Gaazexessaan OBN ji'a tokkoo oliif hidhame 'mana murti dhihaatee hin beeku' - Maatii

Gaazexeessaa Seefuu Gurmuu

Madda suuraa, MH

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessaa Seefuu Gurmuu

Gaazexessaa Oromia Broadcasting Network (OBN) kan ta'e Seefuu Gurmuu erga hidhamee ji'a tokkoo ol lakkoofsisuu maatiin BBCtti himaniiru.

Haati warraa isaa Aadde Turungoo Raggaasaa akka jedhanitti, gaazexessaa Seefuu Gurmuu ALI gaafa Muddee 10 bara 2014 mana maatii isaatii qaamolee nageenyaa mootummaatiin qabamee hidhame.

"Inni Adaamaa jiraata. Aniifi Ijoolleen keenya ammoo aanaa Boosat magaala Doonii jiraanna. [ALI] gaafa Muddee 10 Bara 2014 daa'ima keenya tokko dhukkubnaan ishee laaluuf Doonii dhufe. Mana seenee nagaayyu nu gaafatee hin raawwanne kan qaamoleen nageenyaa faana olseenanii qaban," jedhan.

Poolisoonni lama kanneen uffata siivilii uffatan erga mana seenaniin booda isa akka barbaadaniifi hordofaa akka turan nutti himan jedhan.

"Seefuu sibarbaanna jedhanii ergasii mana keenya sakatta'an. Ergamaaf as dhufte jedhaniin. Sakatta'anii homaa hin arganne. Inni waraqaa hojjetaa OBN ta'uusaa mul'isu itti agarsiise. Si hordofaa turre waan ati dhufteef ni beekna jedhanii gara waajjira poolisii geessan," jedhan.

Guyyaa tokkoof waajjira poolisii magaala Doonii erga bulchaniin boodas gara magaalaa Walancitiitti dabarsanii akka hidhan himu Aadde Turungoon.

Ergasiis bilbilanii waajjira inni hojjetu OBNtti akka beeksisaniis dubbatan.

Ji'a tokkoo oliif mana hidhaa kan jiru gaazexeessaan kun, poolisoonni isa qaban qaamolee alaa wajjin hariiroo qabda kan jedhaniin alatti qorannoos ta'e guyyaa tokkollee sababa ittiin hidhamee jiru akka itti hin himamne dubbatan.

Hiriyaa isaa yeroo dheeraa ta'uu kan himu gaazexeessaan maqaan isaa akka ibsamu hin feene tokkos, yeroo mana hidhaa Walanciitiitti dhaqee akka gaafatetti namoota alaafi 'Shanee' wajjin hariiroo qabda jechuuniin alatti wanti itti himame biraa akka hin jirre irraa dhagahuu hima.

Hidhatoota Shanee ammoo motummaan shororkeessitoota jechuun farajuunsaa ni yaadatama.

"Amma erga hidhamee ji'a tokkoo ol ta'eera. Manni hidhaa sun iddoo namni hedduun keessatti hidhamee jirudha. Qabiinsi isaa yaaddessaadha. Namni kun sababa kanaaf hidhame jedhamee namni himu hin jiru. Gaazexeessaan miidiyaa mootummaa hojjetu tokko osoo mana murtiillee hin dhihaatin callisee hidhamee yoo taa'u nama gaddisiisa," jechuunis dubbata.

Haati warraa gaazexessaa kanaa Aadde Turungoon qaamni dhimmi isaa ilaalu hidhaa isaarratti furmaata akka kennuuf caasaa mootummaa aanaa Boosatiifi Godina Shawaa Bahaatti marmaaraa turanillee qaama deebii kennuuf akka hin argannes himan.

Kana malees battala inni hidhametti dhaabbanni inni keessa hojjetu mindaa isaa waan dhaabeef maatiin rakkoo dinagdee biraaf saaxilamaa jiraachuu himan haati warraasaa.

Dhimma hidhaa gaazexeessa Seefuu Gurmuu kanarratti deebii argachuuf bulchaa aanaa Boosat, ajajaa poolisii aanaa Boosaat, bulchaa godina Shawaa Bahaa, ajajaa qajeelcha poolisii Godina Shawaa Bahaatti irra deddeebiin bilbillulleen deebii argachuu hin dandeenye.

Kana malees hidhamuu hojjetaa isaanii ilaalchisuun OBN irraa deebii argachuuf yaaliin taasifnes hin milkoofne.

Daayireektarri dhaabbatichaa bilbila nuuf hin kaasne. Itti-aanaa Daayirektara Olaanaa OBN Obbo Korree Shaanqullee ammoo dhimma kanarratti odeeffannoo gahaa miidiyaaf ibsu hin qabu jedhan.

Akkasumas Waldaan Gaazexessitoota Oromiyaa gamasaatiin hidhaa gazexessaa kanaa dhiheenya akka dhagaheefi qulqulleeffachaa akka jiru dura taa'aan waldichaa Naziif Jamaal BBC'tti himeera.