Cidha sooreessotaa doolaarri miiliyoonaan lakkaa'amu itti bahe

Madda suuraa, Reuters
Isin biratti cidhni tokko baayyee baasiin itti baafame yoo jedhamu birriin meeqa yoo itti bahedha?
Cidhni ilma sooreessa biyya Hindii tibbana gaggeeffame garuu doolaara miiliyoonni 156 itti bahee, cidha qaalii addunyaa jedhamuun ijoo dubbii ta’eera.
Tibbanas ijji namoota hedduu gara magaala daldalaa Hindii Mombaayii ilaalaa ture. Ilmi dureessaa ardii Eeshiyaa kan ta’e Mukeesh Ambaaniitu fudhe. Qophiin cidha kanaatiis baatiiwwaniif gaggeeffamaa turutu himame.
Intallis kan maatii sooreessa beekamoo ta’aniiti. Dureessii fi dura taa’aa indastiriiwwan Riiliiyaansi, Mukeesh Ambaanii, ilmasaa dhumaa Anaanti Ambaanii intala maatii damee fayyaatiin qabeenya olaanaa horatan Viiranii fi Vaayiilaa Marichaantin kan taate, Raadiikaa Marchaantiin fudhe.
Cidha tibbanaa kana duras baatiiwwan darban afuriif qophii garaa garaa gaggeeffamaa ture.
Ufannaa bareedaa, faayaawwan ajaa’ibaa fi faayyaawwan cidhaa (decor) akkasumas qophii muuziiqaa aartiistoonni addunyaa fi Hindii keessatti argaman irratti hirmaatan gaggeeffameera.
Qabeenyi dhuunfaa Aab Ambaanii doolaara biiliyoona 124 akka ta'u barruu Forbes jedhamu tilmaameera. Anaant, kan umuriin ganna 29, boordii daayirektaroota Reliance Industries keessatti iddoo qaba.
Yeroo baayyee Hindoonni cidha baasiin guddaan itti taasifame qopheessu. Haalli qophii cidha kanaatiis kan qabeenyaa Ambaanii waliin wal gituudha’’ jedhan barreessaa Soobihaa Diin.

Madda suuraa, Reuters
Qabeenyi fi dhiibbaan maatii Ambaanii guddaan Hindii keessatti kan beekamu yoo ta’u, kanneen biyyattiin ala jiran hedduun hanga ammaatti bal’ina qabeenyasaanii hubachuu dhabuu danda’u.
Haata’u malee ji’a Bitooteessaa keessa yeroo Aab Ambaniin ilma isaaniif cidha dura guyyoota sadiif qophii qopheessaniitti, haalli sun kan jijjiirame fakkaata.
Tilmaamni baasii gaa'ila dhiheenya kanaa baay'ee ture, garuu maatiin Hindii amantii, gosaa fi aadaa hunda keessa jiran yeroo baayyee carraa kanatti fayyadamuun qabeenya, sadarkaa fi dhiibbaa hawaasa keessatti qaban ittiin agarsiisu.
Akkasumas haalli yeroo baayyee liqaa guddaa keessa itti galanis ni jira.

Madda suuraa, Reuters
Gabaa gaa'ilaa doolaara biliyoona hedduu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gatiin gabaa gaa'ilaa Hindii kan Ameeriikaa isa doolaara biiliyoona 70tti tilmaamamu dachaa lama yoo ta'u, kan Chaayinaa kan doolaara biiliyoona 170tti tilmaamamu gadi ta'a.
Hinditti waggaatti cidhi gara miliyoona saddeet hanga 10 kan raawwatamu yoo ta'u, Chaayinaa keessatti miliyoona torbaa hanga saddeeti, US keessatti ammoo hanga miliyoona 2.5 ta'a.
“Yeroo cidhaatti maatiin misirroo baasii hunda danda'u, meeshaalee kanneen akka faayaatii kaasee hanga meeshaalee mana keessaa kan alaa elektirikii fi meeshaalee manaa yeroo dheeraaf turan bituun gahee maatii misirrooti,” jedhan Daarektarri Giddugala Qorannoo Misooma Dubartootaa Deelhii Maanimekaalaa.
Akka Maanimekaalaan jedhutti, gaa’elliwwan Hindii keessatti maqaa ‘ayyaana maatiin’ waaqeeffannaafi baasii baay’ee wajjin wal kan qabatudha.
Maatiin Hindii carraa kana fayyadamuun qabeenya isaanii agarsiisu, sadarkaa isaanii agarsiisuu fi dhiibbaa qaban hawaasa bal'aatti ittiin agarsiisu.
“Kana irraa kan ka’e, cidha baay’ee guddaa ta’ee fi hawaasa keessatti dhiphina maallaqaa fidu kanaaf liqii fudhatu. Baay’een isaaniis sirna gaa’elaa qopheessuuf qarshii liqeeffachuuf dirqamu. Aadaa fayyadamtootaatiin dhiibbaan irra gahe dhaloonni dargaggoo jireenya gammachuu jiraachuu barbaada.”
Akkasitti cidhni guddaan maatii galii xiqqaa qabaniifi sadarkaa giddu galeessaa keessatti argaman irratti ba’aa duubatti hin deebine akka kaa’u ifaadha.

Madda suuraa, Reuters
Liiqaatti galuu
Kaarthikaa (nama maqaan jijjiirame), kan umuriin ganna 32 fi kibba Hindii Cheenaayi keessatti, waggoota kurnan dura cidha guddaa raawwatte. Haata'u malee, warri ishee fi abbaan warraashee liqaa yeroo sanaa deebisuu kan danda’an dhiheenya kana.
''Galma gaa'elaa fi nyaata qofaaf gara ruubbiii miliyoona tokkoo (Doolaara kuma 12)tu baasii taasifamee ture,'' jetti.
Ofiisheetiin rakkoo cimaa keessa waan darbiteef, ijoolleen dubaraashee lamaan hariiroo ykn gaa'ila salphaa akka qabaatan barbaaddi.
Garuu namni biraa BBCn dubbise Dineesh magaalaadhuma walfakkaatu irraa qusannoo isaa keessaa harka 70 guyyaa guddaa kana (cidha) irratti akka baasuu akka hin oollee shakkii omaatuu hin qabu.
''Aadaan keenya gaa'elaan dura sirnoota hedduu akka raawwanu nu gaafata. Waan hunda ulfinaan hojjenne- kaadhimummaa, gaa’elaa fi simannaa,” jechuun yaadateera.
Karoorsaa fi qindeessaa qophiiwwanii kan ta'e Dineeshiin faayaa, galma gaa'elaa fi galma bareechuuf hanga doolaara kuma 36 akkasumas suuraa ka'uuf ammoo doolaara 1,800 baaseera.
Milkaa'inni dinagdee dhiheenya kanaa galmaa'ulleen, Hindiin baay'inaan biyya hiyyeettii taatee jirti. Akka odeeffannoon Baankii Addunyaatti galiin mataa mataa ummata biyyattii bara 2023tti doolaara 2484 ture.

Madda suuraa, Reuters
Baasiin faayaa isa bajata gaa'ilaa irra caalaa fudhatu
Waa'ee baasii faaya miseensonni maatii Ambaanii tibba qophii cidhaan duraa uffatan irratti waan baay'een barreeffamee akkasumas tilmaamameera.
Gabaasni Jefferies akka jedhutti, Hindiin gaa’ela irratti faayaaf doolaara biiliyoona 35 hanga biiliyoona 40 baafti.
Cidha qananiin guutame keessatti daayimandiin olaantummaa kan qabu yoo ta’u, sirna gaa’ela maatii hiyyeeyyii ykn sadarkaa giddu galeessaa keessatti ammoo warqeen bakka olaanaa qaba.
Gatiin olka’aa ta’us, fedhiin warqeen waggaa waggaadhaan Hinditti ol ka'aatuma adeema. Kanaanis, biyyattiin fayyadamtuu warqee addunyaa sadarkaa lammaffaa irratti argamti.
“Hinditti cidhi waggaatti fedhii warqee tilmaamaan parsantaa 50 maddisiisa,” jedha Manni Maree Warqee Addunyaa.
Maatiin misirroo misirrichaaf akka naqannaatti kan kennamu yoo ta'u, baasii faaya warqee baajata gaa’elaa keessaa qooda olaanaa fudhachu danda’a.
Kana hordofuunis baasii guddaan kan nyaataaf bahu yoo ta’u, waggaatti doolaara biiliyoona 24 hanga 26tu baha. Baasiin uffata, meeshaalee miidhaginaa, suuraa fi taateewwan birootiifis ni baha.
Bara darbe Ministirri Muummee Moodiin, maatiin dureeyyii baasii isaanii biyya alaatti imaluu dhiisanii dinagdee biyya keessaa akka guddisuuf Hindii keessatti cidha akka qopheessan gaafataniiru.
Cimdiiwwan Ambaanii kunneenis, sirna cidhaa dura doonii daawwannaatiif Xaaliyaanii irraa kaatee Room, Kaaniifi Poortoofinootti dhaabbachuun xumurame qabu.
Hindii keessatti ammoo, masaraawwan mootummaa fi hoteelonni magaalota seena qabeessa ta'an kan akka Jaayipur fi Udaipur kan bulchiinsa Raajataan fi qarqara galaanaa, bakkeewwan cidhaa dureeyyii fi namoota beekamoo Booliiwuud filatamoo ta'aniidha.
“Taatoowwan Booliiwuud amma cidha qarqara galaanaa filatu, mata dureewwan cidhaa adda ta’anis fiilmiiwwan beekamoo ta’aniin ka’amanis jaallatamaa dhufan,” jedhu Praadeep Chaandar, daayreektarri kalaqaa ‘Haalluuwwan Gaa'ilaa’.
Maatiin dureeyyii taʼan hundinuu sirna gaa'ilaa baasii baayyee qabu hin filatan. Misirroofi misirriichi galiinsaanii sadarkaa giddu galeessaa hedduun gaa'ilasaanii mana qulqullummaa keessatti ykn mana maatii isaanii keessatti raawwatu.
Bulchiinsa Kibba Hindii Taamiil Naaduutti dhalataa kutaa Maaduraa kan ta'e Maanoj, namoota gaa'ilaaf baasii hir'isuuf kutannoo qaban keessaa tokko.
"Iddoo hiriyyoonni koo fi firoottan koo muraasni jiranittan fuudhe" jedha.
Sirinichi bakka maatii fi hiriyyoonni isaa argamanitti kan gaggeeffame yoo ta'u, cidhasaa Ruupii kuma 50 (Doolaara 598) qofa baase.
''Gaa'elaaf maallaqa liqeefachuu irraa, maallaqicha meeshaalee manaa ittiin bitachuuf itti fayyadamne,'' jedha Maanoj.












