Godaantonni hedduummatanii osoo Ispeen galuuf yaalanii 23 du'an

Madda suuraa, EPA
Godaantota Afrikaa irraa gara Ispeeniitti ce'uuf yaalaa turan keessaa yoo xinnaate namoonni 23 du'anii baay'een ammoo madaa'an.
Namoota hedduun karaa lafa cittuu Meliilaa jedhamtu, Kaaba Afrikaa gubbaa jirtuun gara Ispeen galaa osoo jiranii JImaata darbe akka lubbuu dhaban qondaalota Morookootu hime.
Namoota du'an keessaa gariin isaanii fiixee dallaa daangaa biyyooota lamaanii irratti hojjetame irraa kufuun lubbuu dhaban.
Humnoonni nageenyaa hedduu fi godaantotni baay'een miidhaa isaan irra gaherraa yaalamuuf hospitaala galaniiru.
Walitti bu'insi humna nageenyaa fi godaantota gidduutti kan mudate Jimaata kaleessaa ture.
Ispeenii fi Morookoon erga ji'a Bitootessaa keessa hariiroo dippilomaasii isaanii deebisanii haaromsanii godaantotni hedduun wal faana gara Ispeen galuuf yoo yaalan kun kan jalqabaati.
Hariiroon Ispeenii fi Morookoo kan rakkoo godhachuu jalqabe Ispeen lafa Lixa Sahaaraa keessaa biyya tahuu barbaadduuf beekamtii kennuuf waan qophoofteef ture.
Ispeen namootni hedduun dallaa daangaa isheerraa cabsuun seenuuf akka yaalan himatte.
Kanarraa ka'uun humnoota nageenyaa biyyattii waliin walitti bu'insi uumameera.












