Rakkoo godaansaa Awurooppaa: Godaantonni 500 ol dhiyeenya odola Itaaliitti baraaraman

Madda suuraa, EPA
Dooniin eegdota daangaa galaanaa Itaalii, bidiruu qurxummii dhiyeenya odola Laampeduusaa keessaa godaantota 539 baraaran.
Baraarsi guyyaa Sambataa kun odola Itaalii kanarraa guyyaa tokkotti lakkoofsa godaantotaa kan olaanaa tahan keessa galmaa'eera.
Kanneen baraaraman keessaa dubartootaafi daa'imman keessatti kan argaman oggaa tahu, Liibiyaarraa ka'uun Galaana Meediteeraaniyaan irratti yabalaa turan.
Akka gabaasaaleen mul'isanitti godaantonni gariin mallattoon hokkoraa irratti mul'ateera.
Kana hordofees abbaan alangaa biyyattii keessaa maaltu akka uumame bira gahuuf, qorannoo eegalaniiru.
Doktorri dhaabbata tola oolaa MSF irraa tahan Alida Serrachieri waan jedhan, godaantonni hedduun Liibiyaatti wayita bidiruu gara Awuroppaatti isaan fidu kana koruuf eegaa turanitti miidhaan qaamaa (reebicha) waan irra gahe fakkaata jedhan.
Qorattoonnis godaantonni kunniin Liibiyaatti himannaa sobaan mana hidhaa turaniiru kan jedhu ilaalaa jiru.
Dooniin eegdota daangaa lamaafi bidiruuwwan poolisii Itaalii Guardia di Finanza jedhaman, godaantota kanniin gara Laampedusaa geessaniiru.
Kantibaa odolattii ka tahan Toto Martello hojii baraarsaa kana ''lakkoofsa isa guddaa yeroo dhiyoon asitti galmaa'e,'' jechuun ibsan.
Odolli Laampeduusaa bakka namoonni gara Awurooppaa godaanan jalqaba itti gahan isa ijoodha.
Ji'a Caamsaa keessa, odola kanatti godaantonni 1,000 ol tahan garaagartee sa'aatii muraasa keessatti qaqqabaniiru.
Odola kanarra kaampiin godaantota 300 tahan akka qabatu yaadamee midhaaffame jira. Amma garuu kaampii kana keessa namoonni dachaa shan caalan keessa qubatu. Kaanis kaampichaan ala daandiiwwan jireenyaaf hintollerra qubataniiru.
Baay'een godaantota kanaas biyyoota koluu galtummaan hin kennamneef irraa akka dhufan ni himama.

Madda suuraa, Reuters













