Arsenaal fi Maan Siitiin Shaampiyoons Liigii keessaa galan, maaltu jedhamaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Kilqaboonni Ingilaand jajjaboo lamaan Piriimer Liigii keessatti duraafi duubaan sadarkaa tokkooffaafi lamaffaarra jiran Maanchester Siitiin fi Arsenaal Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessaa ari'aman.
Arsenaal seenaa keessatti hawwii Shaampiyoons Liigii argachuuf qabu dhabeera. Baayer Muniik Aliyaanz Areenaarratti goolii Joshuwaa tokkittii daqiiqaa 63ffaa irratti lakkoofsiseen adabee gaggeesseera.
Torban darbe dirree isaa Emiretis, Landan irratti 2-2 walqixa kan bahe Arsenaal, sababa miidhamaatiin taphattoota ciccimoo kan hin taphachiisne Baayer Muniik mo'achuu ni yaala jedhamee yaadamee ture.
Tapha Kibxata galgalaa boqonnaa duraarratti Arsenaal sochii gaarii agarsiisuun, carraa goolii ta'uu danda'anillee uumee ture. Kan Gabreel Maartineeliin carraa gaarii argatee harka karra eegaa Baayer Muniik Maanu'el Nuweritti kenne fakkeenya tokkodha.
Amballiin Arsenaal Maartiin Odegaar ammoo yaalii bareedaa fageenyarraa yaaleen karra eegaa Baayer Muniik xiqqumaaf oolche.
Boqonnaa dura Baayer Muniik hagas mara itti tolaa hin turre. Taphataan isaanii sarara duraa Harii Keen daqiiqaa 45 jalqabaatti kubbaa kan tuqe si'a sagal qofa ture.
Akka waliigalaatti garuu gareen lamaanuu carraa goolii isaan uuman xiqqaa ture.
Shaampiyoonaa bara darbee kan ture maanchester Siitiin, hawwii inni bara kana shaampiyoonummaa isaa eegisifachuuf ture kilaba guddicha Ispeen-Riyaal Maadiriidiin jalaa karaatti hafeera.
Torban darbe gara Ispeen deemee dirree Riyaal Maadiriid irratti 3-3n walqixaan xumuree kan deebiye Maanchester Siitiin, Kibxata ammoo dirreesaa Itihaad irratti goolii Roodiriigoo warra Riyaal Maadiriidiin hanga daqiiqaa 90n dhumuuf 4 hafutti durfamaa tureera.
Garuu taphataan Maan Siitii yeroo hunda murteessaa ta'e Keviin Debiruuneen lakkoofsisuun walqixa taasiseera. Garuu daqiiqaa 90 dhmee saatii dabalataanis goolii malee xumuramuun gara rukkuttaa penaaliitiin adda bahuutti deeman.
Rukkuttaa penaaliitiirratti Moodiriich warra Riyaal Maadiriid yeroo lakkoofsisuu dadhabu, Maanchester Siitiif abdiin uumamee ture. Haata'u malee, boodarra taphattoonni Maan Siitii Bernaadoo Silvaa fi Kovaachiich osoo hin lakkofsisiin hafan.
Rukkuttaa penaalitiidhaan Riyaal Maadirid Maan Sitii 4-3n mo'atee Shaampiyoonaa bara darbee taphaan ala godheera.
Maanchester Siitiin kubbaa to'atanii taphachuutiin mo'achuun isaaniif mala ture, garuu hin taane.
'Arsenaal 'deeggarsaafi jaalala' barbaadu
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa erga dorgommii Shaampiyoons Liigii keessaa bahanii booda 'deeggarsiifi jaalalatu' isaan barbaachisa jedhe.
Arsenaal dhaqaa galaan goolii waliigalaa 3-2tiin Baayer Muniikiin mo'ame.
Arsenaaliif kun torban tokko keessatti si'a lama mo'amuu isaati. Dilbata darbes dirreesaa Emiretis irratti Aston Viilaatiin 2-0n mo'amee carraa Piriimer Liigii dursuu Maanchester Siitiif dabarsee kenneera.
"Akka hin gaddineef jechaan ittiin taphattoota kana jajjabeessu argadhee nan jaalladha. Anis ta'e hojjettoonni leenjii hunduu taphattoota kanneenitti dhiyaannee jajjabeessuu qabna," jedhe Arteettaan.












