Haala soorataan dhukkuba kaansarii ittiisuu fi irraa fayyuun ni danda'amaa?

Irdii, gijimbilaafi qarafaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Irdiin wantoota akka wallaansa umamaatti ilaalamu keessaa tokko

Namoonni tokko tokko jijjirama haala soorataa gochuufi filmaata wallaansawwan haala yaalii idileetiin ala ta'etti fayyadamuun kaansarii irraa fayyuu dubbatu.

Oggeessoonni yaalii kaansarii garuu filmaanni wallaansa kaansariiti jedhamu akka hin jire falmu.

Ofii wallaansa filamaataa kaansarii kanneen jedhaman kam fa'idhaa? Dhukkubsataaf furmaata qabaatu?

Lamiin Indiyaa ogeessa ispoortii kiriikeetiifi namni siyaasaa, Naavijoot Siing Siidiihu, haati warraa isaa kaansarii irraa bilisa ta'u dubbatu.

Haatii warraasaa bishaan loomii dhugudhaan, irdii soorachuu, juusii appilii dhuguu fi akkasumas buqqee, baalaa roomaanii, hundee diimaa fi loozii soorachuun kaansarii irraa bilisa akka taate dubbatan.

Viidiyoowwan kun ittiin himamu hedduun mul'ataniiru.

Ogeessoonni yaalii kaansarii 200 hammatuufi Indiyaatti argau deebii kennaniin, kuduraaleefii soorata kanneen irratti qorannoon taasifamaa kan jiru ta'ulleen, kaansarii irraa fayyisuu isaanii ilaalchisee garuu ragaan hin jiru.

''Qorichoota hin milrkannoofne'' hawaasni akka hin fayydamneefi yaalii kaansarii idile argachu irraa akka hin dhaabbanneef akeekkachiisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Moodeeliin lammii Awustiraaliyaa Eelii aakfariran kaansarii harmaatiin qabamu waggaa torbaan dura itti himamuu fi keemooteeraappii fudhachu irra ''yaalii hunda hammataa sammuufi onnee jidduugala taasifate'' argachuushee dubbatti.

Yaaliiwwan akka Akupaankichar, yoogaa fi editeshinii jiran yaalii ildilee kan akka keemooterappii maddiitti fudhatu.

Yaaliiwwan filmaataa kunneenis dhukkubbii hir'isuu fi fayyaa qaamaa eeguuf kan fayydan ta'u dubbatu oggeeyyoonni.

Soorata miniraalaafi vaayitamiinii qaban baayyinaan sorachuun kanneen gorfaman keessaayi. Ogeessoonni akka jedhaniitti, filmaatoonni wallaansaa tokko tokko dhiibbaa qabaachu malu. Yaalii ilidee jidduus galuu malu.

Qorannoonni bara 2018tti Jamaa Ankolojiin hojjatame akka jedhuutti, wallaansi filmaataa carraa kaansarii irraa ooluu hir'isu danda'a.

Haata'u malee, beekamummaan malawwan wallaansa kaansarii akkasii garuu dabalaa dhufaa jira.

'Waan Ameerikaa Sociayitii Of Kilinikaal Onkolojii Kaansar Opininyeenis'' mata dure jedhuun qorannoon hojjatame akka mul'isuutti, Ameerikaatti gaheessoonni harka dhibba keessaa 40 ta'an kaansariin akka wallaansa fimaataa qofaan fayyu amanu.

Marsariitiiwwan malawwan ittiin kaansarii irraa fayyamu danda'amu eeran ammoo hordoftoota miliyoonaan lakkaa'aman horataa jiru.

Kitaaboonni dhukkubsattoonni kaansarii nyaataa attamiin soorachu akka qaban himanis waltajjiiwwan nadda addaa irratti bal'inaan gurguramu.

Kaansarii haala soorataa jijjiruudhaan 'karaa umamaatiin'' ittisuun ni danda'aman jechuun twitara irratti barreeffamni qoodame tokkos sa'aatii 40 keessatti 'Like' kuma 200 argateera.

Akkasumas seelii kaansarii beeleessuudhaaf soomni barbaachisaa ta'u marsariitiiwwan gorsan kan jiran yoo ta'u, kanneen ''qaccee sanyii keessan sirreessaa'' jedhanii fi ''seelii dhiigaa keessa guddisaa'' gorsiwwan jedhan ni dhagahamu.

Dhaabbanni Maakimilaan kan kaansarii irratti hojjatu tokkos wallaansa filmaataa kaansarii eegaluudhaaf yaaduu beeksiiseera. Dhukkubsattoonni haakiimoota waliin akka mari'atan ni akeekkachiisa.

Wallaansi filmaataa maaliif beekamtii argate?

Wallaansa filmaaataa akka ''fayyiinsa ajaa'ibaatti'' beeksiisuu irratti tamsaasi odeeffannoo sobaa gahee ijoo baheera.

Oggeessi wallaansa baqaqasanii yaaluu Dr Liiz Oriiyudaan ''kaansariin soodaachiisaadha. Dhukkubsattoonnis dhagahu kan barbaadan odeeffannoo abdii kennuudha. Hakimoonni idilee sana gochu hin dandeenyu. Nuti kan dubbannu waa'ee miidhaa qabaatuutti'' jetti.

Kanneen 'qoricha' jedhamuun beeksiifamanis dhukkuubbii akka hin qabaannee fi kan umamaa akka ta'aniidha.

kunis dhukkubsattoota wlllansa yaalii idileetiin alaa barbaadaniif aansiisaa fakkaata.

Dhukkubsattoonni kaansarii biyyoota garaa garaa keessa jiraatan, haala salphaatti yaaliin hin argatan. Argachu yoo danda'anilleen gatiinsaa qaaliidha. Kanaafuu waa'ee filmaata wallaansaa dhagahu filatu.

Dr Liiz ''nama maallaqa hin qabneef filmaata wallaansa rakasaa fayyadamuun ni salphata. Ta'us garuu namoota rakkoo keessa seenaniif waan isaan barbaachisu gurguruudhaan kan buufatan jiraachuun na yaaddeessa'' jechuun dubbatti.

Afriikaatti hubannon waa'ee wallaansa kaansarii idilee irratti jiru murtaa'aadha. filmaatiwwan wallaansaafi aadaa bal'inaan kan mul'atanis kanumaafiidha.

Kennitoonni wallaansaa fi hakiimoonni ardiittii keessatti argaman muraasni akkasumas inshuraansii fayyaa dhabuun ni eerama.

Filmaata wallaansaa hordofuun kan aadaa waliin wal qabatuudha.

Haala soorataa jijjiruudhaan kaansarii irraa wayyaa'uun ni danda'ama yaadni jedhu jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haala soorataa jijjiruudhaan kaansarii irraa wayyaa'uun ni danda'ama yaadni jedhu jira

Wallaansi filmaataa ijoon kam fa'iidha?

Afriikaa, Eshiifi Hindiyaatti wallaansiwwan durii akkasumas falaasamoonni amanamummaa qabu.

Wallaansi aadaa Hindii (Ayurveedaa) akkasumas wallaansaa aada Chaayinaa dhukkuboota tokko tokkoof furmaata qbaatan illeen, kaansarii irraa fayyiisuu irraanii irratti ragaan hin jiru.

Ayuurveedaa

Hindiitti irdiin akka wallaasna kaansariitti fudhatama.

Wallaansi aadaa Hindii kan wallaansa baalaa fi qaaa sukkuumuu (maasaajii) irratti hundaa'eedha.

Haala qorannoo 'Market reaserch future' hojjateetti, bara 2028tti daldalli wallaansi Ayurveedaa dachaa sadiin akka dabalu raagaa.

Naannoolee baadiyaa Hindii keessatti kanneen akka filmaata wallaansaatti fudhataman keessaa kan haala soorataa irratti xiyyeeffatu (Naachuroteeraappii), wallaansaa mallattoolee dhukkuubbii tokkoo walitti qabuun kennamuu (Holeeyotpaatii), wallaansa baala qamadiitiin kennamu kanneen eeraman keessaayi.

Dabalataanis, wallaasan bishaanii (haayidirooteeraappii), wallaansa lilmoo qaama irratti dhaabuun kennamu (akupaankichar), wallaansa fincaaniin kennamu (Awutoyuriin teeraappii), wallaansa lafeefii maashaa harkiisuun kennamu ( Ostiiyoopaatii) fi yaada sasabaachuu fi xiyyeeffachuu ykn miditeeshiniin keennamu (viipaasaanaa)n kan damee kana keessatti hammatamaniidha.

Dr Liiz akka jedhaniitti, yaalii kaansarii idleetiin maddiitti, wallaansiiwwan dhukkubbii fooyyeessuuf oolan jiraatan illeen, filmaatiiwwan tokko tokko garuu yaalii idilee ni gufachiisu.

Dhaabbanni 'Qorannoo Kaansarii UK' qabiyyeen kurkumiin jedhamuuf irdii keessatti argamu, gosa kaansarii tokko tokkoof seelii kaansarii ajjeessuu danda'a. Ta'us garuu qorannoo dabalataatu barbaachisa.

Irdiis ta'e Kurkumiin kaansarii wallaanuus ta'e ittisuu isaarratti ragaa akka hin qabne kaasa.

Yoogaan akka filannoo wallaansaatti ilaalama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yoogaan akka filannoo wallaansaatti ilaalama

Wallaansa aadaa Chaayinaa

Biyyoonni bahaafi lixaatti dhukkubsattoonni kaansarii wallaansa aadaa Chaayinaa akka filmaataatti fudhatu.

Gabaasni barruu 'Kilinkikaal Onkolojii' irratti bahe tokko akka jedhuutti garuu, bu'a qabeessummaa isaanii irratti hakiimoonni gaaffii kaasu.

Wallaansi lilmoo qaamaa irratti dhaabuun kennamu (Akupaankichar), wallaansi qaama sukkuumuun kennamu, wallaansi baalaan kennamu akkasumas wallaansi maarshaal artii Chaayinaa kanneen eeraman keessaayi.

Baalliiwwan dhibbaan lakkaa'amanis akka filmaata wallaansaatti fudhatama.

Dr Liiz akka jettuutti, wallaansii aadaa Chaayinaa hakiimoota kaansarii marisiisuudhaan yaalii maddiitti hojiirra oolfamu danda'amulleen, qorichoonni mukeen tokko tokkoo yaalii idileetti gufuu ta'u malu.

Haala soorataa jijjiruu

Ashaakilittii qofaa soorachuufi nyaatawwan kaarboo haayidreetii qaban hir'isuudhaan bakkasaa kanneen cooma qaban fudhachuun akka filmaata wallaansaatti dhiyaata.

Daangaan soorata irratti taasifamu 'seelii kaansarii' ajjeessuufiidha jechhun addunyaarratti beekamtii argateera.

Qorataan kaansarii Dr Deeviid Roobarti ''kaansarii nyaataa dhorkachuun ajjeesuuun hin danda'amu. Namni kaansariin qabame yoo ulfaatinnisaa hir'ate balaafaaa ta'u danda'a'' jedhu.

Sababii odeeffannoo miidiyaa hawaasaa gubbaatti arganitiin, kanneen kaansariin qabamuu ykn dhukkuba ofiitti cimsuuf saaxilamoo ta'an baayyee ta'u dabaluun kaasu.

Haala soorataa irratti jijjirama taasisuun balaa qabaatu hubachuu dhabuun kan dhufan ta'u dabaluun kaasu.

Hakimiin kaansarii Dr Kaanpuuriyaa Baahiitaa akka jedhaniitti, Hindiitti dhukkubsattoonni dhiibbaa miidiyaa hawaasaa jalatti kufu.

''Fedhii ofiitiin ka'anii waan hunda soorachuun ykn dhuguun miidhaa hordofsiisu qabaata'' jechuun akeekkachiisu.

Wallaansa

Madda suuraa, EPA

Fenbeenzaadool

Qorich Fenbenzaadool jedhamu infekshinii paaraasaayitii fi kaaniin dhufu wallaanuuf kan ooluudha.

Qorichi kunis wallaasnawwan kaan maddiitti fudhachuun kaansarii irraa fayyuuf akka oolu erga daldalaan Ameerikaa tokko dubbateen booda, qoricha kana wallaansa kaansariitiif oolchuun baramaa ta'eera.

Daldalaa kun garuu qorannoo yaalii kaansarii keessatti hamatamuu fi dhiisuu garuu hin dubbanne ture.

Qorichi kunis Kooroyaa Kibbaatti battaluatti gurgurame dhume. Namoonni baayyee ammoo imala yaalii isaanii miidiyaa hawaasaa irratti qooduu eegalan.

Koomoodiifi walliisaan kaansarii sombaatiin qabame tokko qorichicha fudhachu dubbannaan ammoo qorichichi caalaa beekkamtii argate. Boodarra garuu bu'aa waan hin argamsiifneef adda kutuu dubbateera.

Dhaabbanni 'Qorannoo Kaansarii UK' qoricha kanarratti qorannoon akka hin gaggeeffamne hime.

Haakiimoonni maal gorsu?

Oggeessoonni wallaansii filmaataa balaa qabaachu akka qabaatu akeekkachiisu.

Daandiiwwan falmsiisoo ta'an hordofuun kanneen carraa kaansarii irraa fayyuu isaanii hir'isan hedduumataa jiru.

Dr Liiz akka jedhaniitti, filmaatiiwwan tokko tokko yaalii idleetiin waliin faana deemuu danda'u.

''Namoonni wallaansaa filmaataa qofaa hordofuuf yoo murteessan garuu rakkoo uuma. Wallaansa filmaataa qofaa hordofuun carraa du'uu harka 2.5 akka dabalu beekna'' jetti.

Dr Deeviid akka jedhaniitti, yaaliin kaansarii kan bu'uura saayinsii qabuudha.

''Carraan kaansarii irraa fayyuu dabalaa dhufeerra. Saayintistootaafi hakiimootaan ammoo kan amma jiru caalaa guddachu danda'a. Kun wallaansa filmaataatiin hin argamu'' jedhu.

Itti gaafatamaan dhaabbata 'Index Max Institute of Cancer Care' Dr Haariit Chaatuveedii akka jedhaniitti, kaansariin ''dhukkuba gosa tokkichaa yaalii qabiyyee tokkicha qofaa qabu miti'' jedhu.

Yaaliin idilee kan karaa dhukubbsaa tokko tokkoof barbaachisuun kennamuu fi kan haala seelii kaansarii qabuutiin murtaa'uudha jedhu.

Dhukkubichi eessaa ka'ee, eessatti saffiisa attamiitiin babal'ate kan jedhu ka'umsa taasifamuun kennama yaaliin idile.

Dhukkubsattoonni dhibee itti dhagahamu irraa fooyya'uuf yoo wallaansa filmaataa argatan hakiimoonni hin morman.

Ta'us ammoo yaalii idilee dhiisuun wallaansa filmaataa fudhachuun hin deegaramu jedhan oggeessoonni.