Walabummaa Miidiyaa: Gaazexessaa Mallasaa Dirribsaa turtii mana hidhaa isaa akkamiin hima

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Mallasaa Dirribsaa
Gaazexeessaan OMN Mallasaa Dirribsaa waggaa tokkoo fi baatii ja’aaf erga hidhamee booda guyyoota muraasaan dura mana hidhaatii gadhiifame.
Galmee Obbo Jawaar fa'a jalatti kan himatame Mallasaan, namoota waliin himataman kanneen akka Obbo Jawaar Mahaammad , Obbo Dajanee Xaafaa, Shamsaddiin Xahaa fa’aa waliin Jimaata darbe galgala mana hidha Qaallittirraa gadi dhiifameera.
Namootni kunneen ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee reeffa ugguranii deebisuu, sabaaf sablammoota walitti buusuu fi walitti bu’iinsa uumuun shakkamanii turan.
Mootummaan Itoophiyaa "dirree siyaasaa bal'isuu fi marii biyyaalessaa hirmaachisaa ta'eef'' jecha hidhamtoota "dhiifamaan" hiikuuf murteessuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa Jimaata galgala baaseen beeksise ture.
Qindeessaa Kutaa Oduu OMN gaazexeessaa Mallasaan turtii mana hidhaatti dabbarsee fi wayita hidhaa gadhiifamu waan ture BBCtti himeera.
Mallasaan akkamitti hidhaatii bahe?
Mallasaan turtii waggaa tokkoofi baatii jahaatti dhiyaatuuf mana hidhaa ture. Dhumarratti ammoo qaama dhimmi ilaallaturra otoo hin taane namoota isaan gaafachuuf dhaqaniirra hidhaatii ni baatu haasaa jedhu dhaga’aa turu dubbate.
‘’Mana hidhaatii ni baatu oduun jedhu [deemaa] himamaa ture,’’ Mallasaan.
Mallasaan mana hidhaa Qaallittii keessatti zoonii 8 keessaatti akka hidhamee ture dubbate. Wayita hidhaatii bahan haala tures akkasiin BBCtti hime gaazexessaan kun.
‘’Galgala sa’aatii 11tti irbaata nyaannee amma sa’aatii 12 gahutti lakkaa’amnee, gara kutaa mana keenyaatti ol galle. Sana booda duuban balballi erga nutti cufamee daqiiqaa 30 booda deebi’e baname,’’ jedhe.
Balballi cufamee ture erga irra deebiin banamee booda poolisoonni ol seenanii namoota galmee Jawaar jala jirru maqaa keenya waamanii ’meeshaa keessan qopheeffadhaa’ nuun jedhanii jechuun hime.
Yeroo sana akka gammade hin dhoksine Mallasaan. ‘’Mana hidhaa sana keessaa bahuuf murtoo akka tasaa gaafa argitu ni gammadda’’ jedhe, miira yeroo sana itti dhaga’ame wayita ibsu.
Sa’aatii tokkoof mooraa mana hidhaa Qaallittii keessa erga turanii booda meeshaa qaban fudhatanii gara maatii isaaniitti qajeelan.
Dhiifamaani moo akkamitti gadhiifamte jedhame kan gaafatame Mallasaan ‘waanti natti himame homtuu hin jiru, qaamni nutti hime hin jiru’’ jedhe.
Haalli mana hidhaa keessa jiru maal fakkaata?
Turtii ganna tokkoofi baatii ja’aaf hidhame kana keessatti manneen hidhaa lama keessan ture. Jalqaba yeroo baatiitti dhiyaatuuf Buufata Poolisii magaalaa Finfinneettan hidhame. Himanii narratti banamee booda gara mana hidhaa Qaallittiin geeffame jedhe.
Buufata Pooliisii keessatti haalli qabiinsa ture ‘’gaarii mitii ‘’jedhe Mallasaan.
‘’ Yeroo ji’a tokkotti dhiyaatuuf bilbilaan maatii keenya argataa hin turre,’’ jedhe. Kanatti dabaluun abuukaatoo isaanii argachuun rakkisaa akka ture hime.
Sababni isaa ammoo yeroo sana buufatni poolisii sun ‘’sababii weerara Covid’f namoonni walitti hiiqanii wal dubbisuu hin danda’an’’ jedhanii itti himaa turuu kaase.
Torban lamaa hanga sadiitiif huccuu ittiin qabamaniin akka turan hime.
Haa tahu malee erga mana hidhaa Qaallittiitti dabarfamanii booda hallii qabiinsa wayyaa’u dubbate Mallasaan.
Buufata poolisii magaalaa Finfinnee yeroo turanitti miidiyaalee hordofuudhaaf guutumaan guutuutti hin turre jedhe. Gara Qaallittitti erga dabarfamanii booda miidiyaaleen mootummaa filatamanii akka gadhiifaman, akkasumas toora miidiyaalee tapha kubbaa miila agarsiisan mana hidhaa sana keessatti akka banaman himeera.
Dhimmoota miidiyaalee mootummaarratti himamaniin alatti odeeffannoo kaan filatanii hordofuuf carraan hin turre jedhe.
Mallasaan aartistii beekamaa Haacaaluu Hundeessaa ajjeeffamuu hordofee guyyaa lama booda poolisiin to’atame. Waajjira OMN dura erga qaqqabee booda konkolaachisaa OMN waliin poolisoota Federaalaatiin to’atame.
Qindeessaa kutaa oduu OMN kan ture Mallasaan, yeroo to'atame ta’iiwwan ajjeechaa Artist Haachaaluu Hundeessaa hordofuun mudatan gabaasaa turu eere. Guyyaa Ayyaana Qillee Itoophiyaatti kabajame irra mootummaan himata irratti banamee ture adda kutuun dhiifamaan isaan gadhiise.
Mallasaan ogummaa gaazexessummaan digirii isaa Yuunvarsiitiittii irraa erga argateen booda ogummaa kanaan hojjataa ture.’’Miidiyaarra hojjachuun anaaf jireenya kooti,’’ jechuun odeeffannoo wayitaawaa hawaasatti himutti ammas akka gammadu dubbate.
Fuuldurattis ogummaa gaazexeesuummaa jaalatuun hojjachuuf akka abdii qabu BBCtti himeera.
MM Abiy Ahimed akkuma gara aangootti dhufaniin walabummaan miidiyaa biyyattii keessatti kan dagaage fakkaatee ture. Garuu osoo hin turiin kun jijjiiramuu eegale dhaabbileen mirga gaazexesitootaaf falman himaa turan.
Itoophiyaan bara kana keessa gaazexessitoota hedduu hiite jechuun dhaabbatni mirga gaazexesitootaaf falmu CPJ gabaasera.
Ajjeechaa artistii jaalatamaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa hordofee Oromiyaa kutaalee adda addaa keessatti hookkarri cimaan djalatee ture. Sana hordofee namootni kumaatamaan lakkaa'aman mana hidhaatti guuramaniiru.















