Arsenaal Harii Keeniin sodaachuu hin qabu -Odegaard

Madda suuraa, BBC Sport
Tapha nuusa-xumuraa Shaampiyoons Liigiitiin har'a Arsenaal Baayer Muniik, Maanchester Siitiin ammoo Riyaal Maadiriid waliin taphatu. Maaltu eegama? Maaltu jedhamaa jira?
Arsenaal jifataa Baayer Muniik kan ta’e Haarii Keen “hin sodaatu” jedhe Amballiin Arsenaal Maartin Odegaard.
Shaampiyoonaa Jarmanii kan ta’e Baayer Muniik tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa xumura-walakkaa har’a Arsenaal waliin taphata.
Kilaba Landan masaanuu Arsenaal ta’e Tootenhaam Hotispar irraa ganna darbe keessaa Baayer Muniikitti kan makame Harii Keen, erga deemee goolii 38 kilabichaaf lakkoofsiseera.
Taphataa lammii Ingilaand kan ta’e Keen, kanaan dura taphoota 19 Tootenhaamiif hiriiree Arsenaal morkatanirratti gooliiwwan 14 lakkoofsiseera.
Tapha dhaqaafi galaa kanaan har’a, Kibxata Ebla 09 galgala dirree Arsenaal-Emiratisitti waliif ba’u.
“[Inni] taphataa cimaadha, dandeettii inni yeroo safara karra gooliitti dhiyaatu agarsiisu ni beekna,” jedhe Odegaard.
“Isa kabajuun nurra ni jiraata garuu nama kamiyyu sodaachuun nurra hin jiru, ofii keenyarratti xiyyeeffachuun nurra jiraata.”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keen taphoota Shaampiyoons Liigii baranaa keessatti taphatttoota goolii baayyee lakkoofsisan akka Erliing Halaand, Kiliyaan Imbaappeefi Antonii Giriizmaan keessaa tokkodha.
Keen taphoota saddet taphatee goolii ja’a lakkoofsiseera.
Taphataan kun Awurooppaa keessatti gooliiwwan hedduu lakkoofsisuudhaan sadarkaa qaba.
Taphataan sarara fuula duraa Arsenaal Gabreel Jeesus, “ Keen addunyaarratti taphataa kubbaa gooliitti jijjiiree xumuruun tokkoffaadha,” jedhe. Manaajerri Arsenaal Mikeel Arteettaan ammoo “waggoota 10 darban keessa baayyinni goolii lakkoofsisee ajaa’iba,” jedhe.
Keen akka kana goolii haa lakkoofsisu malee garuu Baayer Muniik bara kana waancaa Bondosliigaa Jarmanii walitti aansuun 12ffa fudhachuuf turan milkeessuu hin dandeenye. Bondosliigaa keessatti amma dursaa kan jiru Baayer Liivarkusan qabxii 16n Baayer Munikiin caalee jira.
Arsenaal garuu Piriimer Liigii keessatti taphoonni torba wayita hafee jiru kanatti dursaa jira.
Baayer Muniik bara darbe xumura-walakkaa Shaampiyoons Liigii qaqqabanii kan turan yoo ta'u, bara 2020 ammoo mo'ataniiru.
Leenjisaan Muniik Tomaas Tuheel aarii bara kana Bondosliigaa keessatti qaban Arsenaal mo'achuun of jajjeebeessuu barbaadu, garuu Arsenaal "qormaata" guddaa akka itti ta'uu malus hin daganne.
"Arsenaal yeroo ammaa kana Piriimer Liigii keessatti kilaba filatamaa tokkoffaadha. Ragaan jirus kana agarsiisa," jedhe Tuheel Wixata ibsa kenneen.
"Nuti cimina keenyaafi akkamitti akka dhukkubbii itti taanu ni beekna. Shaampiyoons Liigiin tapha nuti waggoota muraasa darban keessa muuxannoo itti argannedha. Muuxannoo qabnu kanas akka nuuf ta'utti dhimma itti baana."
Leenjisaa duraanii Chelsii kan ture Tuheel, muuxannoo Harii Keen Arsenaal waliin taphachuurratti qabus murteessaadha jedhe.
"Harii Keen tapha xumura-nuusaa Shaampiyoons Liigiitiif Arsenaal deemuun isaa gammachiisaadha," jedhe Tuheel
"Goolii lakkoofsisuun isa gammachiisa waan ta'eef kan isa dhaabu jira jedhee hin yaadu. Harii Keen akka ati mo'attu si gargaara. Akka hojjennu nu gargaara."

Madda suuraa, Getty Images
Maan Siitiin shaampiyoonummaa isaa eeggataa?
Maanchester Siitiin dursaa Laliga kan ta'e Riyaal Maadiriid waliin taphata.
Gareen gurguddoo kunneen lamaan kan bara 2022fi 2023 xumura-walakkaarratti waliif bahan dabalatee baroota darban afur keessa sadarkaa mo'atanii darbuurratti si'a sadii walii ba'aniiru.
Tapha dhaqaa galaa amma waliin qabaniin har'a Ebla 9 dirree Riyaal Maadiriid, Saantiyaagoo Barnaabaa'uutti taphatu. Ebla 17 ammoo dirree Maanchester Siitii, Itihaad irratti taphatu.
Shaampiyoons Liigii Awurooppaa bara darbe kan mo'ate garee Peep Gaardiyoolaa kanadha. kanaaf, Maanchester Siitiin Shaampiyoonummaa isaa kana akka hin eegganne ykn baranas hin fudhanne dhorkuu danda'u jiraa?
Ogeessonni BBC Raadiyoo 5 gaaffii kanaaf 'Lakki' jedhan. Kana jechuun Maanchester Siitiin baranas ni mo'ata jechuudha.
Gareen kunneen lamaan kilaboota addunyaarratti kan isaaniin gitu hin jirre waan ta'eef tapha salphaa ta'uu baatus tilmaamni jiru garuu Maanchester Siitiin akka amo'atudha.
BBC Raadiyoo 5 irratti kan dubbeti ogeessi kubbaa Guulem Balaaguu, "Isaan {Maanchester Siitiin} Awurooppaa keessatti garee taphattoota ciccimoofi manaajera cimaa yeroo taphatanitti waan ta'e hundaaf dafanii deebii gahaa kennuu danda'an qabudha," jedhe.
"Tapha kana mo'achuudhaafis waan barbaachisu hunda ni qabu."












