Chaampiyeens Liigiin deebi'e: Qabxiilee ijoo baruu qabdan

Kilaboota Piriimeer Liigii Ingilizii keessaa afur- Maanchistar Siitii, Arsenaal, Niwukasil Yunaayitid fi Maanchistar Yunaayitid kilaboota bara kana dorgommii Chaampiyensi Liigii irratti hirmaataniidha.

Bara darbe Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa kan fudhate Maanchister Siitiin bara kana tapha jalqabaa har'a ni taphata.

Niwukaasil ramaddii F keessatti PSG, Eesi Milaan fi Boorusiyaa Doortimand waliin ramadameera.

Kilabni Jarman Boorusiyaa Doortimand kilaba duraan waancaa Chaampiyeens Liigii nyaatee beekudha.

Kanaaf, ramaddiin kun kilaba waggaa 20 booda carraa Chaampiyens Liigii taphachuu argate, Niwukaasil Yunaayitiditti cimuu akka danda'u gaaffii hin qabu.

Faallaa kanaan shaampiyoonaan bara darbee Maanchistar Siitiin ammoo garee hagas mara itti hin ulfaanneefi salphaatti irra aanuu danda'u waliin ramadame.

Ramaddii G keessatti Siitii, RB Leepiziig, Reed Istaar Beelgireed fi Yaangi Booyis ni argamu.

Gareen Maanchistar Yunaayitid keessa jiru ammoo akkaan itti ulfaachuu hin hafu, tapha jalqabaa kilaba Baayer Muunik waliin taphata.

Arsenaal ammoo Siiviyaa, PSV Ayindihoovin fi Leens waliin ramadame.

Dorgommiin Chaampiyeens Liigii baranaa waggaa dheeraa booda yeroo jalqabaaf taphattoota ciccimoo addunyaa Liyoonel Mesii fi Kiristiyaanoo Roonaaldoo malee gaggeeffama.

Dorgommiin kubbaa miilaa guddichi Awurooppaa kun waggootaaf taphattoota kunneeniin faayamee ture.

Amma Roonaaldoon gara Sa'uudii, Mesiin ammoo gara Ameerikaa godaananii jiru.

Isaan qofa osoo hin taane taphattoonni bebbeekamoon akka Neyimaar fi Kariim Benzemaa kan taphi isaanii dorgommii kana hawwataa taasisu barana hin jiran.

Haata'u malee, taphoota sadarkaa taphattoota Awurooppaa gadhiisanii kunneenitti ilaalaman kanneen akka lammii Faransaay Kiliyaan Imbaappee fi lammii Noorway taphataa Maanchistar Siitii Erliing Haalaandirra iji buufateera.

Maanchistar Siitiin baranas Waancaa Chaampiyeensi Liigii mo'achuu akka danda'u tilmaamni guddaan kennameeraaf.

Jaarmiyaan Yuuroo Kilabsi Indeeksi jedhamu tilmaama baaseen Siitiin, Riyaal Maadiriid fi Baayer Muunik caalaa waancaa kana ol kaasuuf carraa akka qabu eere.

Tilmaamni kun carraa waancaa kana mo'achuu Siitiif dhibba keessaa 37, Riyaal Maadiriid 13, Baayer Muunikiif 11 kenne.

Kilaboonni sadanuu carraan gareesaanii keessaa darbuun xumuraaf ga'uu dhibbeentaa 90 ta'uu tilmaame jaarmiyaan kun.

Dorgommiin waancaa Chaampiyensi Liigii Awurooppaa haala amma jiruun kan gaggeeffamu bara kana qofa.

Haala amma jiruun kilaboota 32 keessaa lamatu sadarkaa mo'anii darbuutti ce'uun kan darbe tapha itti fufa.

Bara dhufurraa eegalee garuu kilaboota 36 kan hirmaatan.