Waa'ee 'albuuda ajaa'ibaa' hirribaaf nama gargaara jedhame kana beektuu?

Dubarti raftu

Madda suuraa, Getty Images

Waa'een albuudaa kanaa namoota hedduu biratti akka irratti dubaatamu ta'eera.

Namoonni miliyoonaan lakkaa'aman sababoota adda addaa hedduudhaan maagniziyeemiitti fayyadamaa jiru. Dhuguma hirriba gaarii rafuuf maagniziyeemiin nu gargaaruu dandaʼaa?

Dhimma bullaa'insa nyaataa keenyaa sirreessuu fi sammuu keenya hojiin itti baay'ateef boqonnaa ni kennaa?

Amma yeroo qorannoowwaan addunyaa saffisaa dabalaa jiruu fi dhimmi nyaataas xiyyeeffannoo qorannoo guddaa ta'ettii, yeroo maagniziyeemiin itti ifa ba'uudha.

Indastiriin kun dagaagaa jira. Industiriin maagniziyeemii addunyaa gara paawundii biiliyoona 3tti kan tilmaamamu yoo ta'u, waggoota kurnan dhufan keessatti gara dachaa lamatti akka guddatu eegama.

Warshaa xinnoo Yoorkshaayer Deels keessatti argamu keessatti, barmeelli pilaastikii gurguddoon daakuu adiidhaan guutaman maashiniiwwan gurguddoo sagalee guddaa qaban cinatti walitti qabamanii jiru.

Hojjettoonni uffata of eggannoo ittisaa balaa uffatan of eeggannoodhaan maagniziyeem saayitreetii - walnyaatinsa albuudaa fi asiidii saayitriik - gara meeshaalee sibiilaa calaqqisan keessatti safaru.

"Dhiyeessii keenya addunyaa guutuutti ergaa jirra," jedha daayreektarri olaanaa dhaabbata Fayyaa Lonsdale kan ta'an Andireew Goring. "Guutummaa UKtti ni ergina, gara Awustiraaliyaa fi kutaalee Eeshiyaa, Kuweet fi Iraaqittis ergina. Oomishaalee keenya olaanoo keessaa tokko yoo ta'u, fedhiin isaas dabalaa jira." jedhe.

Yeroo ammaa kanas maaliif akkas jaallatame? Miidiyaaleen hawaasaa dhimma kana sirriitti ibsaa jiru," jechuun Goringi kan ibsu. "Waa'ee maagniziyeemiifi faayidaa isaa yeroo dheeraaf beekna, amma immoo caalattti jaallatamaa dhufee'' jedha.

Kirsten Jackson, ogeettii nyaataa fayyaa garaachaa irratti xiyyeeffattu,"maagniziyeemiin wantoota namoonni invastimantii gochuuf fedhii guddaa qabanidha. Hirriba, bullaa'insa nyaataa fi fayyaa sammuu waliin Hhaalli wal qabatu jira."

Haa ta'u malee, Maginiziyeemii dabalataa yoo fudhannee waantoota kana argachuu dandeenya jechuu akka hin taane cimsitee dubbatti.

Warshaa kana keessatti guyyaa guyyaan kiniinii maagniziyeemii miliyoonaan lakkaa'amutu oomishama
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maagniziyeemiin albuuda hedduu qaama keenya keessatti argaman keessaa isa tokko. Dubartoonni guyyaatti gara 270mg argachuu qabu, dhiironni ammoo naannoo 300mg barbaadu.

''Qaama keenya keessaa %1 gadi ta'us, adeemsa adda addaa 300 ol keessatti hirmaata" jetti Jaaksan.

Akkasumas narviin ergaa sirritti akka erguuf gargaaruu fi ijaarsa meembraanota seelii sammuu waan deeggaruuf "keessattuu sammuu fi miira keenyaaf barbaachisaa" ta'uu eerti.

Dabalataanis, hammi sukkaara dhiigaa akka tasgabbaa'u gargaara, dhiibbaa dhiigaa to'ata, akkasumas kaalsiyeemii fi pootaasiyeemii seelii keenya keessaa fi ala sochoosuu keessatti gahee olaanaa qaba, kunis dha'annaan onnee keenyaa akka tasgabbaa'u gargaara.

Kanaafuu, kiniinii maagniziyeemiin guutame fudhachuun qaamni keenya akka gaariitti akka hojjetu gargaaruu qaba jechuudha?

Akka Aadde Jaaksan jedhanitti hangas salphaa miti. Dabalataan maagniziyeemiin bu'a qabeessa ta'uuf jalqaba albuuda kana gadi aanaa qabaachuu qabna.

Maagniziyeemiin keenya harki caalaan lafee fi tishuu keenya keessatti waan kuufameef hanqina qabaachuu isaa sakatta'uun rakkisaadha.

Haa ta'u malee namoonni baay'een dabalataan kun dhuguma akka isaan gargaare dubbatu.

Ogeettii faashinii tokko hirriba gaarii rafuun isheef abjuu qofa ture.

"Waggaa tokko dura yeroo cimaan na mudachaa ture," jechuun ibsiti. "Hirriba rafuu yeroo dheeraa natti fudhate, sammuun koo ni dhiphata ture, achiis dhumarratti sa'aatii muraasa booda hirribaa ka'ee hojii hojjachuun ulfaataa ture."

Keetiin maagniziyeem gilaayisineetii - makaa maagniziyeemii fi gilaayisiiniin of yaaluun filatte, kunis amiinoo asiidii hirriba fooyya'aa waliin walqabsiisuuf waan daangeffame tokko tokko qaba.

Torban lamaaf guyyaatti 270mg erga fudhattee booda dhiphinni mataa ishee keessa ture tasgabbaa'uu akka jalqabe kaafti. Yaadni ishee cinqu saffisa isaa hir'isee, amma akka idileetti hojjechuu akka dandeessu itti dhaga'amuu jalqabe.

"Hirribni koo akka fooyya'e beekamaadha, anniisaa dabalataa qabaadheera. Sochii guddaan qaba ture. Jireenya koo keessatti wantootni biroos jijjiiramaniiru, kanaaf waan tokko qofa jechuu hin danda'u, garuu dabalata maagniziyeemiin gahee guddaa akka qabu nan amana." jette.

Maagniziyemii gahaa qabaachuu dhabuun dhuguma akkaataa hirriba irratti dhiibbaa uumuu kan danda'u ta'us, dabalata nyaataa fudhachuun hirriba keessan akka fooyya'u hin shakkisiisu jedhuuf ragaan gahaan hin jiru.

Miidiyaan hawaasaa irra fayyadamtootni dabalataa gammachuu ibsatan kan guutame yoo ta'u, baay'een isaanii maxxansa "komishiniin kaffalameef" jedhu namootni tokko tokko.

Akkasumas himiinsa ykn viidiyoo isaanii irraa maallaqa argachuu danda'u jechuudha.

Akka miidiyaaleen hawaasaa ho'isaa jranitti wanti maagniziyeemiin hin gargaaruu hin dandeenye waan hin jirre fakkaata.

Yeroo baayyee maagniziyeemiin wantoota biroo waliin walitti makamee kutaalee qaama keenyaa adda addaa deeggaruuf gargaara. Fakkeenyaaf, maagniziyeemiin L-threonate ykn glycinate waliin makame fayyaa sammuuf gaarii akka ta'e himama, kunis hirribaa fi dhiphina hir'isuuf gargaara.

Yoo maagniziyeemiin kilooraayidii wajjin ammoo dhiphina maashaalee fi rakkoo laguu duraa mula'tu salphisuuf akkasumas makaan saayitreetii fi oksaayidii ammoo bullaa'insa nyaataa fi qufaadhaaf kan gargaarudha.

Midhaan dheedhiin, muuzaa, daabboon midhaani fi fuduraan hundi isaanii maagniziyeemiin kan badhaadhanidha

Madda suuraa, Getty Images

Irra caalaan keenya yoo xiqqaate rakkoolee sana keessaa tokko qabaachuu keenya hubachuu dandeenya. Garuu ogeettiin soorataa Kiristen Stavridis akka ibsetti, dabalata maagniziyeemii kun irra caalaan isaanii dhugumatti namoota fayyaa ta'an akka gargaaru agarsiisuuf ragaan jabaan gahaan akka hin jirre ibsiteetti.

Osoo gargaaran illee garaagarummaa kamiyyuu hubachuuf jalqaba maagniziyemii gadi aanaa qabaachuu qabna ture.

"Baay'een keenya maagniziyemii gahaa argachaa hin jirru, dhiironni gara %10 fi dubartoonni %20 hamma guyyaa guyyaan gorfamu hin guutan."

"Garuu dabalataan argachuuf Kiniinii qofti furmaata miti." jetti.

Fakkeenyaaf fayyaa hirribaa yoo ilaalle dabalataan maagniziyeemiin dhuguma gargaaruu fi dhiisuu isaa irratti qorannoowwan wal faallessan hedduun akka jiran erti.

Qorannoon tokko tokko faayidaa qabaachuu akka danda'u kan agarsiisan yoo ta'u, yaaliiwwan to'annoo tasaa biroo, kanneen gosa hundarra gaarii ta'an, caalaatti shakkii qabu.

Akkasumas dhimmi dabalata qaama keenya keessatti akkamitti akka wal-nyaatan irraa kan ka'e wal-faallaa hojjechuu danda'u jira.

Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee dubartoota laguu dhaabaniif kan yaadame ziinkii, maagniziyeemiin hammam akka xuuxamu jijjiiruu dandaʼa.

Kanaaf dhimmi isaa walxaxaa akka ta'e ibsiti. Garuu yoo dabalata maagniziyemii fudhachuuf barbaachise waan ogeeyyiin deeggaramee adeemsa keessa ilaallaa miira isinitti dhaga'amu hordofaa deemiuu akka barbaachisu gorsiti.

Namoonni fayyaa qaban garmalee yoo fudhatan, tiruun isaanii "fincaan calauu dhabuu fi balaan akka garaachaa figaraa kaasaa muudachuu danda'a.

Namoota dhimma tiruu qabaniif, dabalata maagniziyemii fudhachuun balaa kan qabu yoo ta'u, maagniziyeemii olka'aa (hypermagnesemia) fiduu danda'a, kunis haala hamaa ta'ee fi laamsha'uu fiduu danda'a.

Ogeettiin nyaataa Kirsten Jackson akkasumas namoonni baay'een dursa nyaata isaaniif dursa kennuu akka qaban cimsitee dubbatti.

Nyaatni akka midhaan dheedhii, muuzaa, daabboo fi fuduraalee madda maagniziyeemii gaarii akka ta'an akeekti.

Nyaata kana yeroo hunda yoo hin nyaanne soorata barbaachisoo biroo kanneen akka vitaamin C, vitaamin K, faayibaraa fi preebaayootikiis dhabuu akka dandeessan akeekkachiisti.

"Dabalata maagniziyeemii tokko waan hunda sirreessuuf akka hin danddenye."hubachiisti.