Mala salphaa ja'a fayyaa kalee keenyaa eeggachuuf nu gargaaran

Madda suuraa, Getty Images
Xurii dhiiga keessa jiru qulqulleessuun bifa fincaaniitiin akka ba'u kan godhu kaleen qaama nama baayyee barbaachisoo ta'an kessaa isa tokkodha.
Akka Waldaa Nifirooloojii Addunyaatti ammoo dhiibaa dhiiga to'achuurra darbee madaallii kemikaala qaama namaa keessa jiru eeguudhaaf gargaara.
Tajaajilli isaa inni murteessaadha jedhamu akka seeliin dhiiga diimaa qophaa'uuf deeggarsa taasisuu isaati.
Kanaaf, kaleen miidhamnaan dhiibbaan isaa hedduudha. Yeroo ammaa kana namoonni hedduun rakkoo fayyaa kalee kanaan rakkachaa jiru.
Biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadi jiran keessatti dhibeen kalee saffisa cimaan dabaluu isaa ogeessonni ibsaa jiru.
Itoophiyaa keessattis sababa dhibee kaleetiin qabeenya isaanii wallaansa fayyaarratti duguuggachuurra darbee namoonni harka namaa ilaaluuf dirqamanis hedduudha.
Namoonni dhibeen kun itti cimes lubbuun jiraachuuf Daayaaliisis (kalee miicuu) taasifachuuf dirqamu. Isayyu ammoo torbanitti yoo xiqqaate si'a lama.
Kun ammoo deeggarsa tola-ooltotaan ykn mootummaatiin ta'uu baannaan wallaansa maallaqa xiqqaa gaafatu miti.
Daayaaliisisiin (kalee miicuun) kun bakka kalee rakkoon mudatee gargaarsa maashiniitiin hojii dhiiga qulqulleessuudha.
Dhibeen kalee hammaatee fayyaa namoota baayyee gufachiisaarra gahuun dura garuu of eeggannoo gara garaa taasisuun akka danda'amu ogeessonni fayyaa ni gorsu.
Osoo dhibeen kalee nama mudatee rakkoo hamaaf nama hin saaxiliin dura wantota murteessoo armaan gadii ja'an kana raawwachuun fayyaa kalee ofii eeggachuun akka danda'amu ogeessonni ni dubbatu.
1. Bishaan gahaa dhugaa
Kalee dabalatee fayyaa qaama keenyaa waliigalaatiif barbaachisaa kan ta'e bishaan guyyaatti burcuqqoo saddet dhugaa.
Rakkoowwan fayyaa akka dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi kan kana fakkaatan dhukkubaaf nama saaxilan jiraannaan ammoo bishaan dhuguun baayyee gorfama.
Namoonni wallaansa baqaqsanii yaaluu taasifatanii booda bishaan gahaa akka dhugan ogeessonni ni gorsu.
2. Alkooliifi tamboo dhaabuu
Alkooliifi tamboon kalee wajjin waliif diina. Kana waan ta'eef lamaan isaanii adda baasuun barbaachisaadha. Hanga alkoolii dhugdanii hir'isaa, tamboo xuuxuu (haarsuu) dhaabaa.
Alkoolii dhuguu hir'isuufi tamboo haarsuu dhiisuun ammoo kalee keenyaaf qofa osoo hin taane fayyaa guutuu qaama keenyaaf baayyee barbaachisaa waan ta'eef hojiirra oolchuun isaa faayidaa guddaa qaba.
3. Wantota qorichaaf jedhamanii biqiltuurraa qophaa'anirraa of eeggadhaa
Wantota fayyaafi dhimmoota gara garaatiif jedhamanii gorsa namoota itti dhiyaannuun ykn ogeessota ofiin jedhaniin wantota gara garaa irraa qopheeffaman dhuguutiin dura dhaabbannee yaaduun nurra jira.
Keesumaa ammoo, ulfaatina qaamaa hir'isuufi faayidaawwan walfakkaataniif mana keessattis ta'e bakka biraattis qopheeffaman hangi isaaniifi waan of keessatti qabatan waan hin beekamneef bu'aawwan biqiltuurraa bifa cuunfaan qorichaaf jedhamanii qophaa'an fayyadamuun rakkoo fiduu danda'a.
Yeroo ammaa kana ammoo fayyaaf bu'aa qabu jedhamanii wantonni biqiltuuwwanirraa qophaa'an odeeffannoon isaa bal'inaan miidiyaa hawaasaarratti tamsa'aa jiru. Hunda amanuun ni ulfaata.
Kana waan ta'eef, wantota biqiltootarraa 'qammaman' kanneen fudhachuun dura hakiima gorsa irratti gaafachuun filatamaadha.
Kana yoo gootan tokko kalee keessan, lamaffaa ammoo fayyaa keessan guutuu miidhaarraa oolcha.

Madda suuraa, Getty Images
4. Qoricha osoo isiniif hin ajajamiin hin fudhatinaa
Hakiimaan yoo isiniif ajajame malee furmaata waan jedhameef qofa ykn warra kaanitti akka foyyaa'u godheera jedhamee qoricha kamiyyu fudhachuun hin ta'u.
Dhukkubawwan irra deddeebiin mudataniif furamuuf qorichawwan yeroo baayyee fudhannu waan nutti foyyeessan fakkaatanillee miidhaaf nu saaxiluu danda'u.
Qorichoonni dhukkubni akka namatti furu taasisaniifi kanneen biroo kutaalee qaamaa gara garaa miidhuu danda'u. Kanaaf kan saaxilamu keessaa tokko ammoo kaleedha.
Kanaaf, qoricha ogeessa fayyaatiin hin ajajamne kamiyyu fudhachuu keessaniin dura hakiima gorsa gaafachuun miidhaa qaqqabuu malu hambisa.
Dabalataanis, qoricha bakkaa/mana ogeessotaan hin gurguramnee hin bitatiinaa; hin fayyadamiinaa.
5. Fayyaa keessan qoratamaa
Hanga danda'ametti yeroo keessaa takkaa kalee qofa osoo hin taane fayyummaa kutaalee qaama keenyaa qorannoon mirkaneeffachuun barbaachisaadha.
Yoo akkas gootan dhibee reefuu mul'achaa jiru kan boodarra rakkoo fayyaa walxaxaa ta'eef saaxilu baruuf wan dandeessisuuf yeroon wallaansa argatee fayyuuf carraa uuma.
Kaleef ammoo irra deddeebiin osoo hin taane danda'amnaan yeroo gorsa hakiimaatiin ta'e keessatti qorannoo altiraasaawondii godhachuun faayidaa qaba.
Mallattoon oomtinuu hin jirullee taanaan yoo xiqqaate waggaa lama hanga waggaa shanii keessatti takkaa altiraasaawondiin ilaalamuun gaarii ta'a.
Kun ammoo fayyummaa kaleefi kutaalee qaama keenya biroo baruufi wallaansa barbachisu akkasumas of eeggannoo barbaachisu gochuuf ni gargaara.
6. Dhiibbaa dhiigaa to'achuu
Yeroo ammaa kana addunyaa kanarratti dhibee daddarbaa hin taane babal'ataa jiru keessaa tokko kan ta'e dhiibbaa dhiigaadha.
Dhiibbaan dhiigaa ofii isaatiiniyyu rakkoo fayyaa ta'ee osoo jiruu, to'achuu baannaan rakkoo fayyaa biroo qaqqabsiisuu danda'a.
Kanaaf, namoonni umuriin isaa waggaa 40 ol darbe dhiibbaan dhiigaasaanii dabalaa jiraachuu yeroo hubatanitti, osoo hin callisiin dhimmanii hordofuu qabu.
Dhiibbaan dhiigaa hamaa rakkoo kalee mallattoo hin qabneef mallattoo akka ta'e ogeessonni waan ibsaniif, dhiibbaa dhiigaa to'achuun fayyaa kalee ofii eeguun ni danda'ama.












