Michuu ministira muummee Xaaliyaan dabalatee dubartoonni sadii kaaffee keessatti ajjeefaman

Madda suuraa, GIORGIA MELONI/FACEBOOK
Xaaliyaanii magaalaa Room keessatti dhukaasa namni tokko kaaffee keessatti baneen dubartoonni sadii ajjeefaman.
Dubartoota du’an keessa tokko michuu/saayiba ministira muummee haaraa Xaaliyaan Joorjiyaa Meloonii turte jedhameera.
Ajjeechaan dubartoota kanaa sadan irratti raawwatame kun Xaaliyaanii keessatti rifaatuu jabaa uumeera.
Kantiibaan magaalaa Room Roobertoo Goolteerii gocha kanaan “hameenya gara-jabinaatu raawwate,” jedhaniiru.
Namni kaaffee keessatti dhukaasa banuun ajjeechaa raawwachuun shakkame kun ga'eessa umriin isaa waggaa 57 ta’e yoo ta’u, gocha kana maaliif akka raawwate wanti beekame hin jiru.
Haa ta’u malee, dubartoonni kunneen sadan miseensa koree jiraattota naannawaa sanaa kan turan yoo ta’u, namichi osoo dhukaasa isaan irratti hin baniin dura koree kana waliin atakaaroo uumee ture jedhameera.
Walitti-qabduun itti-aantuu koree jiraattotaa Luusiyaanaa Chiyoorbaa kaaffee bakka Fidanee jedhamtu keessatti argamu keessatti sha’eefi buna dhugaa turan jechuun gaazexaan Laa Rippabilikaa gabaaseera.
Namni haleellaa gaggeesse kun Dilbata kaleessaa “hunda keessan nan ajjeesa” jechuun dhaadachaa akka ture namoonni ijaan argan himaniiru.
Isaan booda ture battalumatti shugguxii baasee dhukaasa kan bane.
Osoo poolisiin bakka sana hin qaqqabiin dura namoonni bakka sana turan waltumsuudhaan nama kana to’annoo jala oolchaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartoota sadan ajjeefamaniin ala dubartoonni biroo lamaafi dhiironni lama madaa’aniiru. Isaan keessaa tokko ammoo lubbuun isaayyu ni sodaachisa.
Ministirri muummee haaraa Joorjiyaa Meloonii akka jedhanitti, warra ajjeefaman keessaa tokko hiriyyaa/saayiba isaanii turte.
Melooniin saayiba ishee dhabuusheetti gadda itti dhaga’ame erga ibsatteen booda, “hiriyyaan ishee kun bareedduufi gammadduu turte,” jechuun ibsan.
“Nikoleetaan haadha ijoolleeshee kunuunfattu, yaada qajeelaa kan qabduufi dubartii jabduu iccitii eegdu garuu ammoo gara laafettii turte,” jechuun ishee ibsani.
MM Melooniin itti dabaluun michuun isaanii lubbuun darbe kun, “[qamisii] diimaa miidhagaa dhiyeenya kana guyyaa dhaloota ishee wagga 50ffaaf bitatte uffattee haalaan miidhagdee ture; anaaf akkuma akkasitti miidhagdeen yeroo hunda onnee koo keessa jiraatti,” jedhan.
Poolisiin namni kun maaliif gocha kana akka raawwatuuf isa kakaase baruudhaaf qorannoo jalqabeera.
Haata’u garuu, gochi kun garaa garummaa siyaasaatiin kan walqabate miti jedhamaa jira.
Gaazexoonni Xaaliyaan akka barreessanitti taanaan, namni dhukaasa banuun dubartoota kanneen ajjeese kun waldaa jiraattotaafi koree waliin morkii keessa seenee ture; tarii ariirraa ka’ee ajjechaa raawwate ta’a jedhu.
Erga bara Mosolooniitii as mootummaa qubattoota/godaantota jibbuufi leellistoota sanyii kan hundeessan Joorjiyaa Melooniin dubartiii ministira muummee Xaaliyaan jalqabaa ta'un kan muudaman ji’a dura ture.












