'Mootummaan jijjiirameera miidiyaan hoo?'-Dr. Zennebee Beyyenee

Zennebee Beyyenee(PhD)

Madda suuraa, Zennebee Beyyenee

Miidiyaaleen gabaasa hojjetan loogiirraa bilisa ta'uun yoo hojjetan garaagartee yaadaa gama hundaan jiru dhiphisuun wal hubannaa uumuuf shoora guddaa bahu, faallaa kanaan hojiin hojjetamu ammoo waldhabdee, rakkoo nageenyaaf karra saaquu akka danda'an ogeessi BBC' dubbise himan.

Tibba kana miidiyaaleen mootummaa ''gaaffi bulchiinsaa'' naannoo Tigraayitti ka'e halli itti gabaasan mootummaa naannichaa fi ogeeyyii biraa qeeqa kaasiseera.

Mootummaan Naanoo Tigraay Abbaan Taayitaa Biroodakaastii Itoophiyaa miidiyalee 'gabaasa soba' dhiyeessaniiru jedheen qoratee tarkaanfii irratti akka fudhatu guyyaa kaleessaa xalayaa ergeen gaafachuu isaa Kominikeeshiniin Abbaa Taayitaa Broodkaastii Itoophiyaa BBC'f himeera.

waayee komii kanaa fi dhaabbilee himatamanii odeeffannoo dabalata akka of harkaa hin qabnees Hoogganaan Kominikeeshinii mana hojichaa obbo Gabraa Goorgiis himaniiru.

Ofii Miidiyaaleen Itoophiyaa akkam jiru? Hanqina oogummaan dalaguu qabuu? akkamiin furama, haalli amma itti dalagan balaa qabaa? jennee Qorataa Miidiyaa fi Yunivarsiitii Misiisippiitti argamutti Gaazexessummaa kan barsiisan Dr. Zennebee Beyyenee dubbifneerra.

Odeeffannoofi Suura hin mirkanaawiin fayyadamuu irratti yaada kennaniin afgaaffii isaanii dhiyeessina.

Dr. Zennebee: Taatee naannoo biraatti ta'e tokkoo akka Itoophiyaa keessatti ta'eetti dhiyeessuun hojii gaafatamni isa hanqatuudha. Hunda caala mmiidiyaa tokkoof wanni gatii guddaa qabu amantaa dha. Taateen waii yoo dhalatu miidiyaaleen wanti ta'e maali, odeeffannoo eessaan argadha, raga arganne akkamiin itti fyyadaman? Jedhee yaaduu qaba.

Dandeettii hubachuu uummataa dabaluu qabna. Uummatni miidiyaalee soba afarsa kan dhiisu dandeettiin hubanna isaa gaafa dabaluudha.

Wanta waggaa shan dura ta'e akka waan har'a ta'eetti dhiyeesuun hunda caala kan miidhu miidiyaa sani mataa isaati. Yeroodhaaf uummata burjaajessuu danda'a. hunda caala garuu miidiyichatu amantaa uummataa dhabaa deema.

Mootumman gocha miidiyaalee gaafatama dhabanii kanaa gaafatamtoota gochuu qaba. Miidiyaan sun kan mootummaas haa ta'u kan dhuunfaa hojii gaafatamummaan hanqateen yoo hojjete sun garaagartummaa hin qabu. Mootummaan dirqama gaafachuu qaba. Mootummaan dirqama nageenya uummataa eeguu qaba.

BBC: Waggoota lamaan sadan kana keessa miidiyaalee mootmmaarratti jijjiiramni mul'ate jiraa? waggoota lamaa sadi dura turan keessatti miidiyaaleen mootummaa afan mootummaatii jedhamuun qeeqamaa turan.

Dr Zannabaan kun irra deddeebiidhaan yeroo ka’u ni dhagaha. “Mootummaan jijjiirameera midiyaan hoo?” kan jedhudha.

Tarkaanfii tokko gara duubaa deemuu waan qabnu natti fakkaata.

Itoophiyaa keessatti mootummaan jijjiirameeraa? Nuti hunduu gaaffii qabna. Dhugaadha bulchiinsi jijjiirameera waan ta’eefi.

Aangoon Obbo Mallaas irraa gara Obbo Hayilamaariyaam isaan irraa immoo gara bulchiinsa Dr Abiyitti ce’eera.

Dagachuu kan hin qabne garuu hundisaaniiyyuu ADWUI ta’uusaaniiti. Yeroo bulchiinsa Dr Abiy kanatti jijjiiramoonni arginu tokko tokko ni jiru. Isaan irratti shakkii hin qabu.

‘Kanarraa ka’ee yoo ilaalamu miidiyaan jijjiirameeraa laata?’ gaaffiin jedhu dhimmi qoratuu qabnuudha natti fakkaate. Sababni isaas gaazexeessitoonni isaanuma; tajaajjilli hawaasummaa sanuma waan ta’eefi. Ilaalichis sanuma. Kana caalaa aadaa siyaasa kan jennus sanuma.

Gaazexeessaan bu’aa hawaasaati. Aadaan siyaasaa hawaasa keessa jiru jijjiirameeraa laata? jennee yoo ilaallu gara gartuu tokkotti dabuun amma ammaa hammaataa dhufeera jennee yaadna.

Sababni isaas miidiyaalee tokko tokkorratti keessumaayyuu miidiyaalee hawaasummaarratti gartuu qabatanii dhagaa darbachuun ni jira. Dhagaan sun kan darbatamu garuu uummatarratti. Biyya irratti. Hundi keenna lammii Itoophiyaa ta’uu waan daganne natti fakkaata.

Dhimmoota maal godhaa jirra? Garam deemaa jirra? Jedhan haalaan ilaaluu qabna.

Hamma mootummaan aadaa siyaasaa fi jijjiirama bulchiinsaa hin fidnetti miidiyaa ilaalcha (mind set) asiin duraa keessa jiru waan haaraan ni fida jedhanii eeguun baay’ee ulfaataadha.

Hundaa olitti wanni rakkisaa isa taasisu hunduu naannoosaatti miidiyaa hawaasummaa yookiin miidiyaa mataasaa jabaa qaba. Maqaa eeruu hin fedhu. Kan hundi keenna beeknudha.

Osooma jennuu miidiyaan har’a haalan hin sirraa’u taanaan boru gatii nu kaffalchiisa.

Dr Zennebeen fakkeenyaaf filannoo Keeniyaa bara 2007/8 booda wal dhabdee uumameef rakkoo hammeessaa kan turan buufataalee raadiyoo akka ta’an kaasu.

Fakkeenyaaf buufataalee raadiyoo naannoo riift vaalii gahee ol’aanaa taphataniiru. Haala amma Itoophiyaa keessa jiru mootummaan xiyyeeffannoo kennee miidiyaaleerratti sirreeffama hin kennu yoo ta’e boru gatii guddaa nu kaffalchiisu.

Kanaafuu “mootummaan jijjiirama taasiseera; haleeluyyaa miidiyaa keessatti jijjiiramni ni jiraata; gara ardii abdii qabdutti imalaa jirra; wantoonni hundi salphoodha” jennee yaanna taanan of sobaa jirra jechuudha.

Hundaa caalaa balaan miidiyaaleen hawaasummaa uumaa jiran xiqqaa miti. Dhimmoonni miidiyaaleen yeroo tokko tokko hojjatan deebii miidiyaale hawaasaa fakkaata.

Haleellaan sanyummaa Maayinaaritti uumameef miidiyaalee hawaasummaan gahee guddaa qaban ture.

Naannoo keennatti miidiyaaleen maal hojjataruu jedhanii qoratuu barbaachisaadha. Rakkoon miidyaalee biraarratti argu akkuma jirutti jechuudha. Hoggantoota sodaachuu, gara gartuu tokkotti goruun ni mul’ata.

Kana caalaa fedhii hawaasaa beekuu fi hojii baay’ee hojjatuu waan qabnu natti fakkaata. Yeroo kana jedhu warroota federaalaa fi naannoleerra jiran ni dabalata.

Dr Zannabaan kun irra deddeebiidhaan yeroo ka’u ni dhagaha jedhu. “Mootummaan jijjiirameera midiyaan hoo?” kan jedhudha.

Tarkaanfii tokko gara duubaa deemuu waan qabnu natti fakkaata.

Itoophiyaa keessatti mootummaan jijjiirameeraa? Nuti hunduu gaaffii qabna. Dhuaadha bulchiinsi jijjiirameera waan ta’eefi.

Aangoon Obbo Mallaas irraa gara Obbo Hayilamaariyaam isaan irraa immoo gara bulchiinsa Dr Abiyitti ce’eera.

Dagachuu kan hin qabne garuu hundisaaniiyyuu ADWUI ta’uusaaniiti. Yeroo bulchiinsa Dr Abiy kanatti jijjiiramoon arginu tokko tokko ni jiru. Isaan irratti shakkii hin qabu.

‘Kanarraa ka’ee yoo ilaalamu miidiyaan jijjiirameeraa laata?’ gaaffiin jedhu dhimmi qoratuu qabnuudha natti fakkaate. Sababni isaas gaazexeessitoonni isaanuma; tajaajjilli hawaasummaa sanuma waan ta’eefi. Ilaalichis sanuma. Kana caalaa aadaa siyaasa kan jennus sanuma.

Gaazexeessaan bu’aa hawaasaati. Aadaan siyaasaa hawaasa keessa jiru jijjiirameeraa laata? jennee yoo ilaallu gara gartuu tokkotti dabuun amma ammaa hammaataa dhufeera jennee yaadna.

Sababni isaas miidiyaalee tokko tokkorratti keessumaayyuu miidiyaalee hawaasummaarratti gartuu qabatanii dhagaa darbachuun ni jira. Dhagaan sun kan darbatamu garuu ummatarratti. Biyya irratti. Hundi keenna lammii Itoophiyaa ta’uu waan daganne natti fakkaata.

Dhimmoota maal godhaa jirra? Garam deemaa jirra? Jedhan haalaan ilaaluu qabna.

Hamma mootummaan aadaa siyaasaa fi jijjiirama bulchiinsaa hin fidnetti miidiyaa ilaalcha (mind set) asiin duraa keessa jiru waan haaraan ni fida jedhanii eeguun baay’ee ulfaataadha.

Hundaa olitti wanni rakkisaa isa taasisu hunduu naannoosaatti miidiyaa hawaasummaa yookiin miidiyaa mataasaa jabaa qaba. Maqaa eeruu hin fedhu. Kan hundi keenna beeknudha.

Osooma jennuu miidiyaan har’a haalan hin sirraa’u taanaan boru gatii nu kaffalchiisa.

Fakkeenyaaf filannoo Keeniyaa bara 2007/8 booda wal dhabdee uumameef rakkoo hammeessaa kan turan buufataalee raadiyoo akka ta’an kaasu.

Fakkeenyaaf buufataalee raadiyoo naannoo riift vaalii gahee ol’aanaa taphataniiru. Haala amma Itoophiyaa keessa jiru mootummaan xiyyeeffannoo kennee miidiyaaleerratti sirreeffama hin kennu yoo ta’e boru gatii guddaa nu kaffalchiisu.

Kanaafuu “mootummaan jijjiirama taasiseera; haleeluyyaa miidiyaa keessatti jijjiiramni ni jiraata; gara ardii abdii qabdutti imalaa jirra; wantoonni hundi salphoodha” jennee yaanna taanan of sobaa jirra jechuudha.

Hundaa caalaa balaan miidiyaaleen hawaasummaa uumaa jiran xiqqaa miti. Dhimmoonni miidiyaaleen yeroo tokko tokko hojjatan deebii miidiyaale hawaasaa fakkaata.

Haleellaan sanyummaa Maayinaaritti uumameef miidiyaalee hawaasummaan gahee guddaa qaban ture.

Naannoo keennatti miidiyaaleen maal hojjataruu jedhanii qoratuu barbaachisaadha. Rakkoon miidyaalee biraarratti argu akkuma jirutti jechuudha.

Hoggantoota sodaachuu, gara gartuu tokkotti goruun ni mul’ata.

Kana caalaa fedhii hawaasaa beekuu fi hojii baay’ee hojjatuu waan qabnu natti fakkaata. Yeroo kana jedhu warroota federaalaa fi naannoleerra jiran ni dabalata.

Furmaatni Maali?

Miidiyaalee keessa kanneen jiran nama ta'uu isaanii dagachuu hin qabnu. Namni ammoo ni dogoggora kanaaf gaazexessaa gahuumsa qabu akkamiin uumuu dandeenya jenne yaadu qabna. Fakkeenyaaf Hindi biyya Dimookraasii guddoo jedhamtee kan leellifamtu miidiyaalee gaarii jedhaman waan qabduufi.

Gaanaa, Keeniyaafi Afrikaa Kibbaa keessatti biyyoota kaan waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu miidiyaaleen sirni Dimookraasii akka ijaaramu gahee isaanii bahaniiru. Itoophiya akeessattis qabinsi mirgaa fi Dimookrasiin barbaannu akka dhufu haalli miidiyaalee jijjiiramuu qaba. Gahoomsuun nurra jira.

Kan jalqabaa yeroo hundumaa irra deddeebiin leenjii kennuun ni barbaachisa namni qalma irratti boba'e amma amma haaduu qarachuu qaba kanaa achi ni dooma. Miidiyaaniis akkasuma.

Gaazexessitootni oogummaa isaanii kan gabbifnuuf yoo ta'e, galtee barbaachisu kan dhiyeessinuuf yoo ta'e sababni hin jijjiiramneef hin jiru.

Keeniyaa keessatti hojimaata jiru tokkoon gaazexessitootnis haa ta'u, namootni siyaasaa hojii itti gaafatamni isa hanqate gaafa hojjetan, uummata walitti buusuuf yoo yaalan dhoksuun hin hayyamamu.

Ameerikaa keessattis waldaaleen Siiviikii jiran kanuma waanuma kana raawwatu. Itoophiyaa keessatti akkas hin godhamu yoo ta'e ilaalcha koo waan naa calaqqiseef qofa miidiyaa sirriidha jedhama yoo ta'e sirrii miti.

Har'a tarii miidiyaan dubartoota adda baasee miidhu yoo jiraate 'ani dhiira' nah in ilaallatu jennee bira dabarra yoo ta'e bor gara kootii yoo ce'e humni isa dhaabu hin jiru.

Kanaaf dabniifi miidhaan miidiyaatiin qaama tokkorratti raawwatamu hunda keenyarratti akka raawwatameetti ilaaluu qabna. Dhugaafi ijoollee keenyaaf jennee ija jabinaan miidiyaalee sirreessuu yoo dhabne, biyya kana bor dhabuu dandeenya.

Kallattiin amma irra deemaa jiruu baayyee hamaadha. Tarii dhuguma Lammiileen Itoophiyaa hunduu nama biyya tokkootii kan nama jechisiisudha. Nama gororra liqimserraa kan eegamu miti.