'Qabsoo karaa nagaa itti fufna, namoonni mana hidhaatti hafan akka ba'an gaafanna'- KFO

Jawaar Mahammad fi Baqqalaa Garbaa

Madda suuraa, OMN

Jimaata darbe gaafa Amajjii 7,2021 himati isaanii adda cituun mana hidhaatii kan bahan hoogganootniifi miseensonni Kongireesii Federaalawaa Oromoo rakkoo nageenyaa biyya kanaa hiikuuf waraanni furmaata waan hin taaneef qabsoo karaa nagaa eegalle itti fufna jedhan.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee Adoolessa 1, 2020 to'annoo jala kan oolan Obbo Jawaar Mohaammad, obbo Baqqalaa Garbaafi kaan hidhaa guyyoota 530 ol boodadha kan isaan Jimaata darbe gadhiifaman.

Abbaan Alangaa Federaalaa hidhamtoonni kun marii biyyaalessaa karoorfame bu'a qabeessa gochuuf "bu'uura labsii 943/2008tiin himatni isaanii akka kaafamu murtaa'e" jedheera.

Obbo jawaar Mahammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee qondaaltonni KFO hidhaatii gadhiifaman hedduun erga ba'anii karaa miidiyaa wanti isaan dubbatan si'oominaan eegamaa ture.

Miseensonni KFO fi Adda Bilisummaa Oromoo mana hidhaatti hafuun ammoo tarkaanfii mootummaa hir'uu godha jechuun namoonni yaada kennaa kan turan yoo ta'u, KFOnis ibsa hoogganoota isaa hidhaa bahan ilaalchisee baase keessatti kanneen mana hidhaatti hafan akka gadi dhiifamanii marii biyyoolessaa keessaa qooda fudhatan gaafateera.

Ibsi KFO maal jedha?

Miseesonni fi hooggantoonni KFO hidhaatii hiikaman ibsa baasaniin akka dhuunfaattis ta'e akka dhaabaatti qabsoo karaa nagayaa gaggeessaa turan irratti akka cichan ibsan.

''Qabsoo karaa nagaan mirga uummata Oromoo fi kan sabaafi sablammoota biyya kanaa dhugoomsuuf akka hojjannu irra deebinee isiniif mirkaneessuu barbaanna,'' jedhaniiru.

Ajjeechaa Artistii Haacaaluu Hundeessaa booda hidhaan nurratti raawwatame guutummaatti bu'uura siyaasaa irraa kan maddedha kan jedhan miseensonni KFO kunneen, ''Qaamoleen nu hidhanis nuti yakka kamirraayyuu bilisa akka taane wallaalanii osoo hin taane dirree siyaasaa nu keessa jirrutti haqaan nu falmanii mo'achuun ulfaataa akka itti tahu waan beekaniifi. Dirree siyaasaa keessaa nu dhabamsiisuuf,'' jedhan.

Gaaga'ama waraanaa fi siyaasaa biyyattii mudate, kan lammiilee miiliyoonaan lakkaa'aman dararaaf saaxileen mana hidhaa taa'anii yaadda'aa akka turanis ibsaniiru miseensonni kunneen.

''Keessumaa yakkoota suukanneessoo Sabaafi Sablammootaafi Nannolee biyyattii kanneen akka Oromiyaa, Tigraay, Beenishaanguul Gumuz, Affaariifi Amaaraa keessa jiraatan irratti raawwatamaniin gadda guddaatu nutti dhagahame," jedhan.

Gaaga'ama siyaasaa biyyattii keessatti uumameefi balaa hamaa baatiiwwan 13'n dabran keessa mudate of duuba deebi'anii sirreessuuf yeroon isaa baay'ee barfatuu isaa kan ibsan miseensonni kunneen, ''garuu hammamuu dhiphatus, badiin biraa akka hin uumamne hambisuu, nagayaafi tasgabbii deebisanii dhugoomsuu, hawaasaafi uummatoota walitti araarsuufii biyyattii deebisanii ijaaruudhaaf carraan ni jira jennee amanna'' jedhan.

Kana godhuudhaaf garuu qaama hundaa bira fedhii dhugaa bu'uura godhate, hirmaannaa onneefi qalbii guutuun taasifamuufi murannoofi kutannoo waan kana dhugoomsuu qabaachuu gaafata,'' jedhan.

Mootummaan baroota lamaa oliif tarkaanfii waraanaa lelliisuu irraa gara rakkoo nagaan furuutti fuulleffachuu akka tarkaanfii gaariitti fudhanna, yaadni kun gara hojii qabatamaatti akka geeddaramus gaafanna jedhan.

Qaamoleen waraana keessatti hirmaatan tasgabbaa'anii rakkoo nagaan furuuf carraa akka kennan akkasumas biyyoonni alaas daandii marii nagaa akka tumsan kan gaafatan miseensonni kunneen, garuu qaama kamiifuu deeggarsa meeshaa waraanaa kennuun waraana babal'isuurraa akka of qusatan dhaaman.

Ajjeechaa Artist Haacaaluun gaddi nutti dhagame laalaansaa ammallee nu keessaa hin qabbanoofne kan jedhan miseesnonni kunneen, ajjeechaa sana eenyu akka raawwate qorannoon bal'aan godhamee karaa uummannii fi maatiin itti quufuun haqisaa argamuu qaba jedhan.

''Qorannaa yakka suukaneessaa Artistii keenya qaalii sabaa irratti raawwatame siyaasessuufii irra dibaadhaan bira dabruudhaaf yaaliin godhame fudhatama kan hin qabneefii sirni haqaa biyyattii haqa Haacaaluu ifoomsuu dhiisaatii taatee halkan san taheeyyuu ifoomsuu akka hin dandeenye kan mirkaneesse akka tahetti fudhanna.

Kanaafuu, akka Idil Adduunyaatti gareen walaba tahe hundeeffamee qorannaan walabaafii haqaa gaggaaffamee akka dhugaan isaa bahu gaafanna.''

''Hidhamtoonni Siyaasaa biyyattii keessatti sadarkaa gubbaatii hanga jalaatti jiran, miseensonni dhaaba keenyaa, deeggartootni keenya, hoggantootni ABO gameeyyiin, miseensonni ABO, hidhamtoonni siyaasaa kumaatamootaan lakkaawwaan, gaazexeessitoonni, rogeeyyiin, akkasumas qaamoleen sababa siyaasaa qofaaf labsii yeroo muddamaa kanaan wal qabatee hidhaman hundi haal duree tokko malee akka hiikaman gaafannas'' jedhaniiru.