Baarseloonaan morkii taphattoota kudhaniin leenjisaa lama kaardii diimaan dhabee mo'ame komate

Kiliyaan Imbaappee gammachuusaa yeroo ibsatutti

Madda suuraa, Getty Images

Tapha nuusa walakkaa lama halkan taphatameen kilaboonni Ispeen lama-Baarseloonaafi Atileetikoo Maadiriid keessaa galaniiru. Baarseloonaa dirree ofiisaarratti kilaba Faransaay guddicha PSGn mo’amee kufeera.

Torban darbe dirreesaarratti Baarseloonaa simatee 3-2n kan mo’ame PSGn, tapha Kibxata Ebla 16, 2024 galgalaatiin Ispeen deemee goolii 4 lakkoofsisuun dhaqaa galaan galchii 6-4n mo’ateera.

Kiliyaan Imbaappeen goolii afur PSG Baarsaarratti galche keessaa lama lakkoofsisuun dubbii gargalchuun gareen isaa xumura walakkaa Shaampiyoons Liigiif akka darbuuf gargaareera.

Goolii lamaan hafan ammoo Osmaan Dembeeleefi Vitinhaatu PSGf lakkoofsise.

Kubbaa bareedaa taphataan umurii xiqqaa warra Kataalaan Lamiin Yaammaal Rafiinaatiif kennee inni lakkoofsiseen dursuu jalqabanillee, boodarra taphataan sarara ittisaa isaanii Roonaald Arawuhoo kaardii diimaan jalaa ba’uusaatiin dubbiin itti hammaatte.

Baarseloonaan daqiiqaa 60 taphattoota kudhaniin taphachuuf dirqameera.

Amma gareen Liwiis Eneriikee, PSGn, xumura walakkaatiif kilaba Jarmanii Boruusiyaa Doortimand walin taphata.

Boruusiyaa Doortimand torban darbe qe’ee Atileetikoo Maadiriid deemee 1-2n mo’amee deebiyus Kibxata galgala garuu dirreesaarratti 4-2n mo’achuun goolii dhaqaa galaan 5-4n injifateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Boruusiyaa Doortimund wagga 11 keessatti yeroo jalqabaatiif xumura walakkaa Shaampiyoons Liigiif darbuu mirkaneeffate.

Kilaboonni lamaan amma xumura walakkaa Shaampiyoons Liigiif darban kunneen, PSG fi Boruusiyaa Doortimand tapha nuusa xumuraa marsaa duraatiin mo’amanii marsaa lamaffaarratti garuu mo’achuu danda’an.

Taphaataan lammii Faransaay Kiliyaan Imbaappeen taphoota dhaaqaa-galaa marsaa lamaan turerratti gara caalu ‘callisaan’ dabarse. Haata’u malee, Dembeleen taphataa Baarseloonaa Kaanselootiin goolii fuula duratti takaalamee waan kufeef hireen liigoree lakkoofsisuu Imbaappeef kennamte. Innis lakkoofsisee gareesaa dursa qabsiisuun ofii ho’ifatee dirrees ho’ise.

Kanaanis hin dhaabne Imbaappeen, taphni gara dhumaatti dhiyaatee daqiiqaa 89 irra yeroo gahu, goolii biraa lakkoofsisuun mirgaan akka qe’eetti deebiyan mirkaneesseef.

Erga bara 2011 harka Qataar Ispoortis Invarstimant galee, PSGn Liig 1 Faransaay keessatti si’a sagal mo’ateera. Haata’u malee, hawwii abbaa qabeenyaa kan ta’e Shaampiyoons Liigii mo’achuu garuu hin dandeenye.

Bara 2020 xumuraaf gahee turus, Baayer Muniikiin mo’amee waancaa dhabe.

Ganna kana gara Riyaal Maadiriid kan deemu Kiliyaan Imbaappeen, mo’icha PSGf argamsiisee gaggeessaa bareedaan akka ta’uuf hawwa.

Liwiis Eneriikeen tapha dura yaada keennaan, kilabni isaa dubbii akka galagalachan amantaan irraa qaba jedhe. Akkuma inni jedhetti, PSGn abshaalummaatiin socho’anii Baarseloonaa q’eesaa, deeggartoota fuulduratti halkan rakkisaa keessa akka darbu taasisaniiru.

Leenjisaan Baarseloonaa Zhaaviin aariin itti cimtee miira hin taane agarsiisuusaatiin kaardii diimaatiin istaadiyeemii keessaa ari’ameera. Itti aanaan isaas akkasuma dura kaardii keelloo argee ture amala hin taane agarsiiseen kaardii dabalata arguun dirree keessaa baheera.

Xaaviin tpha boda yaada kenneen murteen daanyaa gatii isaan baasisuu komate.

''Haalli tapha itti gaggeesse gaarii akka hin taane dubbachaan ture. Daanyaan badaa ture.''

Ittisni isaa Arawuhoo badii dalaguyyuu kallattiin kaardii diimaa arguun murtee hin madaalleedha jedhe.

'Barana Shaampiyoons Liigii hin mo'annu taanaan'...Keen

Har’a galgala ammoo taphoota Shaampiyoons Liigii lamatu gaggeeffama.

Tapha marsaa duraan torban darbe dirreesaa Emiretisitti Baayer Muniik simatee goolii 2-2 walqixa kan xumure Arsenaal, har’a gara Jarmanii deemee hiree isaa bara.

Taphataan sarara duraa Baayer Muniik bara kana Shaampiyoons Liigii hin mo’annu taanaan kufaatiidha jedhe.

Bondosliigaa Jarmanii waggoota 11f walitti aansee kan mo’ate Baayer Muniik, bara kana garuu Baayer Leverkuusan jalaa fudhateera.

Kilabni Ingiliz biraan Shaampiyoons Liigii kana morkataa jiru Maanchester Siitiin ammoo tapha marsaa lamaffaatiin RiyaalMaadiriid kan torban darbe 3-3n walqixa bahe simata.

Maanchester Siitiin bara darbe Shaampiyoons Liigii, Piriimer Liigiifi FA Cup mo’ateera. Bara kanas milkaa’ina kana irra deebiin mirkaneessuu barbaadna jedha taphataan sarara gidduu Maanchester Siitii Bernaandoo Silvaa.

Taphni xumura walakkaa Shaampiyoons Liigii marsaa jalqabaa Ebla 30 fi Caamsaa 1 taphatama. Marsaanlamaffaa ammoo Caamsaa 7 fi 8 taphatama.