Fiilmiin Jaafaar Yusuuf 'Siribii' jedhu maali?

Jaafaar Yusuuf

Madda suuraa, Jaafaar Yusuuf

Fiilmii haaraa 'Siribii' jedhu barreessuun Dilbata dhufu eebbisisuuf qophiirra kan jiru Artisti Jaafar Yuusuuf, guyyoota muraasa dura himannaan shororkeessuummaa irratti dhiyaatee hidhamee beellamaan gadhiifamuu dubbata.

Qabiyyeen filmii kanaa jaalala, qabsoo fi waan Oromoon keessa jiruu ofkeessaa qaba jedha. Fiilmii kanarratti Birrii Miliyoona 3 ol baasu fi barreessaa, taatummaa fi daarektiingiin keessatti hirmaadheera jedhe.

Fiilmii kanarratti Oromoota gosoota biyya keessaa jiran, Ormaa, Garrii fi ijoollee Oromoo Taanzaaniyaa, Keeniyaa fi Afrikaa Kibbaa jiraatanillee irratti hirmaachisne jedhe.

''Taatoonni filmii kanaa biyyoota Ameerikaa, Kanaadaa fi Awurooppaarraa dhufaniitu irratti hirmaatan.

Doonii fi xiyyaaraan deemanii filmii kana akka hojjatanis dubbata, Jaafaar.

''Garba guddaa Indiyaarratti helikoptaraan waraabne, waggaa tokko oliifin itti dhama'e.''

Siribiin maali?

Siribiin kun maali? jennaan ''Lafa gammoojjjii Booranaatti, bishaan fakkaatee kan halaalarraa mul'atu, wayita itti deemtu ammoo si jalaa waan deemu kan fakkaatu wayiiti,'' jechuun ibsa.

Kanarraa fudhachuun mataduree fiilmiisaa akka moggaase dubbata.

Sababii itti hidhame

Guyyoota muraasa dura maaliif akka hidhamees gaafatamnaan 'Sababiin itti hidhamees hin barre, garuu Magaalaa Finfinneetti Wiixata darbe mana hidhaatti darbamee beellamaan gadhiifame,'' jedhe.

''Jalqaba bilbilaan namni dhukkubsate akka jiru natti himnaan, mana yaalaa geessuuf otoon deemuu, poolisoonni Wiixata darbe na qabani turan,'' jedha.

Maaliif akka gargaaru deeme gaafatamnaan ''dirqama Oromummaa koo bahuufin deeggaruu ka'e,'' jedhe.

Qabamee hidhamuun eebbaa fiilmii isaa waliin akka wal hin qabanne fi eeyyama Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaarraa akka qabu dubbata.

''Jalqaba galmeen koo achii akka hin jirre natti himanii, boodarraa shororkeessuummaan na himatanii, guyyaa tokko booda wabiin gadhiifame,' jedha.

Mana hidhaa kana keessatti akka durii ''reebichii fi dararaan biroo hin jiru. Garuu namootni akka kootti qabaman 23 tu achi keessa ture''.

Dhimma lafaa Finfinneen walqabatee mormii yeroo ammaa deemaa jiru waliin walqabtees gaafanneerra.

Jaafaar dhimma Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee mormuun wallee 'Haa wareegamtu malee lubbuun kiyya, hin kenninu Finfinnee' jedhu kilippiin hojjachuun hawaasaaf dhiyeesseera.

''Dhiiga nama hedduutu irratti dhangala'e, kolaafame, dararaa hedduu arge, ejjannoon koo kanuma durii sanaan addaa hin jijjiirre,'' jedha.

Otoo Oromonni lafasaanirraa buqqa'aani akka qoosaatti nama biraaf kennamu, ani kaayyoo koo hin jijjirru' jedha.

'Dubbiin roorroo Maastar pilaanii kun nuuf hin taane, hin kenninu murree nu Finfinnee,'' jechuun sagaleenis irra buuse.