Arsenaaliifi Liivarpuul 'arkiteektoota kufaatii mataa ofii bocaniidha'

Taphootni Piriimiyeer Liigii torban 33ffaa gaggeefamuu dura Arsenaaliifi Liiverpuul qabxii walqixaan gooliin walcaalaanii tokkoffaaf lammaffaa, morkataan isaanii jabaan Maanchistar Siitiin ammoo qabxii lamaan irraa fagaatee sadaffaa ture.
Sambata xiqqaa Siitiin dirreesaa Etihaaditti Luutaniin 5-1n injifatee tokkoffaatti yoo ol dhufu, Liivarpuuliif Arsenaal tapha guyyaa itti aanu godhan injifatanii sadarkaa isaaniitti deebi'uuf abdatanii turan.
Garuu hin taane. Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa torban dura ''Arsenaaliifi Liiverpuul qabxii ni gatu'' jedhee ture. Akkasuma ta'e.
Dilbata sa'aa 10 irraa egalee dirreesaaa Anfiilditti Kiristaal Paalaasiin kan keessummeesse Liivarpuul goolii jifataan Paalaas Ezeen daqiiqaa 14ffaarratti galcheen taphni harkaa bade.
To'annoo kubbaa dhibbeentaa 73 fi yaalii gooli 21 taasisee, kubbaawwan goolii ta'uu danda'an hedduu qisaasuun dirreesaatti qabxii sadii warra keessummaaf arjoome.
Arsenaal ammoo sa'aa 12:30 irratti hirmaannaa Shaampiyoons Liigii bara dhufuu kan adamsu Astan Viilaa simatee hanga daqiiqaa 84tti waldhaansoo qabee harka kennate.
Astan Viilaan daqiiqaa 84ffaatti Leyoon Beeliiyn, daqiiaa 87ffaatti ammoo Olee Waatkiinsiin galchiiwwan lama lakkoofsiseen imala injifatamuu dhabuu Arsenaalitti xumura godhe.
Ogeessi Kubbaa miilaa xiinxaluufi BBCf barreessu Fiil Maaknuulti wanti Arsenaaliifi Liivarpuuliin garaa gubu, ''arkitektoota kufaatii mataa ofii bocan ta'uudha'' jedha.
''Mo'achuun yeroo akkaan isaan barbaachisutti gahumsa gad-aanaa agarsiisan'' jedhe.
Barruuwwan Ingilaand mata dureewwan ''Guyyaa hireen waancaa kallattii tti jijjiirrate'', ''Morkattootni Siitiif hiree bal'isan'', ''Arsenaaliifi Liivarpuul Siitiif kennaa waancaa dhaaman'' jedhaniifi kana fakkaatan qabatanii bahan.
Dhugumattis torban darbe hireen waancaa harka keenya hin jiru jedhanii morkattootasaanii ofii olitti ilaalaa warra ture Siitiif guyyaa kennaa ture.
Siitiif boqonnaa guddaa kan ta'e ammoo morkattootni lamaanuu guyyaa tokkotti boodasaa ta'uudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sambata darbe Luutaniin erga injifatee booda yaada kan kenne Gaardiyoolaan ''ijoolleen koo dhiibbaa jaalatu... Shaampiyoonaa ni taana jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Garuu ammoo hanga dhumaatti dorgomna'' jedhe.
Amma Siitii, Arsenaaliifi Liivarpuul gidduu garaagartummana qabxii jiru lama qofa. Erga bara 1998/99 yeroo duraaf dorgommichi torban 33ffaarra osoo jiruu garaagarummaan qabxii hanga kana qofa yeroo ta'u kun kan jalqabaati.
Gurmuun sirna kompiitaraa Optaa, amma dura tilmaama Siitin waancicha ni nyaata jedhee tilamaama kaahee ture irra deebisee sirreessuun Liivarpuuliif kennee ture amma deebisee hiree guddaan harka Siitii galuu ibseera.
Ammalle dorgommichi rraawwateera jedhamuurraa fagoo jira. Taphoota hafan gidduutti wanti ta'uu hin dandeenye hin jiru. Taphni tokkoo halaa ammaa jijjiiruu danda'a.
Maaknuultii garuu kun ta'uu isaaf Arsenaaliifi Liivarpuul humna haaraan, gahumsa addaatti dhufuu qabuu jedha.
Kanaa achi garuu Siitiin yeroo walitti aanu afuriif shaampiyoonaa ta'uun riikardii haaraa galmeessuuf ta'a.












