Dabratsiyoon Gabramikaa'el: Mootummaan Naannoo Tigiraay 'Walta TV'tti dheekkame

Madda suuraa, Anadolu Agency
Pireezidantiin itti aanaa naannoo Tigiraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el sababa hin beekamneen lubbuun isaanii darbe jechuun Oduun miidiyaan Waaltaa fuula 'Facebook' irratti gadi dhiise mootummaa naannoo Tigiraay dheekkamsise.
Waaltaan Oduu kana rippoortara isaa Maqalee jiru irraa akka dhagahetti erga gabaase booda daqiiqa muraasa keessatti balleessee, dhiifamas gaafateera.
"Oduun sun beekamtii dhaabbata keenyaa malee gadi dhiifame" jedhe Waaltaan.
Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii mootummaa naannoo Tigiraay ibsa gama 'Facebook' baaseen, oduun kun kan kalaqamee fi guutummaan guutuutti sobadha jedheera.
Pireezidantiin itti aanaa naannichaa fayyaa guutuu akka qabanii fi hojiirra akka jiranis himeeera.
Gabaasaan BBC Maqalee jirus gara Dr Dabratsiyoonitti bilbiluun fayyaa guutuu qabaachuu isaanii mirkaneesseera.
Miidiyaan Waaltaa jedhamu "waggoota darban uummata Tigiraayirra haleellaan sabaa akka dhaqqabu duula gochaa ture" jechuunis yakkeera biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii naannichaa.
Hoggantuun biiroo kanaa Aadde Liyaa Kaasaa dhimmicha adda baafachuuf gara miidiyaa Waaltaatti bilbilanii deebii akka hin arganne eeruun mootummaan naannichaa miidiyaa kana seeraan akka gaafatu BBC'tti himaniiru.
Waaltaan dogoggora haa jedhu malee, 'ta'e jedhamee kan raawwatamedha' jedhu Aadde Liyaan.
"Uummata Tigiraay shororkeessanii jilbeeffachiisuuf shira shirame jenneeti kan fudhannu" jedhan.
Dr Dabratsiyoon Facebook isaanii irratti Afaan Tigriffaan erga dabarsaniin, "duraanis uummataa fi dhaaba keenya maqaa xureessuuf duula gochaa turan, kan har'aa kunis qaamuma sanaati" jedhan.
Fuula 'Facebook' kan aanga'aa olaanaa 'TPLF' Obbo Geetaachoo Raddaa akka ta'e amanamu irratti ammoo Waaltaan "dhaabbata meeshaa shoroorkeessummaa ta'e" jedhamee ibsame.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Dhaabbata kana dhaabsisuuf tarkaanfiin kamuu fudhatamuu akka qabus akeeka.
Waaltaan battala oduun kun gadi dhiifametti haqee erga dhiifama gaafateen booda, wanti kun akkamiin akka uumame qorate ifa akka taasisu himeera.
Hogganaan dhaabbatichaa Doktar Nugusee Mashashaa ''nuti namaa hogganaa biyyaa dhiisiitii nama kaaniifuu waan hamaa hin yaadnu haa tahu malee hojiiwwan uummataaf odeeffannoo kennan gurguddoo gatii dhiyeessaa jirruuf qaamota kana hin fudhannetu karaa nuti hin beekneen odeeffannoon kun akka bahuu godhe,'' jedhan.
Dhimma kanarrtti eenyu harka akka keessaa qabus mirkaneessinee uummataaf ni dhiyeessinaa jedhaniiru hogganichi.
Waaltaan amma duras qabxii filannoo riifarandamii Sidaamaa waliin wal qabatee gabaasa hojjeteen Boordii Filannoo Itoophiyaatiin komiin irratti dhiyaatee ture.















