Korri 'Humnoota Federaalistii' fooramii hundeessuun goolabame

Kora Federaaliizimii TPLF

Korri dhaabni naannoo Tigiraay bulchaa jiru 'TPLF' mata-duree 'Heera Mootummaafi sirna federaaliizimii baraaruu' jedhuun guyyoota lamaaf Maqaleetti qopheesse xumurameera.

Dhaabbileen siyaasaa 50 ol kora kanarratti akka hirmaatan kan himame yoo ta'u, xumura kora kanaa irratti fooramii waloo hundeeffachuun kora sana goolabani.

Fooramichi sirna federaalawaa sab-daneessaafi Heera Mootummaa Itoophiyaa balaaf saaxilameera jedhan baraaruuf kan waliin ittiin qabsaa'an akka ta'es xumura kora kanaa irratti himameera.

line

Odeeffannoo kana waliin walqabatu kanneen keessaa ni argattu:

line

'TPLF' dabalatee paartileen siyaasaa akka Kongirasii Biyyaalessaa Oromoo Obbo Tolasaa Tasfaayeetiin durfamu kora kanarratti hirmaatan sirni federaalawaa Itoophiyaa balaaf saaxilamuu dubbatu.

Bakka adda addaatti namni ajjeefamaa jiraachuu, namoonni heddumminaan qe'eerraa buqqa'aa jiraachuufi olaantummaan seeraa kabajamuu dhabuu akka sababaatti kaasu.

Waggoota 27 darban sirni federaaliizimii raawwii isaatu rakkoo qaba ture, diimokiraasiin hin deeggaramne jedhu dura taa'aan Kongirasii Biyyaalessaa Oromoo Obbo Tolasaa Tasfaayee.

"Kan amma dhufaa jiru kun ammoo daran gara mootummaa tokkichaa, afaan tokkichatti adeemaa jira," jedhu.

Federaalizimiin yaaddoo keessa jiraa?

Kora federaaliizimiifi Heera Mootummaa haa baraarru jechuun 'TPLF' qopheesse kana namoonni hedduun garuu ni qeequ.

Dhaabbileen siyaasaa Oromoo akka ABO fi KFO kora kanarratti akka hirmaatan afeeramanis "dhaaba ammaan dura qaama rakkoo ture waliin hariiroo tolfachuu hin feenu" jechuun irraa hafan.

"Kanaan dura sirni federaaliizimii [qixaan] hojiirra akka hin oolle kan gochaa ture 'TPLF' mataa isaati," kan jedhu qorataan federaalizimii Obbo Moonenuus Hundarraa, "al takkaatti qaama rakkoos, qaama furmaataas ta'uu hin dandeessu" jedha.

Ofii sirni federaaliizimii Itoophiyaa dhugaatti balaaf saaxilamee jiraa gaaffii jedhuuf Moonenuus, Itoophiyaa ijaaramni baasuu danda'u federaalizimii akka ta'e ibsuun of sirna federaalizimii dimokiraatawaa ta'e tolfachuun eeggachuu feesisa jedha.

Sirni federaaliizimii Itoophiyaaf filannoo miti kan jedhu Monenuus, mootummaan Dr Abiy Ahimadiin hogganamuu sirna federaaliizimii saba bu'uura godhate irraa gara kan teessuma lafaa bu'uura godhateetti jijjiiru mala sodaa jedhu qabaachuus ni hima hayyuun federaalizimii kun.

"Saboonni hedduun osoo gaaffii ofiin of bulchuu hin mirkaneeffatiin, gara bulchiinsa teessuma lafaa bu'uureeffateetti deebisuu malu kan jedhu sodaatu jira," jedha.

Haata'u malee garuu sodaa jiru kanaaf korri ammaa kun furmaata fida yaada jedhu hin qabu.

Wanti amma 'TPLF' gochaa jiru, "bulchiinsi amma jiru sirna tokkummaawaa durii deebisuf akka deemaa jiruutti fakkeessuun, humnoota sabboonummaa leellisan ofitti qabachuuf yaalii taasifamudha," jedha Moonenuus.

'TPLF' paartii haaraa MM Abiy Ahimad hundeessaa jiran dura dhaabbachuuf hamilee qabaachuu baatus, humnoota kaan duuba yaadaafi faayinaansiidhaan dhaabachuun qormaata ta'uu danda'a yaada jedhus qaba.

"TPLF ofiin jaarmayaa siyaasaa federaaliizimiif falmu ta'uuf garuu hamilees, fudhatamas hin qabaatu," jedha.