Pirimeer Liigiin deebi'e: taphoota kam fa'itu eegama, eenyutu irra aana?

Dorgommiin Liigiiwwan Awurooppaa fi kaan sababa taphoota gulaallii gareewwan biyyaalessaan adda citanii turan guyyoota dhuma torbee kanatti deebi'uun taphatamu.

Pirimeer Liigii Ingiliiziin taphni torban shanaffaa Sambata, Dilbataafi Wiixata kan taphataman ennaa tahu, morkii cimaatu eegama.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Sutoon, taphoota kanneeniif tilmaamasaa sababa wajjin akkanaan kenneera.

Taphoota Sambataa

Wolvis v Livarpuul

Xiinxalaan kun torbanootaan dura Liivarpuul bara dorgommii kanaatti morkataa Maan Siitii isa cimaa taha jechuun dubbatee ture. Akkuma jedhe Liivarpuul gahumsa gaarii agarsiisaa jiru.

Wolvis tapha gaarii taphatu kan jedhu Sutoon, boqonnaa idiladdunyaan dura Kiristaal Paalaasiin mo'amuun isaanii carra-dhabeessa tahaniitu jedha.

Haa tahu malee Liivarpuuliin waan morkatan hin sehu jedha.

Tilmaama Sutoon: 0-2

Aston Vilaa v Kiriistaal Paalaas

Ittisaan Paalaas Maark Guyehii miidhamaan taphaan ala tahuu mala. Gahumsi Viilaa bu'aa bahiin kan guutamedha. Taphoonni amma dura mo'aman lammanuu dirreen alatti ennaa taphatanidha.

Tapha isa ammaa kana garuu dirreesaanii irratti taphatu waan taheef akka mo'an abdiin qaba jedha xiinxalaan kun.

Tilmaama Sutoon: 2-0

Fulhaam v Luutan

Taphoota sadan darban kan injifataman kilabni haarayaa Liigichatti makaman Luutan, waa'een isaanii na yaaddesseera jedha Sutoon. Ammas kan mo'amaa deeman yoo tahe, ofitti amanamummaan isaanii hir'achaa dhufa jedhe.

Gama kaaniin Fulhaam akka bara dabree akka gaariirra hinjiran, garuu ammoo ni mo'atu jedha Sutoon.

Tilmaama Sutoon: 2-0

Maan Yunaayitid v Biraayitan

Maanchistar Yunaayitid bara taphaa kana waan haala gaariin eegalan hin fakkaatu, taphni kunis isaaniif qormaata biraati jedha Sutoon.

Bara taphaa dabreen Biraayitan dirree Old Tiraafard irratti Yunaayitid kan injifatan ogguu tahu, gahumsa sana irra deebiyuuf ni abdatu.

Tilmaama Sutoon: 2-3

Totanihaam v Sheefiild

Kiriis Sutoon waa'ee Totanihaam ennaa haasawu, erga leenjisaa isaanii jijjiiran booda gahumsa gaarii agarsiisu jechuun dubbatee ture.

Erga Anj Postakogluu leenjisuu jalqabee, taphasaanii ilaaluun na gammachiisa jedha Sutoon. Tapha kanas akka mo'atan shakkii hinqabu jedha.

Tilmaama Sutoon: 3-0

West Haam v Maan Siitii

Tapha kanaan Maan Siitiin kubbaa guutummaatti of bira tursuun qabatanii akka taphatan eegama kan jedhu xiinxalaan kun, leenjisaan Weest Haam Deevid Moyes garuu kanaan hangas mara waan dhiphatan hinsehu jedha.

Haatahu malee Siitiin akkaan cimoodha jechuun mo'ichaan galu jechuun tilmaama.

Tilmaama Sutoon:1-2

Niiwkaastil v Bireentiford

Taphni kun leenjisaa Niiwkaastil Edii Haawuf tapha guddaadha. Maaliif jennaan, taphoota sadan darban walitti aansuun mo'achuu hin dandeenye.

Haala cimaa akkasii keessa wayita jirtutti kilaba akka Bireentford wajjin taphachuun akkaan ulfaata kan jedhu Sutoon, tahus Niiwkaastil yeroon itti milkii isaanii deeffatan amma jedha.

Tilmaama Sutoon: 4-0

Dilbata

Barnimaz v Cheelsii

Wayita ammaa kana waa'ee Cheelsii tilmaamuun rakkisaadha jedha Sutoon. 'Bitaa natti galu' jedha. Osooma haalaan taphatanii carraa argatanitti garuu fayyadamuun bu'aa hin argatan.

Gama kaaniin Barnimaz tapha amma dura jiru ennaa taphatan, haala hin eegamneen qabxii qooddatanii bahan jechuun, ammas qixa xumuru jedha.

Tilmaama Sutoon: 1-1

Evartan v Arsanaal

Leenjisaan Evartan Shaan Daayish, Mikeel Arteettaa irratti ammallee irra aanaa?

Hangam dirreesaanii irratti gahumsa gaarii agarsiisan, garuu itti cima jedha Sutoon.

Akka Sutoon jedhutti Evartan galchii lakkoofsisuun waan hinoolle, garuu Arsanaal inuma injifata.

Tilmaama Sutoon: 1-2

Wiixata

Nootingihaam v Barniley

Kilabni barana Pirimeer Liigiitti olguddate Barnileey, taphoota sadiin mo'ameera. Bara dabre Liigii gadaanutti waggaa guutuu taphoota sadii callaa mo'aman.

Dorgommii Kaaraabaawoon Barnileey ji'a dabre keessa Forast mo'atanis, ergasii kilaboonni lamaanuu jijjiirama hedduu taasisaniiru jedha Sutoon.

Akka xiinxalaan kun jedhutti marroo kanaan gareen Istiiv Kuuppar irra aanu.

Sutton's prediction: 2-1