Industirii filmii Itoophiyaa saamtoonni hiyyoomsaa jiran

Filmiin ‘Ansaaroo’ jedhamu erga baasii qarshi miiliyoona lamaa itti baheen booda eebbifamee baay'ee hinturre hatamunsaa kan barame.
Hojii waraabbii filmichaatiif oggeessoonni guyyoota 40 akka itti fudhate himama. Haata’u malee, fiilmichi mana siniimaa keessa turu kan danda’ee guyyoota sadiif qofaa ta’u dubbatama. Ergasii hatamee bahe.
Jalqaba wayita eebbifameetti hatamuun filmichaa oggeessootaaf caba qalbii olaanaa akka ture dubbatu. Daarektarii filmichaa Misgaanaa Axinaafu.
Oduu hatamuu wayitan dhaga’uutti miira ‘‘guyyaa cidha keetti du’u’’ keessan gale jechuun ibsa.
Akka odeeffannoo waldaa hojjattoota filmii Itoophiyaatti baatii tokko keessatti filmiiwwan torbatu hatame.
Filmiiwwan afaan Amaaraa kanneen ‘Sositanyaa ayin, Kiiyyaa, Sheemdafar, Lene kaalash, Iromeen bazinnaa, Bahig Amlaak fi Ware Nagaarii' kanneen jedhaman hatamanii jiru.
Filmiiwwan attamiin hatamu?
Qopheessaan filmii Ansaaro Yeneneh Ingdawarqi mudannoo hannaa kanaaf haaraa miti. Kana dura filmiin ‘Sumaalewu Vaandaam’ jedhamu eebbifamee guyyoota 15'n booda hatamu hima.
‘’Shakkii tokko malee filmoonnis kan hataman manneen sinimaa keessaayi. Finfinnee keessa manneen gara 30 ta’aniitu jira. Kam keessaa akka bahe beekuun ni rakkisa malee filmichi kan hatame manneenuma siniimaatiyii,’’ jedhan.
Itti - aanaa pirezidantii qopheessitoota filmii Itoophiyaa, Ermiyaas Taaddasa akkasuma rakkoo walfakkaatu mudatee beeka. Filmiinsaa ‘Sostanyaawu Ayin’ jedhamu erga baatii tokkoof ilaalameen booda hatamee bahu hima.
Filmii kanaaf qarshii kuma 700 baasuu dubbata.
Misgaanaa Axinaafu gama isaatiin manneen sinimaa 30 filmiichi itti ergamu to’achuun rakkisaadha jechuun himu. ‘‘Isaanis attamiifi eessaan akka bahee mirkanneeffachu hindanda’an’’ jedhan.
Pirezidantii Waldaa Qopheessitoota Filmii Itoophiyaa Dassaalany Hayilu garuu ‘‘filmiiwwan kunneen wayita gulaalamanitti bakka itti qophaa’anii, ykn wayita gara manneen siniimaatti geeffaman fi manneenuma siniimaa keessa hatamu danda’u’’ jedha.
Hanna kana to’achuuf sirni teknolojii diriiree jiraachuu hima Ermiyaas.
Innis filmoota CD ykn VCD tti waraaburra karaa sirna dirirfamee sanaatiin gara manneen fiilmiitti akka ilaalamu taasisuun ni danda’ama jedha. Ta’ulleen hattoonni haaluma teknolojii kanaan wal jidduun adeemuun saamicha raawwataa jiraachu dubbata.
Filmiiwwan eenyutu hataa?
Akka Ermiyaas jedhuutti, namoonni yaada sirrii hinqabne tokko tokkos ‘hannaan gammadu.’ ‘‘Ammatti maqaa dhahu hinbarbaadu malee namoonni akkasii kan filmii ‘sostanyaa Ayin’ hatan amma dhimmichi seeraan qabameera,’’ jedha.
Yeroo ammaa kanatti filmoota hatuun bu’aa guddaan akka hinargamne dubbata Misgaanaawu. ‘‘Qaamooleen kana raawwatan tarii wanti buufatan yoo jiraate miidhaa qaqqabsiisuudha. Innis hinbuufatu.
''Bu’aansaa hamlee warra qopheessanii buusuudha…Intarneetii irratti dabarsu hindanda’u. Erga manneen viidiyootti ergameen booda namoonni bituu dhisanii wal harkaa fudhu. Kanaafu bu’aan argatu hinjiru. Nu garuu karaa haamiileefi maallaqaatiin nu miidha,’’ jedha Yenenah.
Akka inni jedhuutti namoota guddinni industirii filmiitiif dhimma hinqabneetu gochaa badaa kana raawwata. ‘‘Sababii tokko dameen kun itti du’aa deemeef kanadha. Namoonni dhiisanii keessaa bahan,’’ jedha.
Gama biraatiin ammo Dassaalanyi Haayilu rakkoon keessoo isaanii hatamu filmiiwwaniitiif madda ta’u akka hinollee hima.
‘‘Fakkeenyaaf, qopheessitoonni namoota taatee filmichaa keessatti hirmaataniif yeroon kafaltii hinraawwatan. Ykn ammoo kanfaltiisaanii osoo gutummaan hinkanffaliinif hafu.
''Kanaaf, sababiiwwan sobaafi kan biraa kennuun. Ana biratti komii hedduutuu dhiyaataa jira. Keessoo keenyas waan gaariin hinjiru.
‘‘Qopheessitoonnifi gulaaltoonni walitti dhufeenya fayyaaleessa yoo hinqabaanne, kanfaltiirratti wal dhabdeen yoo jiraate, rakkoof nu saaxilu danda’a.
''Kunis sababa tokko ta’u danda’a. Kanaafu dursa kaaniin hattuu jechuu keenyaan dura waan maan keenya jiru sakkatta’u qabna,’’ jedha.
Hanni filmii yaaddoo akkamii uuma?
Akka Dassaalanyi jedhutti gochi hannaa kunis qopheessaa filmiichaatii kaasee hanga manneen siinimaatti miidhaa qaqqabsiisuu danda’a.
Kanaan dura waggaatti filmiiwwan hanga 120 ta’an hojjatamaa turuu yaadachuun, amma sababii hannaa kanaatiin baayyee gadi bu’u hima.
Gama biraatiin ammo oggeessoonni qopheessitoota filmiifi kaan damee geeddarachuun hojiiwwan biraa irratti hirmaataa jiraachu dubbatu.
‘‘Namoota hojii filmiin walqabate irratti bobba’an kisaaraa olaanaatu mudataa jira.’’ Haala Kanaan itti fufnaanis hanni kun rakkoolee adda addaa hordofsiisu danda’a jedha Misgaanaawu.
‘‘Filmiin seenaa dabarsa, hawaasa qara, madda galiitis. Motummaanis gibira irraa argata. Haala amma itti jiruun yoo itti fufee garuu namoonni filmii hojjachuu ni dhaabu. Manneen barnootaa damee kanaaf saaqaman jiru.
''Isaanis ni dhaabbatu jechuudha. Eenyutuu ogummaa kisaaraa qabu barataree?’’ jedha. Haalli kun ‘’yeroof ta’ulleen abdii nama kutachiisa’’ kan jedhu ammoo Erimiyaas.
Taateen kunis ogummaa kana akka dhaabuuf gochuu baatulleen garuu saffisa hojiifi karoorasaa jalaa jeequu hima. Haala karoora isaatti silaa kutaa lammaaffaan filmi hatame itti bahu ture, garuu homaa hojjataa akka hinjire dubbata.
Kanaafuu, filmiin tokko yoo hatamuutti kan miidhamu nama hojjatee sana qofaa osoo hintaane biyyatu miidhama jedha.
Yenenah filmii biraa hojjachuuf barreeffamni bite ture jiraachu himuun sababiidhuma filmiin amma jalaa hatameetiin gara hojiitti hingaliin jiraachu hima.
Kanaafuu akka yaada oggeessootaatti gochi hannaa kun rakkoo walxaxaa umuusaatiin dura furmaata barbaada.
Hanni filmii attamiin dhorkamu danda’ama?
Oggeessoonni waldaa cimaa qabaachu qaba jedha Misgaanaawu. ‘‘Oggeessoonni sirriin erga of ijaaranii booda namoota kanneen keessaayis ta’an alaa motummaa waliin ta’un buqqiisee baasuu qabaata.’’
Dursa garuu qaama biraa irraa mirga gaafachuun dura keessoo ofii ilaaluun barbaachisaa ta’u kaasa Dasaalanyi.
Hirmaannaan waldichaa qabbannaa’un ammoo waldichi sagalee cimaa akka hinqabaannee fi akka mirga oggeessaa hinkabachiifneef gufuu ta’usaa hima.
Motummaanis seera kabachiisuu qaba kan jedhu Dassaalanyi, manneen siniimaa fi oggeessoonni waliin mari’achuun furmaata cimaa irra gahu ni danda’u yaada jedhu qaba.
Dhumarrattis ‘‘Namoonni gochaa hannaa jibbuu qabu. Nama hatee geessuu irraa kan fuudhu yoo hinjiraanne inni hatu gochisaa fiixaan hinbahuuf. Nutis akka hinhatamneef hojjachuu qabna’’ jedha oggeessii filmii Ermiyaas.














