Ameerikaan nama 'goota' jettuun akkamitti mana-hidhaa Raashiyaarraa baafatte?

Lammii Ameerikaafi Raashiyaa biyyoonni lamaan wal jijjiiran

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan taphattuu kubbaa kaachoo beekamtuu goota biyyaalessaa taate Raashiyaatti hidhamte gadhiisisuudhaaf marii yeroo dheeraatiin booda lammii Raashiyaa yakka guddaatiin waggaa 25 akka hidhamu itti murteessiteen jijjiirratte.

Biriitinii Giraayinar ji’oota sagaliif mana-hidhaa Raashiyaa keessa turte.

Goota beekamtuu kana hiiksisuudhaaf mootummaan Ameerikaa marii namoota nageenyaa olaanoo ta’an hirmaachisaa turuun dhuma irratti milkaa’e.

Raashiyaan goota kubbaa kachoo kana kanan jijjiiru Viktor Buut yoo ta’e qofa jechuun akkuma jette milkaa’eeraaf.

Viktor Buut lammii Raashiyaa yoo ta’u, meeshaa waraanaa seeraan-alaa daldaluufi daddabarsuun adabame.

Hooliwuud seenaa nama kanaa irratti fiilmii ‘Lord of War’ jedhu hanga hojjetutti gaheera.

Mariin Raashiyaafi Ameerikaan ji’oota baayyeetiif taasisan hidhamtoota lamaan wal jijjiiruun milkaa’e.

Viktor Buut hidhaa wagga 25 itti murtaa’ee, waggoota 12 mana-hidhaa Ameerikaa keessatti dabarse.

Dhuma irratti garuu taphattuu kubbaa kaachoo beekamtuu Ameerikaa Biriitinii Giraaynar hiiksisuuf jecha gadhiifame.

Akkamiin milkaa’e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raashiyaatti ji’ootaaf hidhamtee kan turte Biriitinii Giraayinar akka hiiksisaniif Joo Baayiden irratti dhibbaan hammaate ture.

Goota ispoorti kan taate Biriitiniin akka hiikamtu duula gaggeessaa kan turte Cheriliin hiikamuu isheetti hedduu gammadde.

Joo Baayiden ‘’fayyaa isheeti, xiyyaaraan imalarra jirti, biyyatti deebi’aa jirti,’’ jedhan wayita ummatatti dhimma ishee himan.

Turtii Giraayinar Raashiyaatti dabarsite’’ ji’oota si’ool turte,’’ jedhanii waaman.

Hidhamtoota wal jijjiruun kan hiikamte Giraayinar biyyatti deebisuun ji’oota sagal fudhate.

Namoonni hedduun hidhaarraa hiikamuu isheetti gammadaniiru, garuu lammii Ameerikaa kan biraa hidhaarraa hiiksisu dadhabuutti hin gammadne ture.

Giraayinar waraanni banamuuf wayita ka’utti hidhamte

Giraayinariin kan hidhamte Raashiyaan biyya ollaa ishee Yuukireen weeraruuf guyyoota muraasni wayita hafe buufata xiyyaaraa Mooskootti qabamte.

Giraayinariin tasa hin qabamne, zayita balaa sammuu namaa adoochu kaanabisii xiqqaa qabutu shaanxaa ishee keessatti argame.

Giraayinar balleessaa dalageera jettee amanteetti, garuu itti yaadde akka hin raawwanne ibsite.

Bulchiinsi Baayiden irra deddeebiin dogoggoraan akka hidhamte ibsaa ture.

Ameerikaan Yuukireen yeroo meeshaa waraaanaa hidhaachiisaa jirtuu fi deeggaraa jirtutti ta’uun isaammoo akka hin hiikamne haalicha walxaxaa taasise ture.

Tarsiimoo marii biyyoota jajjaboo lamaanii

Biriitinii Giraayinar Raashiyaatti yeroo hin murtoofneef hidhamuun mala jettee sodaa qabdu xalayaa Pirezidant Baayideniif barreessitee turte.

Guyyoota muraasa boodammoo Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken waljijjirraa hidhamtootaarratti waan qabatamaan dhiyaate Raashiyaan fudhachuun didde jedhanii mufii isaanii ibsanii turan.

Bilinkeen mufiisaanii addabaabahitti haasa’uun dippiloomaasii keessatti hedduu baratamaa hin turre.

Hidhamtootaa fi qabsaa’oota waljijjiiruun iccitiin raawwatamaa ture.

Yeroo kanatti warri Raashiyaan jijjirraa hidhamtootaa keessatti Viiktoor Buut akka hiikamu akka barbaadan kan barame.

Viiktoor Buut – nama meeshaalee waraanaa daddabarsuun beekamu ta'us Raashiyaatti garuu Buut daldalaa iddoo dhaquun hin qabnetti imale jedhamee beekama.

Viiktoor Buut basaastota Raashiyaa waliin hidhata qabaachuufi dhiisuu isaa wanti ifatti beekamu hin jiru.