'Yeroo ammaa gaazexeessaan Itoophiyaatti hidhamee jiru tokko qofa' - CPJ

Madda suuraa, REUTERS/TIKSA NEGERI
Qorannoo hanga Mudde 1’tti taasifameen lakkoofsi gaazexeessitoota Itoophiyaa keessa hidhaa jiranii tokko qofaadha jedhe gareen mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ'n.
CPJ'n gabaasa waggaa bara 2022 baasen sadarkaa addunyaatti gaazexeessitonnii 363 hidhamuufi kunis isa waggaa darberraa 20%'n kan caalu ta'u ibse.
Biyyoonni gaazexeessitoota baay’ee hidhuun dursan Iraan, Chaayinaa, Miyaanmaar, Turkiifi Belaarusidha. Afrikaa irraa Masriitu dursa.
Itoophiyaa waggaa darbe yoona kana gaazexeessitoonni baay’ee hidhaa keessa turan gadhiifamaniis lakkoofsi ibsame dhiphina dirree miidiyaa biyyattii hin agarsiisu jedhamuun qeeqama.
Dhaabbatichis ‘’lakkoofsi gaazexeessitoota hidhamanii haala dirree miidiyaa biyyoota Saharaa gadi jiru irratti ergaa dogongoraa dabarsa,’’ jechuun hime.
Lakkoofsi eerame gaazexeessitoonni biyyoota ollaatti baqachuu, gabaasota mootummaa qeeqan warri dalagan hidhaa seenuu, hiraarfamuufi kaan rakkoo Itoophiyaa keessa jiru dhokseera jedhamee amanama.
Gaazexeessitoota waggaa darbe hiikaman keessaa Taammiraat Nagaraa 'dirreen waan haqaa dalaguuf mijatu miti' jechuun jireenya baqaaf saaxilamuu BBC'tti himee ture.
Akka gabaasa CPJ'tti Iraan keessa gaazexeessitoonni 62, Chaayinaa keessa 43 akkasumas Miyaanimaar keessa 42 hidhaa jiru.
Biyyoota Afrikaa keessaa biyyi gaazexeessitoonni baay'ee hidhaa keessatti jiran Masriidha. Gaazexeessitoonni 21 hidhaa keessa jiru.
Ertiraan biyyi miidiyaan walabaa keessa hin jirre gaazexeessitoonni hidhaa jiran 16 ta'u ibsame. Kunneenis waggoota dheeraaf mana murtiitti dhihaatanii kan hin beeknedha.
Iraan keessa gaazexeessitoonni baay'ee kan hidhaman erga dubartiin Kurdii seera hijaaba cabsiteetti jedhamuun hidhamtee, mana hidhaa keessa duutee mormiin ka'e boodadha.
Dirree miidiyaa Itoophiyaa dhiphate
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Itoophiyaan waggaa darbe naannichatti Ertiraatti aanuun sadarkaa lammaffaa qabatte, qorannoo waggaa baranaan garuu gaazexeessaan hidhaa jiru nama tokko qofa,'' jechuun gabaasi waggaa CPJ ibsa.
Hanga qorannoo Muddee 1 taasifametti, gaazexeessaan hidhaa ture Naatinaal'el Gechoo akka jedhamuufi innis erga Muddee 1 as booda wabiin hidhaatii bahu dhaabbatichi ibse.
Jalqaba torban kana garuu Maskaram Abarraa to'atamuu maatiin BBC'tti himaniiru.
Itoophiyaatti eega waraanni Tigraayitti eegalee gaazexeessitoonni 60 ol baay'een isaanii osoo himanni irratti hin banamiin hidhamuu dhaabbatichi beeksiseera.
Yeroo ammaa gaazexeessitoonni shan Naannoo Tigraay waraanni tureefi dhihoo nagaan bu'etti hidhamanii jiru.
Haa ta'u malee, gabaasa baranaa keessa akka hin galchine CPJ'n beeksiseera.
Sababas yoo ibsu ''kanneen isaan hidhan qaamolee mootummaan alaa [non-state actors]'' jedhe gabaasa isaa keessatti.
Haa ta'u malee, hidhaan isaanii lafa walitti bu'iinsi jirutti riportarootaaf dalaguun hamaa ta'u agarsiisa jedhe.












