Biyya maallaqa cidharratti bittimsuu seeraan dhorkite, warri bittimsan falmataa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaa keessatti sirna cidhaarratti taateen bu'uuraa fi ijoo ta'e yaaddoo keessa galeera. Taateen kun yeroo cidhaa si'oominaan eegama.
Misirroon lameen wayita shubbisaa as ba'an keessummoonni kabajaa walduraa duubaan as ba'uun maallaqa irratti bittimsu.
Baandiin muuziqaa achii wayita wallee gadhiisu, isaan ammoo asii kuusaa maallaqaa qabatanii as ba'an misirroowwan irratti bittimsu.
Qilleensa keessa, as deebi'anii ammoo mirroowwan irratti maallaqa noottii noottiidhaan bittimsuun baratamaadha, ni eegamas.
Maallaqi kabaja biyyaa ta'e konkolaataa lafa buuti, lafaa walitti guuranii yookiin misirroowwaniif kennaa bitu yookiin ammoo baasii qophii bashannanaa sana kan cufu ta'a.
''Sagantaa wayiirratti hirmaadhee osoo maallaqa hin bittimsin deemuu yaadeetuu hin beeku. Akka waan gammachuu warra gammadanii hin qooddanneettin ilaala,'' jedha namni dhiheenya sagantaa cidhaa kaaba Naayijeeriyaa magaalaa Kaanootti qophaa'erratti argame tokko.
Abbaa cidhaa kan ta'e misirrichi ''rakkoo keessan gala'' jedhee sodaa qaburraa kan ka'e maqaasaa dhoksuun BBCtti akka dubbatetti, wayita cidha isaarratti namoonni maallaqa bittimsan irra deddeebiin akka daawwatu ibse.
Sababni isaa ''bayyee waanan jaal'adhuuf'' jedhe.
Amma garuu kun rakkoo ta'ee as ba'eera. Aanga'oonni mootummaa nama maallaqa bittimsu hiraarsuu eegalaniiru.
Inumaa namoonni bebbeekamoon kan mana hidhaa seenaniyyuu jiru.
Taateen kun of agarsiisaaf yookiin nama gammachiisuuf kan raawwatamuudha, ammoo miidhaa geessisu hin qabu garuu taateen akkaan jaal'atamu kun Naayijeeriyaa keessatti yakka ta'eera.
Gochi kun maallaqa biyyaa- neeyiraa akka malee yookiin haala naamusa hin eegneen itti fayydamuudha jedhamuun dhorkameera.
Seerri bara 2007 Baankiin Giddugaleessaa Naayijeeriyaa baase walxaxaa miti. ''Neeyiraas ta'e maallaqa Baankichi maxxansu kamuu bittimsuun, itti marsanii sirbuun, irra deemuun kabaja dhowwachuu agarsiisa, kanaaf yakka,'' jedha.
Namni kana raawwate ji'a ja'aa gadi hin hidhamu yookiin neeyiraa kuma 50 (doolaara 36) kaffala.
Yeroo garii hidhaa fi maallaqas walfaana adabsiisuu danda'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seerri waggaa 17 dura ba'e kun qaala'iinsa jireenyaa fi jijjiirama diinagdee biyyattii waliin hin fooyyoofne.
Seerumtu kunuu hanga dhihoo kanaatti hojiirra oolaa hin turre, namoonni tola jedhanii hojiitti hin hiikne.
Dhiheenya kana dhaabbati farra-yakkaa, Economic and Financial Crimes Commission (EFCC) jedhamu diddaan kun ''yakka gama hundaan maallaqa biyyattii- neeyiraa irratti raawwatamu hammeessaa jira,'' jechuun akeekkachiise.
Aanga'oonni akka jedhanitti neeyiraa bittimsuun mallattoowwan biyyattiif murteessoo ta'an keessaa tokko kan ta'eef kabaja dhabuu agarsiisa jedhan.
Guraandhala darbe taatuu beekamtuun Oluwadarasimi Omoyeni jedhamtu maallaqa-neeyiraa bittimsitee achii booda waan irra deemteef hidhaan ji'a ja'aa itti murtaa'ee ture.
Ji'a darbe ammoo namni saala geeddarachuun dubartiitti of fakkeesse Bobrisky jechuun of waamu akkasumas maallaqa biyyattii akka hin taanetti qabuun amma mana hidhaa jirti.
Viidiyoo miidiyaa hawaasummaarra naanna'aa turerratti namni kun qophiiwwan garaagaraa irratti maallaqa qilleensa keessatti battanuun mul'atti.

Madda suuraa, EFCC
Namni dubartii jechuun of waamu kun erga hidhamee yeroo muraasa booda ammoo tujaarri Kubanaa Chiif Piriist jedhamu nootii neeyiraa seeraan ala qabuun hidhame, garuu dhimmasaa mana murtii waliin xumuruun ba'eera.
Dhaabbatichi akka jedhutti guutuu biyyattiitti namoonni gocha akkanaa raawwatan 200 ta'an seeraan to'atamaniiru, kanneen keessaa 24 irratti adabbiin murtaa'eera.
Hayyuun seenaa Pirofeesar Tijjaanii Naaniyaa maallaqa bittimsuu jaalala waliin walqabsiisuu kana seenaa bara 1940ootaa waliin walqabsiisa.
Yeros maatiin kennaa maallaqaa kan kan taasisaniif misirroonni mana haaraa dhaabbatan akka of danda'anii jireenyasaanii dhaabbataniif ture.
''Jalqaba namoonni maallqa bittimsaa hin turre. Bakka misirroowwan taa'anitti dabaree dabareedhaan ka'anii kiisii isaanii keessa kaa'aafii turan,'' jechuun BBCtti hima hayyuun seenaa kun.
Mala ittiin walgargaaran ture kan jedhu hayyuun seenaa kun ''dhawaataan maallaqa bittimsuutti ce'ame. Osoo misirroonni shubbisanii maallaqa irratti facaasuun dhihoo dhufe,'' jedhe.
''Haala kanaan namni maallaqa bittimsu tujaara ta'uu beeksifata. Namoonni waldorgomuufi daran beekamuuf jecha maallaqa hedduu bittimsu.''
Lammiileen Naayijeeriyaa barsiifata kana guutummaatti akka dhaaban gochuun ni ulfaata kan jedhu hayyuun seenaa kun garuu rakkoon diinagdee yeroo ammaa mataansaayyuu namoonni gocha kanarraa akka of qusatan dirqamsiisaa jira jedhe.












