Liivarpuul dirreessaatti 3-0n mo'ame, Yirooppaa Liig keessaa galuusaatii?

Liivarpuul Atilaantaan injifatame

Madda suuraa, Getty Images

Waancaa Yirooppaa Liig ni nyaata jedhamee kan abdatame Liivarpuul dirreessaa Aniifilditti kilaba Xaaliyaan Atilaantaan 3-0n ijifatame.

Liivarpuul gahumsa gad aanaa Kamisa galgala agarsiiseen imala taphoota 33f dirreessaatti mo'amuu dhabuutti xumura godheera.

Yeroo dhumaaf dirreesaarratti kan injifatame bara darbe dorgommii Chaampiyoonsi Liigii dorgommii mo'anii darbuurratti Riyaal Madriidiin wayita injifatamu ture.

Leenjisaa Yargan Kiloop barri dorgommii kun wayita raawwatamu kilaba waggaa sagaliif tajajile akka gadhiisu ibsuu booda waancaadhaan gaggessuuf Liivarpuul ni kaka'a tilmaamni jedhu guddaa ture.

Akka Optaa, kan sirna koompiiwtaraa gurguddaan tilmaamota hojjetu jedhutti waancaa Yirooppaa Liigii injifachuuf hiree bal'aa kan argate Liivarpuul ture.

Tilmaama gad aanaa garee Atilaantaaf kenneen taphattoota filannoo jalqabaa hin taaneen taphicha eegale jedhamuun kan qeeqame Kiloop, gahumsa taphattoota isaatiin dinqamuu hime. ''Akkasittis edaa taphachuu danda'uu'' jedhe.

Gahumsi har'a agarsiisne hedduun oops, woow akkasittis edaa taphachuu danda'uu. '' isa jechisisuu dubbatee, baayyee badaa turee jedhe.

Taphataan duraanii Liivarpool Waarnook ''dirree keessatti dogoggora hedduu hojjachaa turan.Waan dadhabanis fakkaatu'' jehde.

''Bara dorgommii tokkotti taphoota 56 kan taphatan fakkaatu. Sammuufi qaamni isaanii dadhabuun irraa mul'ataa'' jedhe.

Liivarpuul dorgommii Awurooppaarratti tapha marsaa jalqabaa dirree ofiitti mo'amee dirree alagaa deemee seenaa garagalchee beeka.

Amma seenaa sana irraa deebi'uu danda'aa?

Leenjisaa Kiloop ''deebinee injifachuu dandeenyaa? Eyyen. Jabaannee yoo taphanne ni dandeenya. 3-0n injifannaa? isawoo hin beeku''jedhe.

Dursaan taphattootaa kilabichaa Virjil Vaandaayik Xaaliyaanitti imalanii akka injifatan hin amanan yoo ta'e garas imaluun faayidaa akka hin qabne dubbate.

''Goolii 3-0n injifatamnee garas imaluudhaan haala ofitti jabeessineerra. Garuummoo qabxii san jijjiruu kan dandeenyu tapha Dilbata qabnu injifachuuni.''

''Gahumsa keenyaatti deebinee achitti yoo xiqqaate goolii afuriin mo'achuu qabna'' jedhe.

Jifataan Liivarpuul duraanii Piiter Kiraawuch ''qabxii kana jijjiiruun yoo danda'ame kan danda'u garee kana'' jedheera. Gooliin itti gali sadii ta'uun garuu dubbii cimsuu hime.