Yunivarsiitiin Jimmaa 'wanta samiirraa bu'e' jedhame qorachuuf garee ogeeyyii ijaare

Madda suuraa, SM
Aanaalee Godina Jimmaa keessatti Jimaata galgala naannoo sa'aatii lamaaf walakkaatti wanti akka sibiilaa fakkaatu sagalee guddaan samiirraa lafatti bu'uun gabaafameera.
Taateen kun jiraattota rifachiiseera. Wanti rifaatuu uume kun fuudhamee qorannoof waajjira Poolisii kaahameera.
Yunivarsiitiin Jimmaa ibsa wanti samiirraa kufe jedhamu kun maal akka ta'e adda baasuuf garee ogeeyyii tokko ijaaruu beeksiseera.
Waajirri Pireezidantii Yunivarsiitichaa ibsa Wiixata ganama baaseen wantootni samiirraa bu'an jedhamee miidiyaa hawaasaarratti qoodamanii mul'atan kun Astirooyidii ykn Meetiyooraayits ta'uu danda'uu jedheera.
Astirooyidiin qaamota akka pilaanetii xixiqqaa pilaanetootaa Maarsiifi Juppitar gidduu taa'nii aduutti marsaniidha. Meetiyooraayits kan jedhaman ammoo qaama akka dhagaa sirna soolaarii keessa socho'aniidha.
Yunivarsiitiin Jimmaa tilmaamni jiru wanti bu'ee lafatti argame Astirooyidii ykn Meetiyooraayits ta'uu malus ammatti qorannoon laabraatooriifi kaan hin godhamne jedheera.
Kanaafis ogeeyyii astiroofiizksii, keemistiriifi kaanis of keessaa qabu tokko ijaaruun wanta kufee argame kana akka qoratu waajirri Pireezidantii ibseera.
Gareen kun Inistitiyuutii Ispees saayinsiifi Ji'oospaashaalii Itoophiyaa waliin akka hojjetu beeksiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wanta kufee argame kana gara laabraatoorii Yunivarsiitichaa fiduufis qophiin godhamuu himeera.
Akka ibsi Yunivarsiitichaa himutti wanti samiirraa bu'e jedhame kun naannoo magaalaa Aggaaroofi Jimaa keessatti kufe.
Maali wanti kuni? Namoonni argan maal jedhu? Akkamitti rifaatuu uume?
BBC’n dhimmicharratti jiraattuu, ogeessaafi qondaalota mootummaa dubbiseera.
Maarishet Salamoon jiraattuu magaalaa Jimmaati. Taatee Jimaata halkan naannoo sa’aatii lamaatti raawwateen akkasiin himti.
“Mucaakootii wajjiin teenyee waa ilaalaa turre. Waan bukkee keetii [dhihootti] rukutamu wayii [fakkaata]. Baay’ee sagaleen jira; manni in socho’a.
''Sagalee du, du, duu, jedhuufi xumurarratti akka waan dhohinsa wayii sagalee duwaa…jedhutu dhagahame. Bukkeedhuma keetii [waan dhaga’amu] fakkaata,” jechuun ibsiti.
Yeroo sagaleen sun dhaga’amu akka mana keessa turte kan dubbattu dubartiin kun, hiriyoonnishee ala turan garuu waan ifa qabu samii keessa balali’u akka arganii isheetti himan dubbatti.
Taateen kun sa’aatii walfakkaataatti bakkee garaa garaa godinichaatti akka raawwate hiriyootasheerraa akka dhageesses dubbatti Maarishet.
“Roobni gidduu kanaa addadha; inni kaleessaa rooba, bakakkaa, qilleensa [bubbee] hin qabu” kan jettu jirattuun kun taatee kana “waan ajaa’ibaati” jechuun ibsiti.
Wanti samii keessaa lafatti bu’e jedhame tokko Godina Jimmaa Aanaa Maannaattidha.
Abdulkariim Abbaaduraa, Ittigaafatamaan waajira kominikeeshinii Aanaa Maannaa, ofii waan raawwate dhaga’uu baatanis jiraattotarraa kan dhaga’an akkanaan himan.
“Namni waansaa manasaa fuulduratti bu'ee wanti akka [bakakkaa] wayii dhufee akka bu’e kaasanii turan.
''Achumaan qaamni nageenya Aanaa gara sanatti imalee, [waan] iddoo sana taa’e ilaalan. Waantattiinis waan akka dhagaa fakkaatti, lafa urtee galtee jirti. Wanni sun baafamee gara aanaa akka dhufu ta’e.
''Dhagaas ni fakkaata; hamma ammaatti kana jedhamee [adda hin baane],” jechuun BBC’tti himaniiru.
Wanti samiirraa bu’e jedhame kun Aanaa Maannaa ganda Hundaa Qananii jedhamutti mana jireenyaa namaa fuulduratti akka ta’es himaniiru Obbo Abdulkariim.
“Hawaadhumarraa dhufee kan lafa lixeefi sagalee guddaa wayii dhageessisee, manni akka tokko baay’ee raafame. Sagalee akka qaqawwee [mandisuu] bokkaa keessaa [dhageessise].
''Achii ka’eemmoo akka waan baarmeeliin yeroo gangalatu sagalee dhageessisuus fakkaata. Waanni argame waan guddaa miti; waan xiqqaadha. Amma to’atamee waajira poolisiiti kan jiru.
''Qaamni adda baasu sadarkaa Aanaarra waan hin jirreef, ogeessa erganii akka qorachiisan, qaama Godinaatiifis rippoort godhameera” jechuun ibsu Obbo Abdulkariim.
Suuraalee miidiyaa hawaasaarra naanna’an keessaas, “ija Avokaadoo yookaan hanqaaquu” fakkaattee, bool’oo keessatti kan mul’atu kan aanaa isaaniitti bu’e jedhame akka ta’es BBC’f mirkaneessaniiru.
Aanaa Manchoottis sa’aatiidhuma walfakkaataatti taatee akkasii raawwatamun akka dhaga’an kan BBC’tti himan ammoo hogganaa kominikeeshinii Aanaa Maanchoo Hawwii Gaaliitti.
“Sagaleen kun sagalee dhukaasaas kan fakkaatudha. Namni hundinuyyuu kan dhaga’edha” jedhan.
Gandoota Aanichaa keessaa tokko kan ta’e, Daargeetti sagaleen garmalee guddaan akka dhaga’ame kan kaasan itti gaafatamaan kun, “maasaa qonnaan bulaa keessatti lafti urate kan argame.
''Qal’aa sibiila kan fakkaatu, kan dhakaa fakkaatu, qixxanni lafa galeen arganii [jiraattonni naannichaa] baasani,” jechuun himu.
“Xiqoodha, waan kiiloo shanii kan ta’udha. Waan akka amartii kan qabudha” kan jedhan ittigaafatamaan kun, suuraa miidiyaa hawaasaarraa deemaa jiran keessaa “kan Bokkuu fakkaatu” akka Aanaa Maachootti argame ibsaniiru.
“Akkuma bakakkaa al tokko al lama gigimmise” malee yeroo baay’eedhaaf akka hin turre himaniiru.

Madda suuraa, SM
“Sagalee gandoota baay’ee, namoota baay’ee” biratti sa’aatii walfakkaataatti dhaga’amuun ammoo taatee addaa akka taasisu dubbatu itti gaafatamaan kominikeeshinii aanaa Maachoo kun.
Taateen kunis Aanaalee Godina Jimmaa garaa garaa keessatti sa’aatii walfakkaataatti dhaga’amusaa BBC’n jiraatootaa fi oggeessa komunikeshiin irraa odeeffateera.
Aanaalee Godina Jimmaa lachuu keessatti wanti bu’ee argame jedhame qorannoodhaaf gara waajiraalee poolisii aanaalee kanneeniitti akka fudhatameefi miidhaan qaqqabsiise omtuu akka hin jirre Obbo Abdulkariim BBC’tti himan.
Ogeessi waa'ee taatee kanaa maal jedhu?
Dr. Toluu Barasaa, Yuvarsiitii Jimmaatti Ittigaafatamaa muummee Fiiziksiiti.
Dr. Toluun barnoota Astiroo fiiziksii jedhamu barsiisuufi qorachuudhaan kan beekaman yoo ta’u, hogganaa duraanii Ethiopian space society fi Ethiopian space and geospatial institute’tti ammoo miseensa kabajaati.
Taateen raawwate Godina Jimmaatti mudateera jedhame kunis karaa lamaan ta’uu akka malu BBC’f ibsaniiru.
Inni jalqabaatis, “Yoo bokkaan roobu yookaan roobuudhaaf yoo jedhu kan uumamuu danda’u, bakakkaa yookaan balaqqeessa bakakkaarraatiin kan ka’u ta’uu danda’a.
''Inni kun in uumama yoo ta’e, lafarratti dhagaafi kan dhagaa yookaan sibiila fakkaatan argamuu danda’u'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''hurrii baay’ee dorrobaa yookaan kuufamaa inni ulfaataan gadi deema. Inni salphaan ammoo ol deema.
''Hurriin kun lamatti ennaa wal hiru, inni gadi deemu kuni lafarra dafee dhufuu waanta hin dandeenyeef kan akka elektiroonii salphaan ol-ba’ee simachuu barbaada,” jechuun ibsu Dr. Toluun.
''Wanta oldheeraa akka mukaafaa fayyadamee olba’ee walqabachuu barbaada'' kan jedhan barsiisaan Astiroofiiziksii kun, “yeroo sanatti inni asii ol bahu muka sana yookaan wayi tokko falaxuu danda’a.
''Yoo ammoo naannoon sun albuuda qabeessa keessumattuu sibiiliifi maagnaataan achi jiraate walitti qabuu ni danda’a,'' jedhan.
''Uwwisni isaammoo haala hurrii fi walitti kuusama balaqqeessa sanaa” irratti akka hundaa’us ibsu.
Gama biraatiin ammoo jedhu Dr. Toluun, “Lafarraa otoo hin ta’iin, keessumattuu astirooyidii (qaanqursa) yookaan metrooyit (qorsa) kan jennu yoo ta’e, gosa dhagoota Maarsii fi Juppiitarii gidduutii bahanii yookaan ammoo sirna isaanii gadhiisanii yoo dhufani ta'u danda'a.''
''Innis yoo guddaa ta’e [astirooyidii] baay’ee lafayyuu balleessuu danda’a. Yoo metrooyitiin xixiqqoo ka taate, gara lixaa yookaan baha biiftuutti kan fiigu keessumaayyuu ‘Qorsa ganamaa, Qorsa galgalaa’ jedhamanii deeman yoo ta’an, isaanis bu’uu ni danda’u. Dhagaa jabaa otoo hin ta’iin lallaafoo ta’anii argamuu danda’u” jechuun ibsu.
“Gosa lamaanuu irratti bakakkaa yoo ta’e beekamaadha, qaanqursaa fi qorsoota yoo ta’an miidhaa isaan geessisan guddina isaanii irratti hundaa’a'' jedhu.
Wantoonni kunneen gara lafaatti dhufu yaanni jedhamu yoo jiraate qorattoonni karaarra maqsuuf yookaan lafatti akka inni hin buune gochuun miidhaasaa hambisuuf akka hojjetan kan kaasan Dr. Toluun, hammana guddaa ta’uu baatus fagoorraa waan dhufuuf naannoo bu'uu sanatti miidhaa geessisuu akka danda’u himu.
Akkuma Afrikaattuu saayinsiin gama kanaan jiru laafaa ta’uu kaasuun, “saayiinsiisaa bilcheeffannee aadaa godhannee” waan raawwatu qorachuuf, beekumsa aadaatiinis walsimsiisuun beekanii beeksisuun barbaachisaadha jedhan Dr. Toluun.












