tti himanii turan.
Aagiituu fi horsiisa re'ootaa
Gaaffii fi deebii midiyaalee garaa garaa waliin taasiifteen, loon horsiisuun aadaa maatii ishee dhalootarraa dhalootatti darbe akka ta'e dubbattee turte.
Kana malees, duraanuu pirojaktiiwwan qonnaa horsiisee bultoota irratti xiyyeeffatan irratti hojjachuun muuxannoo kan qabdu Aagituun, haalli kunis milkaa'ina horsiisa re'oota isheetiif akka gumaate dubbatti.
Italii keessatti aannan ree'ootaan baaduu hojjachuu wayita eegalteettis lammiilee Afriikaa hedduuf carraa hojii uumtee jirti.
Kanaan alattis jibba sanyii dura dhaabbachuu fi mirga baqattootaaf falmuun beekamti turte.
Ree'oota irratti hojjachuun akka ishee gammachisuu dubbataa turte.
Naannoon isheen jiraattuu horsiisa re'ootaaf waan mijatuuf akka filattee dubbatti.
Hojjattoonni ishee hojii horsiisa re'ee fi omishaa baaduu kanaaf mindeessaa turtes baqattoota carraa hojii dhaban akka turan himama.
Italii keessatti waan baratteefu galmeewwan hayyama mana jireenyaan walqabataniifi hiryyoota akka qabdu himama.













