Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Goolii Tirosaard galcheen Arsenaal mirgaan galuufi taatewwan Piriimer Liigii torban shanaffaa
Goolii 1-0n ta'us Arsenaal tapha kaleessa gara dirree morkataa isaa Everten deemee taphateen mo'atee deebiyeera.
Mo'annaan kun Arsenaaliif kan maluudha, sababiinsaas taphaanis caalmaa agarsiisee kubbaa to'atee taphachaa oole.
Kana qofa miti Arsenaal karra goolii Everteen keessaa osoo hin fagaatiin kubbaa goolii ta'uu danda'u hedduus yaaleera.
Goolii Gabreel Maartineliin lakkoofsisee garuu hanga xiqqoof sababa Edii Niketiyaan taphaan ala ta'eef haqame Arsenaal aarsiteetti.
Waan fedhes ta'u Ze Gaanners mirgaan galaniiru. Mo'annaan kaleessaa kun Arsenaal tophoota 5 taphate keessaa 13 akka sassaabbatu gargaaruu qofa osoo hin taane, seenaa dirree Everten irratti kanaan dura taphoota afur walitti aansuun mo'amee ture jijjiireera.
Arsenaal karra eegaa Ingilaand Aaroon Raamsadel dhiisee karra eegaa bara kana bitate Daavid Raayyaa hiriirse, ittiinis milkaa'eera.
Gama biraan Everten tapha baranaa torban shanaffaaf taphatame kanaan tokkollee hin mo'atiin itti fufeera.
Manaajerri Arsenaal Mikeel Arteettaa kilaba dur taphataaf ture Everten mo'achuun deeggartoota duratti fuula ifaan mul'achuun ergaa guddaa qaba. Arteettaan taphataa ta'ee Evertenitti kabajameera, garuu manaajera Arsenaal ta'ee yeroo garasitti marmaarutti hanga kaleessa mo'atutti salphateera.
Galata goolii Liyoonaard Tirosaard jijjiiramee galee daqiiqaa 69 irratti lakkoofsisee haatau, Mikeel Arteettaa ija jabaateera.
Goolii jalaa 'shaaramte' akkuma lakkoofsiseen Gabreel Maartineliin miidhaa salphaan dirree keessaa ba'uun Arsenaaliif rifaatuu ture.
Garuu bakka isa abu'ee kan gale Tirosaard kubbaa Maartiin Odegaard fi Bukaayyoo Saakaa babbareechanii kennaniif miilla bitaan manii keessa buusee garaa deeggartoota Arsenaal aannan obaase.
Taphoota biroon...
Tapha Piriimer Liigii torban shanaffaa kanaan kilaba kamitu isa kam mo'ata jechuun tilmaamni xiinxalaan kubbaa miilaa BB Kiriis Suuton kaa'e hedduu milkaa'eera.
Tapha biraa Dilabata kaleessaa taphatameen Chelsiifi Barnmaawoz galchii malee walqixa bahaniiru.
Marisiyoo Pochetiinoon barana manaajera Chelsii erga ta'ee taphoota shan keessaa tokko qofa kan mo'ate.
Taphoonni baayyeen Sambata kan gaggeeffaman yoo ta'u, Liiverpuul Wolvisiin, Maanchester Siitiin ammoo West Haamiin 3-1n mo'ataniiru.Maanchester Yunaayitid garuu Biraayiteniin 3-1n mo'atameera.
Tootenhaam Shefiild Yunaayitidin 2-1 yoo mo'atu, Niwukasil Birentfoordiin 1-0n mo'ateera.
Taphattoota ciccimoo torban kana filataman
Taphoonni torban shanaffaa Piriimer Liigii erga xumurameen booda ogeessi kubbaa miilaa BBC Gaazex Kiruuks taphattoota ciccimoo kilaboota gara garaa keessatti sarara adda addaarra taphatan filachuun garee cimaa ijaareera.
Eenyutu kilaba kam keessaa filatameree?
Maanchester Siitiin taphattoota sadii: Wooker, Roodiriifi Dokuu filachiiseera.
Arsenaal taphattoota lama: Saliibaafi Tirosaard.
Liiverpuul taphattoota lama: Roobertisaaniifi Saalaah.
Biraayiten, Tooten haamiifi Astonviiaan ammoo taphattoota tokko tokko duraafi duubaan Giroos, Richaarlisaniifi Luwiiz filachiisaniiru.