Taatoon beekamaa fiilmii Afaan Amaaraa Artiist Taarikuu Birhaanuu du'aan boqote

Artist Taarikuu Birhaanuu

Madda suuraa, Ethio Girum Photo

Filmiiwwan Afaan Amaaraa hedduurratti qooda fudhateen ummataan bal'inaan kan beekamu Artiist Taarikuu Birhaanuu du’aan boqote.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti artistichi dhukkubsatee ture. Dhukkuba isaa garuu hin ibsine.

Artistiin kuni maqaa Baabaa jedhamuunis bal’inaan beekama.

Filmiiwwan Laawundarii Booy, 300 Shii, Iyyoorikaa, Wafee Qoomach, fi kaan hedduu keessatti taatoo ta'un qooda fudhachuun isaa gabaafameera.

Du’a isaa hordofee dinqisifattoonni isaa gadda isaanii miidiyaa hawaasummaa gubbaa ibsaa jiru.

Artistiin kuni ilma tokko akka qabu gabaafameera.

Ogummaan filmii Itoophiyaa keessatti guddataa jiraatus sababa saamichaafi kaaniin rakkoo seenuufi fayyadamaa akka hin jirre taatonni ibsu.

Filmii Artiist Taarikuu Birhaanuu keessatti qooda fudhate (mirgarraa)

Madda suuraa, BENIYAM

Ibsa waa'ee suuraa, Filmii Artiist Taarikuu Birhaanuu keessatti qooda fudhate (mirgarra)