Raashiyaan ujummoo Awurooppaaf gaazii dhiyeessu cufte

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan ujuummoo gaazii Awurooppaaf itti dhiyeesitu guddicha Gaazprom sababa suphaa jedhuun guutummaatti adda kutte.
Dhaabbatni mootummaa Raashiyaa guddichi boba'aa gurguru, Gazprom, ujummoon boba'aa dabarsu, Nord Stream 1, guyyoota sadiif cufama jedheera.
Waraana Yukireeniin walqabatee warri Awuraapppaa kan harka hedduun boba'aa fi gaazii Raashiyaarratti hirkatan qoqqobbii yoo kaahan Raashiyaanis dhiyeessii ishee xiqqeessitee jirti.
Inumaa Raashiyaan boba'aa akka tooftaa waraanaatti itti fayyadamaa jirtii jedhamuun himatni irratti dhiyaachaa jiraatus, Mooskoon garuu ni haalti.
Ujummoon gaazii daddabarsu, Nord Stream 1, km 1,200 kan dheeratu yeroo ta'u, galaana Baaltik irraan Raashiyaa lafa qarqara galaanaa St Piteerispeerg irraa ka'ee hanga Kaaba Baha Jaramaniitti diriiree argama.
Bara 2011 hojii kan eegale yeroo ta'u, guyyaatti gaazii kiyuubiik meetirii miiliyoona 170 guyyaa guyyaan Raashiyaa irraa gara Jarmaniitti daddabarsa.
Adoolessa darbes ujummoon kun guyyoota 10'f kan cufamee ture yeroo ta'u, ergasiis hanga daddabarsuu danda'uurraa 20% qofa hojjechaa jira. Raashiyaan meeshaalee babbadantu keesssa jiraaf suphamuu qaba jetti.
Aanga'aan Jarmanii Raashiyaan guyyoota muraasa keessatti rakkoo jiru furtee gaazii dhiyeessuu yoo itti fufte miidhaa hanqina kanaan qaqqabu ''ni dandamanna'' jedhan.
''Raashiyaan Sanbata dhufu 20%'tti ni deebiti. garuu eenyuyyuu kana hin mirkaneessu'' jedhan aanga'aan kun.
Ministirri Diinagdee biyyattii Roobeert Habek Faayinaanshaal Taayimsitti yoo dubbatan kaampaaniiwwan Jarmanii gariin omisha dhaabaa jiru jedhanii rakkoon kun yaachiisaa ta'uu dubbatan.
Aanga'oonni Awurooppaa Raashiyaan ta'e jettee dhiyeessii gaazii dhaabuun gatiin boba'aa sadarkaa idila addunyaatti bara kana qaala'e ittuu akkaan akka qaala'u gochuu feeti jedhanii sodaatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kibxata darbe Ministirri ce'umsaa annisaa Faransaay Agnees Panniyeer Runaacheer Raashiyaan ''gaazii akka mala waraanaatti fayyadamaa jirti'' jechuun himatan.
Agnees kana kan dubbattee Gazprom dhaabbata anniisaa biyya Faransaay Engie jedhamuuf gaazii dhiyeessuu akka dhaabuu beeksisuu hordofeeti.
Dubbii himaan pireezidant Viladiir Puutiin himanna agaaziin akka meeshaa waraanaatti fayidaarra oolaa jedhu fudhataa dhabsiisanii, qoqqobbiin waarri Lixaa irra kaahaa jiran bu'uuraalee misoomaa miidhuun dhiyeessiin gaazii akka ciccitu godheera jedha.
Hanqinoonni teeknoolojii sababa qoqqobbiin dhalatan dhiyeessiin gaazii akka gufatu sababa takkattii amma jiru akka ta'es dubbate.
Waraana dura Jarman ujumoo gaazii daddabarsu Nord Stream 2 kan baasii yuuroo biiliyoona 10 gaafatu gargaaraa turte. Raashiyaan Yukireen irratti duuluu ishee hordofee garuu walgargaarsi kun dhaabateera.
Torbee darbe keessa Raashiyaan guyyaa guyyaan gaazii doolaara miiliyoona 10'tti tilmaamamu daangaa Fiinlaanditti gubdee mancaasaa akka jirtu BBC gaabasee ture.












