Walabummaa Miidiyaa: Dirree miidiyaa Itoophiyaa irree aanga'oota mootummaa jalatti kufe

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaaleen mootummaa Itoophiyaa fi kanneen mootummaan hidhata qaban, akkasumas miidiyaaleen dhuunfaa qaama deeggaraniif qofa jiddugala godhatanii waan hojjetaniif dirreen miidiyaa biyyattii fi ogummaan gaazexeessummaa haala rakkisaa keessa jiraachuu ogeeyyiin miidiyaa himan.
Ebla bara 2018 MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuun wal qabatee, dadammaqiisi dirree miidiyaa Itoophiyaa keessa ture abdii kan namatti horu ture jedha ogeessi miidiyaa fi gaazexeessaan Eliyaas Masarat.
Yeroos miidiyaaleen sagalee mormitootaa keessummeessuu qofa osoo hin taane komiiwwan gara garaa mootummaa irratti ka'aniifillee uwwisa kennuu eegalanii turan.
Caamsaa bara 2019 Guyyaan Walabummaa Pireesii Addunyaa Finfinneetti kabajamee, Itoophiyaan biyya gaazexeessaan tokkollee keessatti hin hidhamne jedhamtees faarfamtee turte. Kuni yeroo dheeraa hin turre.
Yeroo ammaa "miidiyaaleen mootummaa fi kan mootummaan hidhata qaban meeshaa piroppaagaandaa ta'anii, waan qaama mootummaan jedhamu qofa calaqqisiisuudha bal'inaan kan mul'atu" jedha Eliyaas.
Wanti qaama mootummaarraa dhufu mataan isaa 'yaalii qulqulleessuuf godhamu tokko malee' qilleensarra akka oolu godhama jedha.
Kanaaf akka fakkeenyaatti gabaasa ajjeechaa jila Abbaa Gadaa Karrayyuun wal qabatee hojjetame kaasa.
Ajjeechaa jila Abbaa Gadaa Karrayyuu Mudde darbe keessa raawwatame ibsa Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa baase eeruun hidhattoota mootummaan 'Shanee' ittiin jedhutu raawwate jechuun miidiyaaleen mootummaa fi mootummaa waliin hidhata qaban wal harkaa fuudhanii gabaasan.
Baatii lama booda Guraandhala 2, 2022 Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qorannoo taasiseen ajjeechaa kana qaamni mootummaa raawwachuu yoo ibsu miidiyaaleen kunneen irra hedduun callisuun bira darbuu filataniiru.
Kun marsaalee hawaasaa irratti dheekkamsa kaasee ture.
Paartiin IZEMAA ibsa yeroos baaseen 'miidiyaaleen mootummaa gibira uummatni kafaluun socho'an gabaasa dogoggoraan hojjetan irratti uummata dhiifama gaafatanii, qorannoo Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa baase akka gabaasan ykn ammoo ofii isaaniin wanta uumame dhugaa jiru uummata biraan akka gahan' gaafatee ture.
Miidiyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'e OBN'f kan hojjetu gaazexeessaa Seefuu Gurmuu baatii tokkoo oliif yoo hidhamu, midiyichi hidhamuu gaazexeessaa isaa hin gabaasne. Gaazexeessaa Seefuu Gurmuu booda dogoggoraan akka hidhame itti himamee gadi dhiifame.

Odeessaalee miidiyaan wal qabatan biroo:
- 'Mootummaan jijjiirameera miidiyaan hoo?'-Dr. Zennebee Beyyenee
- 'Itoophiyaan biyya Sahaaraa gadii gaazexeessitoota hedduu hiite lammaffaadha' - CPJ
- Gaazexessaan OBN ji'a tokkoo oliif hidhame 'mana murti dhihaatee hin beeku' - Maatii
- Feesbuukii 'Waaltaa' butameef INSAn namoota TPLFn hidhata qaban komate

Waraana Kaaba Itoophiyaa baatilee 16 ol lakkoofsise akkasumas lola Oromiyaa dabalatee kutaalee biyyattii gara garaa keessatti raawwatamu irratti komii sarbamawwan mirgoota namoomaa qaamolee mootummaarratti ka'u ilaalchisee gabaasni miidiyaaleen kunneen hojjetan hin jiru ykn qubaan kan lakkaa'amu.
Darbees hongee kutaalee biyyattii keessatti horsiisee bultootarraan miidhaa geessisaa jiruuf uwwisa malu hin kennine.
Ofii miidiyaaleen mootummaa fi kanneen mootummaan hidhata qaban walabummaan editooriyaalii isaanii hagami? Gaazexeessitoonni manneen hojii kana keessa hojjetan wanta oduu ta'uu fi hin taane walaba ta'anii filachuu danda'uu?
'Mootummaan nutti mufataa'
Gaazexeessitoonni miidiyaalee mootummaa fi kanneen mootummaan hidhata qaban keessa hojjetan 'dhibbeentaa 80 kan ta'u waan ofii itti yaadanii karoorfatan osoo hin taane, eeruu gubbaarraa dhufe ykn wanta mootummaan ni barbaada jedhamee yaadamee itti kenname hojjetu' jedha gaazexeessaan miidiyaalee mootummaa keessaa tokkoof hojjetu.
Rakkoo isa mudatuu malu sodaaf jecha gaazexeessaan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate kun akka jedhutti, 'gaazexeessitoonni waan ofii yaadan akka hin hojjenne hayyama dhorkuu ykn ammoo erga hojjetaniis akka qilleensarra hin oolle gochuun jira.'
Kanaafis sababoonni kennaman haalli yeroo ni daangessaa, dubbii babal'isuu ta'aa, mootummaan nutti mufataa fi kkf ta'uu hima.
"Mufii aanga'ootaa xiqqeessuuf wanti hojjetamuu qabu ykn wanti gaazexeessaan hojjetuuf karoorfate ni haqama" jedha gaazexeessaan kun.
"Gaazexeessitoonni kun maaliif hin hojjetamu jedhanii gaaffii kaasan 'akka qaama faallaa mootummaatti' ilaalamu, deebiin gaazexeessitoota kanaaf kennamus 'afaan qabachiisuu fi akka lammata waan akkasii hin dubbanne gochuu' irratti akka fuulleffatu ta'uu hima.
Gaazexeessitoonni kana barreessaa jedhamee namoota editooriyaaliin ala jiraniin, tarii aanga'oota mootummaan akka itti kennamu gaazexeessitoota miidiyaalee mootummaaf hojjetan irraa odeeffachuu hima gaazexeessaa Eliyaas Masarat.
Gaazexeessitoonni "kun oduu ta'uu danda'a jedhanii waan yaadan, ragaa qulqulleeffatanii hojjechuu osoo hin taane, odeeffannoo gubbaarra kennamuuf deebisanii dhageessisuutu jira" jedha.
Kun hawaasni odeeffannoo qulqulluu akka hin arganne taasiseera kan jedhu Eliyaas, "jidduseentummaan mootummaa miidiyaa Itoophiyaa quucarsaa jira'' jedha.
'Dhugaan balaa irratti kufe'
Gama kaaniin ammoo miidiyaaleen dhuunfaa mormitoota waliin hidhata qabanis duuchaatti waan hunda mormuu fi qaama deeggaraniif looguun jira jedha.
Gaazexeessitoonnis saba irraa dhufan, amantii isaanii ykn ilaalcha siyaasaa deeggaraniif looguun hojii aktiviistummaa yoo hojjetan ni mul'ata jedha Eliyaas.
Kana yoon gabaase mootummaan ni dheekkama miira jedhuun dhimmoota tokko tokko arganii bira taruun gaazexeessitoota tokko tokko bira akka jirus hima.
"Gaazexeessitoonni hidhaman mana murtii dhiyaachuun hafee, eessatti akka hidhamanillee beekuun rakkisaa haalli ta'e waan jiruuf, kun anarras gahuu mala sodaa jedhu uumeera" jedha.
Walumaagalatti dirreen gaazexeessummaa fi sadarkaan miidiyaa Itoophiyaa ''haala gaddisiisaa'' keessa jira kan jedhu Eliyaas, ''duuchaatti deeggaruu, duuchaatti mormuu fi gariin ammoo sodaatanii itti dhiisuun'' rakkoolee jajjaboo ta'uu hima.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyattiin waraanaa fi walitti bu'iinsa keessa jiraachuurraa kan ka'ee fi siyaasni biyyattiis fiixeetti harkifamee (polarized) waan jiruuf "dhugaan balaa irratti kufeera" jedhu hayyuun miidiyaa fi yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan gaazexeessummaa fi komunikeeshinii Dr Abdiisaa Zari'aa.
Miidiyaaleen mootummaa 'walabaa fi naamusa ogummichaa haala eegeen osoo hin taane, akka meeshaa piroppaagaandaatti, wantoota karaa mootummaa jiran qofa ol kaasanii himuutu bal'inaan mul'ata' jedhu.
Miidiyaaleen mootummaas ta'e kan dhuunfaa qaama dhaabbataniif duuchaatti deeggaruun hojjechuun 'al-loogummaa fi dhugaa (objectivity and truth) balaarra kan buusedha jedhu Dr Abdiisaan.
Miidiyaaleen mootummaa kallattinis ta'e al kallattiin maallaqa mootummaan ramaduun waan socho'aniif, akkasumas namoota mootummaan muudamaniin waan bulaniif wantoonni gabaafaman akka mootummaan fedhutti qofa akka ta'u taasisa jedhu.
"Gaazexeessaan walaba ta'e jiraatullee, waan ofii isaatii argee, mirkaneessee fide hojjechuuf carraan qabu dhiphaadha" jedhu Dr Abdiisaa Zaraay.
Yoo hojjetes qilleensarraa ooluu isaatiif wabii waan hin qabneef, gaazexeessaan kallattii kennameef qabatee hojjechuuf dirqama jedhan.
Kun ammoo miidiyaan akka miidiyaatti amanamummaa fi fudhatamummaa akka hin qabaanne taasisa jedhu
Darbees hawaasni dhugaa jiru qixa sirriin hubatee ejjennoo sirii qabachuu, murtee sirrii murteessuu akkasumas itti gaafatamummaan akka jiraatu gochuuf ni rakkata jedhan.
'Sirni siyaasaa sirrachuu qaba'
Miidiyaan sirna siyaas-diingadee biyya tokkoo keessatti biqila kan jedhan Dr Abdiisaa Zari'aa, siyaasni biyya tokkoo yoo hin jijjiiramiin, miidiyaan jijjiiramuu hin danda'u yaada jedhu qabu.
Rakkoolee dirree miidiyaa Itoophiyaa keessatti mul'atan sirreessuuf sirna siyaasaa biyyattii fiixee fiixeetti bahee jiru sirreessuun barbaachisaa ta'uu himu.
"Miidiyaan ykn gaazexeessaan tokko hordoftoota argachuuf wantoota gurra hordoftoota isaa qirqirsu dhiyeessuu qaba. Haala akkasii keessatti walaba ta'ee, naamusa ogummaa eegee hojjechuuf ni rakkata."
Kanaaf gaazexeessaarraa wanti eegnu wanti guddaan jiraachuu dhiisuu mala jedhu Dr Abdiisaan.
Mootummaan miidiyaaleen walabummaa editooriyaalii isaanii eeggatanii akka hojjetan hayyamuufi qaba kan jedhu ammoo gaazexeessaa Eliyaas Masarati.
Waldaaleen miidiyaa walabummaan miidiyaa akka jiraatu dhiibbaa godhuu qabu, miidiyaalee fi dhaabbileen misooma miidiyaa irratti hojjetanis gahuumsa gaazexeessummaa gaazexeessitootaa irratti hojjechuu qabu jedha.

Gabaasa kana keessatti yaada isaanii dabaluuf hoggantoota miidiyaalee mootummaa fi kanneen mootummaan hidhata qabanii qunnamnus dubbachuuf hayyamamoo hin taane.
Yaada aanga'oota Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa itti dabaluuf irra deddeebiin bilbillus argachuu hin dandeenye.
















