Maanchistar Yunaayitid haala 'qaanessaa' jedhameen xumura FA Cup'f darbe

Madda suuraa, Getty Images
Dilbata darbe dorgommii xumura FA Cupf darbuuf Maanchistar Yunaaytiidiifi kilaba Shaampiyoonshiippii keessa jiru Kooventarii gidduutti godhame qeeqa Yunaayitid irratti ka'aa ture ittuu hammeesse.
Siitiin morkii jabaa Chelsii waliin Sambata xiqqaa gaggeesse goolii tokkoof zeeroon injifatee injifattoota garee lamaanii eegaa ture.
Yinaayitid garee Piriimiyeer Liigii keessa hin jirre kana tolchee injifata jedhamee eegamaa ture. Dhugumas taphni raawwachuuf daqiiqaan 20 hanga hafutti 3-0n dursaa ture.
Achii booda wanti jiru garuu hooda ta'e. Kooventarii gooliiwwan sadii galchuun qixxee bahan. Daqiiqaa 30 dabalame keessatti Yunaayitiid injifannoo harkaa butame deebisachuu dadhabee gara rukuttaa peenaalitiitti deemame.
Yunaayitid rukuttaa peenaalitiin milkaahee qaanii biraa oole. Ta'us leenjisaa ten Haagiifi taphattootasaarra tti gaaffii guddoon ka'eera.
Ten Haag dogoggoruusaanii amanee akka ta'ettuu milkaa'ina argateen gammaduu ibse.
''Sadarkaa olaanaatti taphachuu dandeenya, garuu taphuma tokkorratti sadarkaa gad-aanaattimmoo buunee mul'anna. Kuni wanta ibsuuf rakkisuu '' jedhe.
''Taphattoota koo ifa godhee barsiisuun qaba'' kan jedhu ten Hag, yeroo akka kanaatti kanaa ol hojjechuun nurra jira. Yeroo hedduu hamilee wal buufneerra. Har'a miliqneerra.''
Yunaayitid injifatuyyuu tapha booda yaadotni gahumsi garichaa qaanessaa ta'uu agarsiisan bal'inaan qoodamaa turan.
Ten Hag guyyichi gareesaa taphattootaa gatii qaaliin quutaniif qaanessaadha jedhamuu ni morme. Gahumsi mul'ate agarsiistuu turtiiisaa leenjisummaa Yunaayitid akka hin ibsine hime.
Taphoota to'achuuf gahumsi taphattootni irra jiran murteessaadha kan jedhu ten Hag, miidhamarraa kan ka'e ittisni isaa martuu gaariirra akka hin jirre himuun, gahumsa leenjisummaa isaa qeequun sirrii akka hin taane dubbate.
Ammoo ''inni guddaan waggaa lama keessatti walitti aansuun xumuraaf darbuun milkaahina argannedha. Dogoggoroota hojjenne argeera garuu qaanii miti'' jedhe.
Leenjisaan Kooventarii Maarki Roobins taphattootnisaa seenaa kilabichaa haaraa akka dalagan dubbate.
''Waayee tapha kanaa namoonni yeroo dheeraaf kan dubbatan ta'a'' jedhe.
Gareen kun ji'oota dura Lutan waliin piriimiyeer liigiitti ol guddachuuf taphatee rukuttaa penaalitiin mo'amee shaampiyoonshiippii keessatti hafe.
'Yunaayitiid garee Shaampiyoonshiippii Kooventeriin ammoo garee Priimiyeer liigii fakkaatu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaada ten Hag kenne kanatti xinxaltootni kubbaa miilaa hedduun waan walii galan miti.
Xiinxalaan kubbaa Iskaay Ispoort Jiimii Kaaraager ''taphattootni Yunaayitid qaanii keessa jiruu jedhee amana'' jedha.
Kaaraager yoo dubbatu ''Maark Roobins leenjisaa Yunaayitid amma hojiirra jiruun akka gaariitti ibse: har'a guyyaa leenjisaa Maanchistar Yunaayitid hojiisaa dhabsiisudha. Akka inni itti oole naaf hin galu. Kutaan huccuu itti jijjiirratan injifannoon booda kan qaaniin guutame ta'a'' jedhe.
Dursaan taphattoota duraanii Yunaayitid Rooy Kiin ammoo Huuyland rukuttaa peenalitii injifannoo Yunaayitid erga galchee booda gammachuu yoo ibsatu boodasaa taphataan akka hin turre yoo argitu qaaniin jiraachuu hubatta jedha.
''Ani wantan argun amanuu dadhabe. hooggansa barbaaddee dhabuun arge.''
Tapha kana waan injifataniif taphattootni fi deeggartootni Yunaayitid heddu gammadoo hin turre jedhe.
''Kooventariin garee Piriimiyeer Liigii, Maanchister Yunaayitid ammoo garee Shaampiyonshiippii fakkaatu. Kun hunduu leenjisaa gubbaa dhiibbaan akka jiraatu godha.''
Taphataan ittisaa duraanii Yunaayitid Gaarii Nevil tapha xumuraa bara walitti aanuuf Siitii waliin walitti dhufan kana injifachuun ulfaatus sana injifachuu danda'uun turtii leenjisaa ten Haag mirkaneessuu danda'a jedha.












