Pirof. Mararaa Guddinaa: 'Qabsoo dhiigni Qeerroo itti dhangala'eef wabii barbaadna'

Mararaa Guddinaa

Paartiin kamiyyu of jijjiiruus ta'e walitti baquun mirga isaati garuu qabsoo dhiigni Qeerroo itti dhangala'e duubatti dhiifamuu hin qabu jedhan Dura Ta'aan Kongrasii Federaalistii Oromoo Piroofesar Mararaa Guddinaa.

Akka Oromoottiifi akka dhaabbaa siyaasaa Oromoo tokkootti paartii biyya bulchaa jiru ODP irraa kan eegnu qabnda kan jedhan Hayyuun Siyaasaa gameessi kun, gaaffileen bu'uuraa ummata Oromoo bara dhufaa darbaa gaafataman waan itti qoosamuu hin qabnedha jechuun ibsu.

Gaffiin ummanni Oromoo waggoota 50 oliif gaafataa ture akka duubatti hin deebineefi qabsoo dhiigni Qeerroo itti dhangala'e wabii akka argatu ni barbaadna jedhan Piroofesar Mararaa.

Ministarri Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi Itti-aanaa Dura Taa'aan ODP, Obbo Lammaa Magarsaa, falaasama Ida'amuufi walitti baquu paartiilee ADWUI akka hin fudhanne tibbana VOA irratti dubbachuu isaaniirratti gaaffii Piroofesar Mararaaf dhiyeessinee turre.

Piroofesar Mararaaf, wanti angafa ta'uu qabu dhimma gaaffii eenyummaa, abbaa biyyummaafi federaalizimii dimokiraatawaa ta'edha.

Dhimma ODPn baquun gara Paartii Badhaadhinaatti' ce'uus ta'e waldhabdeen keessaa paartichaa kan isaan ilaallatuufi mirga isaaniti kan jedhan Pirof. Mararaan, yoomiyyu wareegama cimaa dargaggoonni Oromoo kafalan dagachuun hin malu jedhan.

"Isaanis 'tokkoos ta'an 11' ykn of jijjiiranis mirga isaaniiti garuu osoo wal takaalanii gaaffii ummataa akka duuba hin deebisneefi haarsaa guddaa kaffalame akka laayyootti hin ilaalle barbaadna," jedhan.

Akka paartii siyaasaa biyya kana keessatti socho'uutti tokkootti wanti paartii kanarraa eegnu jira.

Isaaniis, paartiin biyya bulchaa jiru kun gaaffiiwwan sabni Oromoo waggaa shatamaaf gaaffachaa ture kan akka eenyummaa, afaaniifi lafaa, akkasumas sirna federaalizimii dhugaa bira darbee deemuu hin qabu.

Qabsoon kun kan asi gahee dhiiga ijjoollee Oromoofi aarsaa saba keenyaatiin kan jedhan Pirofesar Mararaan, paartichi gaaffiiwwan haarsaa cimaan itti kanfalame sana daggachuu hin qabaatu jedhaniiru.

"Nutis, paartichi dhimmoota haarsaa cimaan kanfalameef kanneeniif wabii ni barbaadna," jedhan Dr Mararaan.

Rakkoo sirna federaalizimii eenyummaarratti bu'uurreeffame kanaa cimaan hanqina dimokraasii qofaadha kan jedhan pirofessar Maraaraan, Sirnichi hanqiinoota turan fooyyeessuun gaaffillee ummataatiif deebii kennuuf hojchuudha malee duubatti deebi'uu hin qabaatus jedhaniiru.

Sadarkaa lammaaffattis, filanno dhufu kanas filannoo dhugaafi haqaan deemu akka taasisuu paarticha irraa eegna jedhaniiru. ''Walumaa galatti, nuti akka paartiifi akka ummata Orommootti wantoota kanneen paartii kanarraa eegna. Kuni bakka hin guutamneetti ammoo akkuma kana duraatti qabsoo keenya itti fufna,'' jedhan.

''Dhaabbanni siyaasaa tokko of jijjiruus, dhiisuun ni danda'a. Garuu dhiiga sabaafi ijoollee keenyaatiin [qumaara] (tirgaa) xabachuu hin qabaatu.

Dr Mararaan tibba MM gara aangootti dhufan kan dubbatan yaadachuun ibsu. "Rakkoon Abiy eeggattu inni guddaann ummata Itoophiyaa gaggeessanii cesiisuu osoo hin taane, ADWUI fudhatee ce'uu danda'uufi dadhabuudha' jedhanii turan.

Kan yeroo ammaa partilee miseensa ADWUI turan keessatti uumames kan Piroofesar Mararaan yeroo sana jedhanis dhugaa waan ta'e fakkaata. Ammas haaluma ani jedhee sanaan TPLF dabalatee gidduu isaaniitti rakkoon uumamee miila waljalaa fuudhuutu jira jedhu.

"Jalqabasi soodaan kiyya sana ture, ammas isa ani soodaadhe sanatu ta'aa jira," jedhan.

Obbo Lammaa Magarsaa falaasama Ida'amuufi walitti-baquu ADWUI deggaruu dhiisuun isaa eegeere siyaasa biyyattiif yaaddoo ni qabaataa kan jedhu gaafatamanii, ''amma sirni federaalizimii domokiraatawa ta'e ijaaramee sanbi keenya walqixxummaan abbaa qee'eesaa ta'ee qabsoon isaa galma gahuutti yaada'uun keenya hin olu," jedhaniiru.

Piroofesar Mararaan yeroo murteessaa ta'e kanatti paartileen siyyaas Oromoofi Qeerroon yeroo murteessaa kanatti wal bira dhaabbachuu akka qabaatan ergaa dabarsaniiru.