Feesbuukii 'Waaltaa' butameef INSAn namoota TPLFn hidhata qaban komate

Madda suuraa, Walta TV
Fuulli Feesbuukii Miidiyaa Waaltaa kan mootummaa Itoophiyaan hidhata qabu butamee, haakaroonni maallaqa doolaara 5000 akka kafalamuuf gaafatan.
Fuulli Feesbuukii kun Wiixata waaree booda erga butameen booda haakaroonni maxxansawwan gara garaa irratti baasaa turan.
Eejansiin Nageenya Netwoorkii Odeeffannoo Itoophiyaa (INSA)n fuula feesbuukii butame kana deebisiisuuf dhaabbata feesbuukii waliin hojjetaa akka jiru hime.
Hogganaa itti aanaan INSA Obbo Kafyaaloo Tafarraa BBC'tti akka himanitti, haakaroonni tooftaa 'ransomware' jedhamuun fuula feesbuukii Waaltaa butanii doolaarri 5000 akka kafalamuuf gaafataniiru.
Eenyummaan haakaroota fuula feesbuukii miidiyaa kanaa butanii adda hin baane, qoratamaa jira kan jedhan Obbo Kafyaaloon, namoota TPLFn hidhata qabanitti quba qabaniiru.
"Rakkinichi kan uumame, duruma akkawontiin akkasii yoo banamu, namoota amanamoo jedhamanii ergamni akkawontii Waaltaa banuu itti kenname rakkina kana kan uuman fakkaata, bal'inaan dhimmicha qorachaa jirra," jedhu.
"Kanaan dura TPLF, isaantu amanamoota waan ta'eef, akkaawontii akkasii akka banan carraa argataa ture. Carraa yeroo san argatanii akkaawontii san bananitti fayyadamuun, dhokatanii achi keessa turanii, bifa adda addaatiin dhiibbaa akkanaa qaqqabsiisuuf yaalii gochaa jiru," jedhan aanga'aan kun.
Miidiyaan Waaltaa duraan ADWUI jalatti bulaa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaas qabeenyummaan isaa kan dhaaba biyya bulchaa jiruu akka ta'e himama.
Fuulli Feesbuukii miidiyaa kanaa yeroo butamu kun kan jalqabaa miti.
Amma durallee rakkoon wal fakkaataan isaan mudatee akka turee fi akkamiin rakkinicha ittisuu akka danda'an leenjiin kennameefi akka ture Obbo Kafyaaloo BBC'tti himaniiru.
"Amma dafneetoo hatattamaan akkawontiin isaanii jalaa fudhatame akka deebi'uuf warra Feesbuukii waliin hojjechaa jirra, milkaa'aas jirra," jedhan.
Namoota fuula kana butanii maallaqa doolaara 5000 gaafatan waliin qunnamtii gochaa akka hin jirree fi eenyummaan isaaniis akka hin beekamne kan himan Obbo Kafyaaloon, qorannoo godhamaa jiruun eenyummaan isaanii wayita adda bahu hojiin seeratti dhiyeessuu akka hojjetamus dubbatan.
Maaltu mudate?
Kanneen butuu (hack) kana duuba jiran fuula Waaltaa erga toa'tanii booda ergaa maxxansanirraa hubachuun akka danda'mutti, gosti haleellichaa ransomware akka tahe beekuu dandeenya.
Gosti haleellaa saayibarii 'ransomware' jedhamu sirna kompiyutaraa yookaan fuula tokko hanga maallaqni gaafatame kanfalamutti to'achuun kan tursudha.
Tarii maallaqni wayita kanfalamuuf teessoo ittiin baasaniin faana dhawuun baruun hin danda'amuu? jechuun gaafachuu maltu. Jarri kana raawwatan haalaan abshaalummaa qabu.
Keessattuu yeroo ammaa kanatti malli waljijjiirraa maallaqaa kiriptoo karansii jedhamutti dhimma bahu waan taheef, eenyummaa jaraa baruun daran ulfaataadha.
Gara fuula Waaltaatti wayita dhufnu ergaa jarri butan achirratti barreessaniin gosa kiriptoo karansii 'Ethereum' yookaan gabaabumatti ETH jedhamee beekamuun akka maallaqni kafalamuuf gaafachaa turan.
Gatiin 'Ethereum' tokkoo yeroo ammaa kanatti dolaara Ameerikaa 3,161 wayita tahu, jarris yeroo duraa sa'aatii lama gidduutti ETH 2 akka ergan gaafachaa turan. Kunis doolaara 6322 yookaan Birrii Itoophiyaa 300,000 ol kan tahudha.
Booda kanarras maxxansaaleen bahaa turan kan haqamaniiru.
Waaltaan ganna lama dura pireezidantiin naannoo Tigiraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el sababa hin beekamneen lubbuun isaanii darbe jechuun Oduun fuula 'Facebook' isaa kanarratti gadi dhiise mootummaa naannoo Tigiraay dheekkamsisee ture.
Waaltaan Oduu kana rippoortara isaa yeroos Maqalee ture waabeffachuun erga gabaase booda daqiiqa muraasa keessatti balleessee, dhiifamas gaafatee ture.
Yeroos qabxii filannoo riifarandamii Sidaamaa waliin wal qabatee gabaasa hojjeteeniis Boordii Filannoo Itoophiyaatiin komiin irratti dhiyaatee ture.
















