Akeekkachiisa ISn booda tapha Shaampiyoonsi Liigiirratti to'annoon nageenyaa cime

Istaadiyoomii Emireets

Madda suuraa, Getty Images

Akeekkachiisa miidiyaan garee IS (Islaamiik Isteet) waliin hariiroo qabu baaseen booda dirreewwan shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessummeessanitti eegumsi nageenyaa cimsamuufi.

Chaanaaliin hidhata IS qaba jedhamu poostaroota irra deddeebiin maxxanseen istaadiyoomiiwwan dorgommii Nuusa Xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Kibxataa fi Roobii keessummeessanitti haleellaan akka raawwatu waamicha godheera.

Waldaan kubbaa miilaa Awurooppaa bulchu, Uefa, dhaadannoolee godhaman quba qabaa jedhee, taphootni Maadrid, Paarisiifi Landanitti gaggeefaman garuu akkuma karoorfametti gaggeeffamuu jedhe.

Ministiroonni Faransaayiifi Ispeen qaamolee nageenyaa hedduu bobbaasuun nageenyaa cimsuu isaanii mirkaneessaniiru.

Ministiri Biyya keessaa Faransaay Jeeraald Darmaniin tapha PSG fi Baarseloonaa Roobii gaggefamuuf qaamoleen nageenyaa ni bobbaafamuu jedhaniiru.

Ministirichi guyyoota 10 dura IS suura istaadiyoomii Miiyuuniik qooduun galmoota ispoortiirratti haleellaan akka raawwatu waamicha godheera jedhan. Kanarraa ka'uun dhageettii Shaampiyoonsi Liigiin qabu hubachuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin dubbachuu himani.

Ipeenis guyyaa haraa'ifi boruu morkiiwwan gurguddoo Awurooppaa keessimmessiti. Inni tokko isa galgala har'aa Maadriiditti Riyaal Maadriidiifi Maanchistar Siitiin morkataniidha. Guyyaa Roobii ammoo Atileetikoo Maadriid, Booruushiyaa Doortimuundiin morkata.

Ministirri Ispoortii Ispeen Pilaar Aleegriyaa, ergaa ''tasgabbaa'aa'' jedhu dhaamaniiru. Itti dabaluunis ''poolisoonni 2,000 fi eegdonni siivilii bobbaafamaniiru'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal dirree Emireetsitti Miiyunikiin yoo morkatu dhaadannoon kun dhugaa akka hin taane eegumsi dabaluu Gargaaraan Komishineraa Poolisii Bulchiinsa Landan Adee Adelekaan ''dhaadannoolee onlaayinii fi miidiyaalee kaanii taphoota Awurooppaa xiyyeeffachuu argineerra'' jedhan.

Ammoo ''eegannoo cimaa ta'e qopheessuu uummataaf mirkaneessuun barbaada'' jedhan.

Taphni galgala kanaa nagaan akka gaggeeffamee raawwatu qaamolee nageenya kilabootaa eegan waliinis akka dubbatan himaniiru.

Chaanaaliin warra IS waliin hidhata qabu suurota Istaadiyeemii Landan, Bernaabuu, Meetroopolitaanoofi Paar dees Priinsees Paaris jiru maxxansuun halleelaan akka raawwatu waamicha godhe.

Dhaamsi dhaadannoo kun addatti tapha fo'e akeekkachiise hin qabu. Miidiyaan kun kallattiin IS waliin hidhata qabaachuunis adda hin baane.

Garuu ammoo akeekkachiifni kun akka dhoobamu IS irraa ajjni dhufuufii hin oolu jedhameera. Hooggantootni garichaa miidiyaalee idilee fi onlaayinii waliin hariiroon akka jabaatu ejjennoo qabataniirus odeeffannoon jedhu jira.