Maskaram Abarraa to'annoo jala oolte

Madda suuraa, Social Media
Hundeessituufi haadha qabeenyaa miidiyaa YouTube "Itiyoo Niqaat" kan taate Maskaram Abarraa Kibxata Mudde 13, 2022 waaree booda Finfinnee keessatti Poolisii Federaalaan to'annoo jala oolfamuushee abbaan warraa ishee BBCtti hime.
Maskaram Abarraa mootummaa cimsitee qeequun beekamti.
Abbaa warraa Maskaram Obbo Fitsum Gabre-mikaa'el BBCtti akka dubatetti, waaree booda sa'aatii 10:30 bakka 22 jedhamutti osoo waliin jiranii namoonni uffata siviliifi uffata dambii poolisii Federaalaa uffatan dhufanii Maskaramiin qabanii sokkan.
Wayita Maskaram eenyummaa namoota kanaa gaafattetti miseensota poolisii Federaalaa ta'uu isaanii erga ibsanii booda, gara waajjira qorannoo yakkaa Poolisii Federaalaa kan Meksiikootti argamuu akka geessan itti himan.
Kana itti himanii ka'aniis konkolaataatiin fuudhanii akka deeman abbaan warraashee Obbo Fitsum Gabre-mikaa'el ibseera.
Obbo Fitsum akka jedhutti, gara haati warraa isaa Maskaram itti hidhamtee jirtu deemee Maskaramiin akka argeefi yakka maaliitiin akka shakkamtee to'atamte hin bariin jirtu hubachuu isaa BBCtti himeera.
Maskaram Abarraa yakka akkamiitiin shakkamtee akka to'annoo jala oolfamte baruudhaaf yaalii BBCn Poolisii Federaalaaf bilbile hin milkoofne.
Mootummoota Federaalaafi naannoo cimsitee qeequudhaan kan beekamtu Maskaram Abarraa, to'annoo poolisii jala yeroo oolfamtu kun kan jalqabaa miti.
Bara darbes ji'a Caamsaa keessa to'annoo jala erga oolfamtee booda wabii birrii kuma 30n gadhiiffamtee turuu ishee abbaan warraashee Obbo Fitsum yaadataniiru.
Yunivarsiitii Hawaasaatti duraan barsiistuu kan turte Maskaram Abarraa, Caamsaa darbe keessa yakka mormii uummataa kakaasteetti jedhuun mana-murtiitti dhiyaattee turte.
Abbaan warraashee Obbo Fitsuma akka jedhutti, Maskaram ogummaa barsiisummaashee dhiisuun guutummaatti hojii miidiyaa irratti fuulleffattee hojjechaa akka jirtu dabalee himeera.












