Walabummaa Pireesii: Gaazexeessitoota hidhaa jiraniifi maatii deebii eegaa jiran

Madda suuraa, SM
Torbee lamman darbe keessa humnoota nageenyaan gaazexeessitoota to’annoo jala oolan keessaa lama iddoon jiran beekamuu dhabuu, akkasumas kanneen biroo mana murtiittii hin dhiyaatiin hafuun ijoo dubbii tahee ture.
Gaazexeessaa Raadiyoo Ahaaduu Kibroom Warquu maatiifi poolisiin baatii tokkoof isa hin argine jechuun ni yaadatama.
Hundeessaafi hogganaan miidiyaa Taraaraa Taammiraat Nagaraa guyyoota torbaaf iddoon jiru otoo hin beekamiin tureera.
Abbaan Kibroom ilmi isaanii eessa akka jiru akka hin beekneefi gaafa Mudde 12/2014 A.L.I beellama mana murtii gatii qabaniif waan dhaddachi jedhu dhagahuuf eeggataa akka jiran himaniiru.
Haati warraa Taammiraat Nagaraa Salaam, torbe darbe Mudde 07/2014A.L.I dhaddacha Galaan jirutti dhiyaachuusaa borumtaasaa maatii waliin isa iyyaafachuu deemanii akka baran BBCtti himteetti.
‘’Qajeelcha poolisii magaalaa Galaan dhaqneetu isa arganne. Himannaa irratti dhiyaate hin barre. Nagaa kooti hin yaadda’iinaa nuun jedheera.
Iddoo jirus Koomishinii Mirga Namoomaatti beeksisneerra. Tahus fagoo irraati yeroo gabaabduuf walitti dubbanne. Guyyaa 15 booda mana murtii achuma jirutti akka dhiyaatus nutti himeera,’’ jetteetti haati warraasaa.
Hundeessituu miidiyaa Rohaa jedhamuufi yuutiyuubiin darbu, Ma’aazaa Mahaammad torbee darbe gaafa Jimaataa Poolisii Addis Ababa irraa gara dhaddacha ramaddii Araadaatti geeffamtus poolisiin qoratu wajjin ijaa hin deemneef, akkasumas abbaan seeraa dhaddachatti argamuu dhabuun dhimmishee otoo hin ilaalamuun deebi’uu obboleessishee Yusuuf Mahaammad BBCtti himeera.
Feetu Wiixataa har’aa dhaddacha yoo geeffamteef jedhee abbaan warraashee mana murtiitti eegaa akka jiruufi garuu hanga yoonaa dhaddachatti akka hin dhiyaanne obboleessishee dubbateera.
Ma’aazaan torbee darberraa qabee dhukkubni qufaa fakkaatu akka ishee jalqabeefi hamma yoonaa garuu yaalii gaafattee akka hin arganne himeera.
‘’Na caccabsa jetti. Iddoo hidhamtee jirtutti namoonni 50 akka jiraniifi maaskii dabalatee of-eeggannoon homaayyuu akka hin jirre nutti himteetti,’’ jedheera obboleessi.
‘’Hidhamuunshee maatii dhiphiseera. Daa’ima Wallaggatti maatiishee dhabde fiddee asitti guddisaa jirti. Daa’imnishees jirti, naannoo Askootti ijoolleen gargaartu jiru. Haqa ariifataa akka argattu barbaanna,’’ jechuun himeera.
Haaluma wal-fakkaataan buufata poolisii Finfinnee Sostanyaa jedhamu kan jiru Iyyaaspeed Tasfaayee dhukkubsachuusaa haatisaa Aadde Tashaalach, hiriyyootasaarraa akka dhagahan himuun isaan garuu ofii dhukkubsatanii waan jiraniif deemanii akka isa hin argine dubbataniiru.
‘’Nama kadhadheen itti erga. Ilkaan gatii isa dhukkubuuf saamunaa ilkaanii qoricha qabu fayyadama ture. Isa naa ergi jedhee isa ergeeraafi. Egaa ilkaan isa dhukkubeera jedheen yaade. Hamma yoonaa mana murtiitti hin dhiyaanne. Abukaatoo isaaf dhaabuu barbaadana ,’’ Aadde Tashaalach BBCtti himaniiru.
Torbee tokko dura guyyoota muraasa keessatti humnoota mootummaan fudhatamuu Iyyaaspeed, Taammiraat fi Ma’aazaa, akkasumas gaazexeessaa baatii tokko dura to’annoo jala oole Kibroom ilaachisee qaamni mootummaa dhimmi kuni ilaallatu waanti jedhame hin jiru.
BBC’n poolisiifi dhaabota mootummaa biroo irraa irra deddeebiin ibsa argachuuf yaaliin taasise otoo hin milkaa’in hafeera.
Odeessa kana waliin deeman biroo:
- 'Iyyaaspeed na wal'aanaa osoo jiruu manatti ol lixanii fudhatan' - Harmee Iyyaaspeed
- Gaazexessituu Ma'aazaa Mahaammad 'bakka jirtu hin beeknu'
- Poolisiin gaazexeessaa AP dabalatee warra sochii hidhattootaa gabaasan hidhuu beeksise
- 'Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa gaazexeessitoota hidhuuf itti gargaaramaa jirti' - CPJ















